Amanuel G.Benti

Amanuel G.Benti

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Amanuel G.Benti, College & University, Addis Ababa.

20/01/2026

“"Warri fakkeenya waaqayyolii muka irraa hojjetaman baatanii yaa'an, warri waaqayyolii nama fayyisuu hin dandeenyetti sagadanis beekumsa hin qaban;
— Isa. 45:20 የተቀረጸውን የምስላቸውን እንጨት የሚሸከሙና ያድን ዘንድ ወደማይችል አምላክ የሚጸልዩ እውቀት የላቸውም።

11/01/2026


💪💪 💪💪

👉Biyya Awurooppaa keessatti namicha saayintistii beekamaa tokkotu ykn tokko gaaffiiwwan armaan gadii gaafata ture
👉 _ Yesuus kiristoos kan inni du'ee dhiigasaa dhangalaase cubbuu ilmaan namootaaf mitii ?
👉 _ Eeyyee
👉 _ maaliif cubbuun baayyachaa adeemeree ?
👉 _ Namni warshaa saamunaa keessaa hojjetu tokko ni xuraa'amoo hin xuraa'u ?
👉 _ Ni xuraa'a malee
👉 _ Waan warshaa saamunaa keessaa hojjetuuf xuraa'uu hin dhiisu erga ta'eehoo ?
👉 _ Saamunaa tokko fudhatee miiccatakaa
👉 _Dubbiin akkasumagaa
👉 _ Waldaa kiristaanaa dhaquun maaf barbaachise manuma ofiitti yoo waaqessanoo ?
👉 _ Namni markaba oofu tokko eessa deemuu qabaa?
👉 _ Bakka galaanni jiru
👉 _ bakka galaanni jirutti markaba oofu erga ta'ee bakka waldaan jirutti waaqessu
👉 Uumama kana hundumaa maaltu uumee ?
👉 Waaqayyotu uume
👉 Waaqayyoonoo eenyutu uume ?
👉 Biqilootni yoo dheebotan maal godhuuf ?
👉 Bishaan obaasukaa
👉 Bishaanni yoo dheebotehoo ?
👉 Abboo bishaanni hin dheebotugaa
👉 Abboo Waaqayyos hin Uumamugaa
Jedhee deebiseef jedhama
👉 Waan dubbistaniif galatoomaa
Waan gaafatamtaniifimmoo deebii hin dhabiinaan dhaamsakooti.
Waanan har'a dubbisee irraati.

16/10/2025


🙄

12/10/2025

🦓

➕Akkam jirtu saba koo! har'a immoo seenaa ajaa'ibaa Kitaaba Ortodoksiirraa isinitti himuuf dhufeera. Seenaa ajaa'ibaa kana kanan argadhes kitaaba gara hallayyaatti (gadaliitti) nama darbachuuf barreeffame kitaaba sheekkoo “ ” jedhamu keessaa ti.

- Kitaabichi Maal jedha seetani? “Iyyesuus Abune Salamaa hammatee afaan isaa dhungate.” 🙄🤔

📑 67 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎

#𝑖𝑛𝑑𝑒𝑒! 🙄 Kun seenaa baayyee jibbisiisaa fi safuu hin qabnee ykn dham. Yaa saba koo kitaaba akkasii kanarraa of eeggadhaa toles jettanii hin fudhatinaa!!

➢Yaa saba koo jaallatamoo sheekkoo seexanni barreesse kana dhiisaatii gara dubbii Waaqayyootti deebi'aa.

➢Yaa Obboleessa/obboleettiiko na dhaggeeffadhu hin gowwoomin. Kun Gadilii sobaa ija baase dha.Kitaaba akkasii kana gatii gara Iyyesus koottu inni si fayyisa.

➢Asitti ykn kutaa yaadaa jalatti namni na arrabsitu ykn na abaartu ammas irra deebi'een sitti hima “ qofatu nama fayyisa”. Maariyaam,Tekle Haymanot, Gabri'eel hin fayyisan, Waaqayyo abbaattis nu araarsuuf angoo isaa hin qabaniitii hin goyyomin.

➢ Sagaleen Waaqayyoo namni maqaa gooftaa Iyyesuus waamu ni fayya jedha.

“Maqaa gooftaa kan waammatu hundumtinuu immoo in fayya ” [✔️📖 HoE. 2:²¹]
Fakkeessitoonni ykn mormitoonni macaafa qulqullummoo "Namni maqaa Maariyaam waamu ni fayya" jedhu.
Dhuguma dhuguman siin jedha maqaa tokkicha fayyinaaf nuuf kenname maqaa " " jedhamuun alatti fayyinni gonkumaa argamuu hin danda'u hin shawwadamin!

