27/01/2024
# Haly_life Arbaminch University
Thank you God!! 🙏🙏🙏
Weedduukoo YESUUS ♥️
27/01/2024
# Haly_life Arbaminch University
Thank you God!! 🙏🙏🙏
16/01/2024
Abre ❣️❣️ by
KUTAA 429FFAA
MAMI WATAAN EENYU?
➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️➖️
Dubbistee hiriyoota keef gochuu hin dagatiin
Mami Wataan hafuura bara durii kan hidhata waaqolii tolfamoo waliin beekamtuu fi humna Seexanaa garaa galaanaa jala maandheeffattee jiraattu, akkasumas ilmoo namaa waliin bifa qabatamaan wal agartuudha.
Mami Wataan maqaa akka Mamba Muntu, Haadha Bishaanii, La Sirene jedhamuunis beekamtuudha. Hafuurri kun hafuura bishaanii Afrikaa Dhihaa, Giddugaleessaa fi Kibbaa, akkasumas diyaaspooraa Afroo-Ameerikaa keessatti kabaja guddaa qabuudha. Hafuuronni Mami Wataa yeroo baayyee dubartoota yoo ta'an, yeroo tokko tokko garuu dhiiras ni tati jedhama. Hafuurri kun dubartoota yeroo quunnamu dhiira, dhiira yeroo quunnamu ammoo dhalaa ta'a.
Mami Wataan mudhii olitti qaama dubartii kan qabduu fi mudhii gaditti qurxummii fakkaatti (Mermaid). Eegee ishee irraa bofa guddaa qabdi. Bofti eegee ishee irraa ka'u kun hanga qixxa lamaan harma ishee jidduutti deema. Boofti biraan ammoo eegee isaa harka ishee bitaa irratti xaxuun saggoo ishee irra maramee mormi isaa harka ishee mirgaan qabamee mul'ata. Walumaagala bofti kun kan ibsu mallattoo raajii fi waaqummaa isheeti.
Hafuurri kun saalquunnamtii fi fedhii saalquunnamtii waliin hidhata guddaa qaba. Namoonni Mami Wataa waliin saalquunnamtii yeroo raawwatan akka madda soorumaatti ilaalu. Mami Wataan waadaa lubbuu erga seensiftee booda saalquunnamtii namoota waliin raawwatti. Sana boodadha namni waan ishee gaafate kan argatu. Iccitii Mami Wataa waliin qaban baasuun faallaa waan argatan sanaa deemuudha.
Gama biraan Mami Wataan Lixaa fi naannoo jiddugaleessa Afrikaatti akka waaqa fayyinaatti ilaalamti. Namni tokko dhukkuba irraa hin fayyamne yoo qabaate Mami Wataan wal argee ajaja ishee raawwata, booda irra fayyina isaa fudhata jedhama.
Hafuurri Mami Wataa waaqota tolfamaa warra Gibxii, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Kibbaa Afrikaa waliin hidhata guddaa qaba. Biyyoota kanneen keessatti namoonni baay'een hafuura kana waan baay'eef dhimma itti ba'u. Hafuurri hamaan kun naannoo galaanaatti namoota hedduu waliin wal quunnameera. Isa kanaaf danuutu raga-baatuudha.
Dhiyeenya asi garuu hafuurri kun raajota sobduu Afrikaa wajjin hidhata guddaa agarsiiseera. Raajonni dinqii fi milikkita gurguddaa agarsiisuu barbaadan hafuura kana waliin waliigaltee lubbuu raawwachaa jiru. Waliigaltee kana boodadha kan isaan ittiin namoota wallaalchisuun irraa nyaatan. Lubbuu isaaniif garuu gubannaa barabaraa qooodaniiru.
Qarqaraa galaanaa Poort-Haarkoortitti taateen raawwatamaa jiruufi waldoonni naannoo sanatti hundaa'anii jiran hedduun hojii daldalaa humna bishaanii kana raajota, paasteroota fi barsiisota sobduu Afrikaa waliin walquunnamsiisan ta'anii hojjechaa jiru. Golee biyyoota Afrikaa hedduu keessaa raajota sobduu hedduutu ulaa kana deemee humna kanaaf lubbuu wareegee dhaloota faalaa jira.
Dhaloonni Wageela dhugaa harkaa qabdan dammaqaa ofii keessan, dhaloota eegumasa barbaadu, akkasumas Waldaa Kristiyaanaa eegaa!
“Ati aangoo keetiin galaana gargar hirtee, mataa bineensota akka jawwee galaanatti galaniis bishaan irratti in caccabsite.”
— Far. 74:13
Amen Eebbifamaa
Madda Oliifan Margaa Eebbifamaa koo
YESUUS NI DHUFA
28/10/2023
“Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa!”
— Ibr. 10:23
📷 Beka ❤️
22/10/2023
“Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada.”
— Far. 13:5
Hiriyyoota Koo
Nat
20/10/2023
Kutaa 3ffaa..
