21/04/2022
olkaasen dubbadha.
.
bara hama hedduu dabarseera, rakkina keessa dhabate dhalasaa barsifachuu itti beeka, qooqasa hidhatee, bu'ee ba'ee bakka yaaden ga'ata.
Uummata ofitti boonu malee uummata boohu miti.
Uummata waljalatu, uummata waliif oo'u malee uummata wal irra baqatu miti. Bara beela walii liqeessee bara wal baasa malee baratti walin kennu.
Ummani kun dur yeroo dukkana bara cunqursaan diina irra tureyyu callise hin teenye uummata dhalasa barsifatee dhalasaa garbummaa keessa baasuf tattaafatudha. Gindabarat rakkoo bu'uura misoomaa qabatuyyuu rakkoodhaaf harka kennee hin beeku, kun dhugaa eenyumtuu haalu hin dandeenyedha.
Har'a garu maqa guddaa ABO jedhu da'eefate uummata kana erga qabatee booda roorroon uummani kun arge laayyoo miti. Maqaa kana laalet harka kenne male otoo gocha isaan har'a goodhan kana dursee beeke waan godhu itti beeka tureyyu. Malgodhure lafa cininanit beekure, yartuun maqaa guddaa kana da'oo godhatte, uummata kabajama kana salphiste, maqaa kana ilaale meeshasaa hikkate, maqaa kana ilaalee, jilbeefate, maqaa kana ilalee xiinsammuu midhame.
sadii dabarsee maatin erga wal argee.
cubbuu ta'eet namni wal bitee wal gurguree.
Yaarabbii araar🙏