06/09/2025

👂 👂
.
======Dubbisaamee Isin fayyada👇

⁻Kitaaba Sa'aataatii keessatti kadhannaan addunyaa fayyiseera jedhameera. [ 𝑓𝑢𝑢𝑙𝑎 ²⁵].G𝑎𝑑𝑖𝑙𝑒 irratti,Zikirii/yaadannoo 𝐓𝐚𝐤𝐥𝐚_𝐇𝐚𝐲𝐦𝐚𝐚𝐧𝐨𝐨𝐭 yoo goote nii fayyita jechuun dubbata [ 𝑏𝑜𝑞𝑜𝑛𝑛𝑎𝑎 2:⁴⁻⁵,⁹⁻¹¹].kan biraa dhiisiitii ​​Gadilii kana irratti seexanni mataansaa illee qulqullaa'uu danda'a jedha.[𝑏𝑜𝑞𝑜𝑛𝑛𝑎𝑎 48:¹⁻⁴] Keessumattuu guyyaa Dilbataa fi Kamisaa bofa yoo ajjeefte shakkii tokko malee daandii qajeelummaatti galtee jirta jechuu dha.[ 𝑏𝑜𝑞𝑜𝑛𝑛𝑎𝑎 51:⁶] Namni bakka itti awwaalamettis ta'e iddoo manni kiristaanaa [bataskaanni] maqaa isaan moggaafamee ijaarametti awwaalame nii fayya [ 𝑏𝑜𝑞𝑜𝑛𝑛𝑎𝑎 54:¹²)]. /𝑘𝑎𝑎𝑤𝑎𝑙𝑎 isaa keessa osoo jirtuu garaa kaasaatiin yoo duutemmoo addadha, gonfoo qajeelummaa salphaamatti argatta.[ 𝑏𝑜𝑞𝑜𝑛𝑛𝑎𝑎 54:²³]

Isa kam kaafnee kam dhiisnaa? Gadaamii baay’ee kan qaban yoo ta’u,namni isaanii kana hunda isaarra naannaa'ee yoo '𝚎/ /
cubbuu isaa irraa nii qulqullaa'a.

,Taammiraatii,Gadilaatii,Dirsaanaati heedduutu bataskaana Ortodoksii keessa jira.kitaaboota kunneen namni dubbise nii qulqullaa'a. Namoota qulqullootaa hedduutu jiru waan ta'eef maqaa isaanii fi ergamootatiin yaadannoo warri godhan nii fayyu.
Walumaagalatti amantootni [ keessumayyuu 𝑖𝑗𝑜𝑜𝑙𝑙𝑒𝑒𝑛 𝑡𝑎𝑘𝑖𝑙𝑖𝑦𝑦𝑒𝑒 ] gochoota armaan oliitti caqasaman keessaa karaa isanitti tole tokko filachuun yoo 𝑟𝑎𝑎𝑤𝑤𝑎𝑡𝑎𝑛 qajeelaa ta'uu akka dandaa'an bataskanatti kessatti lallabama.

garuu “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
[✔️📖 Yoh. 14:⁶] jedheera.

30/08/2025

?

Warra qalbiin hubannaa isanii akka Liidiyaatti banameef(Hoe 16:11-) Waaqummaa fi gooftummaa Yesus hubachuuf barreeffama gabaabaa kana dubbisuun qofti ga'aadha.
Yesus inni Waaqa ture, inni foon uffatee gara biyya lafaa dhufe, inni du'e, inni du'aa ka'e, inni bara baraan mo'ee jiraatu Isa barootaan dura ture sanaadha. Yesus Nama guutuu, Waaqa guutuudha.
.
Yesus erga du'aa ka'een booda ulfina guddaadhaan gaafa ergamaa Yohaannisitti of muldhese sanaatti, Yohaannisis ulfina guddaan Yesusin arguu isaarran kan ka'e dura dhaabbachuu dadhabee akka nama du'eetti miilla isaa jalatti gaafa kufu Yesus immoo ifaan ifatti isa jajjabeessee Du'ee kan ture garuummoo sichi deebi'ee kan hin duune, bara baraan kan jiraatu, Waaqa, Gooftaas akka ta'e, kan ture fi darbee kan jiraatu ta'uu isaa kutaa afaan isaatiin ifatti dubbate keessaa kutaan armaan gadii kun isa tokkoodha.
.
"...Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana;
inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba."
(Mul 1:17-18

Hub; Inni ture(Inni duraa), inni jiraatu(Inni boodaa) kan jedhame Waaqayyo qofaaf malee nama fooniif jedhamee hin beeku. Kanaaf Yesus Waaqa ta'uu isaa ifatti dubbachuu isaati.

Dubbisa dabalataa.(Yohannis 1:1-3, 1:6-13, 1:14, 10:30-33, 11:25-26, 14:6, Hoe 4:12, Qol 1:15-18, Mat 28:20, 1Yoh 5:20, Fil 2:5-9, Ibr 1:1-3, Mul'ata Yohaannis 1:4, 1:8, 21:6, 22:13, 4:8, His 1:28, Dan 8:17-18, Isa 41:4, Mat 14:17....)
Haleeluyya Yesus inni Waaqa ture, Inni sababa cubbu keenyatiif foon uffatee nama ta'e, Inni nu fayyisuf jedhee fannifame, inni du'ati of laatee du'ee du'a diige ka'e, Inni karaa jireenya bara baran nuuf ta'e, Inni ture fi inni bara baraan jireetu Goftaa fi fayyina keenya wan ta'eef galanni isaf ha ta'u.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Addis Ababa