BIYYA LAFAA
Adeemsa bu'aa ba'ii
Rakkinaan Kan guutte
Ol adeema baayyee
Osoon gahiin kutte
Hamminaan caalamte
Gaariin sirratti hin ofkalu
Haadhoon lamaanillee
Sirratti kan wal qaluu
Ni hadhaa'a jiruun si keessaa
Jireenyaaf hin mijatu
Rakkisaa jiraachifta
Atoo qajeelota hin toltu
Yeroof callifna malee
Sirra jira gatiin dhiigaa
Ni gaafatamta isa gooteef
Guyyaa isaa gooftaatu beeka
Siif hin dhiifamu gatiin dhugaa
Si harkaa fuudhama micciramee
Ammaaf dhiichisii sirbii
Jira guyyaan murteeffamee
Qulqulloonni sirraa godaanu
Si waliin qooda hin qabanii
Gatii isaani kan baatuu
Dhufuuf jira gooftaani
Sitoo Wal waraansisa
Biyyaaf biyyoota waamee
Sitoo foon walii nyaachisa
Obbolaa waliin uumamee
Gaariin si keessa hin jiru
Kan kee hammina qofa
Sin tuffadhe dhugaa hin qabdu
Muu yaa BIYYA LAFAA
Kutaa 4.....
25/04/2023
Wan ati naaf gootee
Himuun natti tola
An wan qabaata dhabnaan
Isa at anaaf laattee fala
:::::::::::::::::::::;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
An wallalee balleessinaan
Jaalalan na gorsitee
Amalakoos dandeessee
Wan baayyee naaf obsite
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Hamaa na balleessuuf.kaatu
Hunda na dabarsitee kuno
Guyyootakoos eebbistee
Barootas na lakkoofsifte
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Ofif bira anaaf dhaabattee
Nan argannee wanti hamaan
Kanaan gammaduu hireenkoo
Baga sin naaf ta'ee ganamaan
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Akka namaas nuffitee
Yoom waadaa kan koo haaltee
Aduu ifaa naaf baaste kunoo
Barayyuu naaf dabalte....
Galatoomi
YESUS🙏 🙏
24/02/2023
Osoo Dubbistani Gaariidha!
Kutaa 2. "DHUGAA"
Osoo barrii hin badiin
Yeroo dhugaan turee
Osoo akka harraa hin ta'iin
Isa sobni dhugaa gurgure
Amanama turee namnii
Gaarii walii isa dubbata
Wal gorsuunis ni jira
Wal utuubutus mul'ata......ture
.........................,.....................
Harraa...
..........................................
Walitti himuunis hin jiru
Wal gorsuunis ni hafee
Waliif dhoksuunis hin jiru
Haadhoon maqaa wal lafafee
Dhugaan dur turees hin jiru
Sobatuu bakka qabatee
Hangafni sirriin hin jiruu
Jallinaan bakkaa butatee
..............................................
Isa Wal hammeessuuf arrabsutu
Addunyaa keenyaa baay'atee
Kan dhugaa bakka Bu'uu
Maal ta'aa harra yoo dhalatee?
Kan ilaalani deeman hin jiruu
Soba qabaka keessi isaa
Jallina qaba kulkulfate
Karaatti nama teessisa
........................
Wal qeequun didee harraa
Addunyaa keenyaa dhuunfate
Warra hangafa jennetu
Duuba dudduba mul'atee
Karaa dhugaa dhabee namni
Kanaaf walisaa arrabsaa
Jechoota Isa tarreeffatee
Hamilee walii cabsaa
...............................................
Bitaaf mirga hin qabuu
Lakkii keessaaf Alaa
Isa duuba miti
Inni keessaayyuu hin caala
Isatu gowwoomsa kunoo
Dhugaa haqanqaale
Guyyaan dhugaa jira garuu
Harraaf dhokatee malee
..............................................
Lakkii....
Akkatti hafee hin hafuu
Gaaf tokko dhugaan hin dubbata
Tulluu sobaa jigsee innoo
Gaaf tokko hin mul'ata
Godoo jallina diigee
Mana dhugaa ijaarrata
Warra jallisaniis gaaf tokko
Gad teechisee gaafata
...................................................,.
Ati .......
Hin eeggatiin nammarra
Baruuf wanta gaarii
Fuundura keetti adeemii
Obsinan hin jiga gaarrii
Mul'ata ilaalladhuu
Haalan hin daangeessini
Riqicha haqa ijaarrata
Irraa adeemii dhugaadhani
Yoo gaarii fakkaates
Hundii nuun laatamnee
Ittin makatiin wan hundatti
Akka hin gaafatamnee
Xaxaan lafaa kun hin dhumuu
Sirreessuuf hin yaaliini
Dhugaa keessa akka jirtu ilaali
Dhufuuf jiraa gooftaani
Galatoomaa!!!