Abadan harkan kennu

Abadan harkan kennu

Share

Haqaan tumsuufi kan goonu

15/08/2025

Dhugaadha. Eeyyee wanti ta’e jira."
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺

Ahmaddiin Jabaliin
♦♦♦♦♦

Filannoo majlisaa ilaalchisee ergaa adda addaa dabarsaa turuun Kiyya beekamaadha. Gama kanaan namoonni yaada adda addaa naaf dabarsaa jiru. Hedduun isaanii ergaawwan barbaachisoodha jechuun waanan jalqabe akkan itti fufuuf na gaafachaa jiru. Kaan ammo keessattuu kanneen sadarkaa Majlisa adda addaa irra jiranii fi warri majlisa seenuuf yaalaa jiran Ahmaddiin Jabal kan kana barreessaa jiru "akka nuti hin filatamneef" jechuun haaloo qabachuu kan eegalanis jiru.

"Yaadni nama kanaa fi kallattiin egeree eessa jira?" jechuun gamaggamanii hubachuuf kan yaalanis ni jiru. Kaan Ammoo “Maalif Keessoodhaan isaan waliin xumuruu hin yaaltu?” kan jedhanis jiru.

Rakkoon Majlisaa kan hunda keenyaa waan ta’eef filannoo kanaan akka biyyaatti namoonni kuma 10 ol kan filataman ta’uu isaatiin ,haasaa fi carraaqqiin kun namoota muraasa qofa kan hirmaachisu osoo hin taane kutaalee hawaasaa hunda dammaqsuu fi kakaasuun qaama furmaataa akka ta’an gargaaruu qaba. Kunis kan raawwatamu rakkoolee jiran hunda hubachuun dhimmicha naannoo tokkoon tokkoon isaanii irratti mari’achuudhaan, hunda yoo hin taane immoo Majlisa naannoo sanaa fooyyessuuf hojjechuudhaani. Kanaafis, filannoon kun carraa guddaa waan ta’eef, dammaqinaan irratti hirmaachuu fi sadarkaa tokkoon tokkoon hooggansaa irratti naaf ta’a, naaf hojjeta kan jedhan filachuun barbaachisaadha.

Namoonni muraasni itti yaadanii ergaa koo akka hin hubanne fakkeessanii fi ani itti yaadee ejjennoo koo waanan jijjiiraa ture fakkeessanii warra barruu dheeraa sana hin dubbisne biratti burjaajii uumuuf yaaluu isaaniis taajjabeera. Kaan immoo "Ahmaddiin Jabal sababa malee ajandaa kana cimsee hin qabanne. Waanti ta’e jira" jedhanii yeroo yaada isaanii ibsatan nan arga.

Barreeffama har'aa keessatti warra " Waanti ta’e jira " jedhaniin kanan jedhu “eeyyee Dhugaadha Wanti ta’e jira” jechuudhaan Wantoota hanga ammaatti kaaseen alatti qabxiilee muraasa kaasuuf nan yaala. Ergaan kun akka namoota biroo bira ga'uuf osoo hin qoodiin (share) hin godhiin hin darbiinaa. Yaada keessan jalatti bilisummaan barreessaa. Dubbisa gaarii.

1. Kaayyoon koo filannoo kana booda hooggansi majlisaa dadhabaa akka hin jiraannee fi har'a nama sirrii ta'e akka filannu gargaaruudha. Kunis "Dhukkubsatanii Rakkachuurra dursanii ofirraa ittisuu" akkuma jedhamu mirga filachuu keessatti gahee qabnu sirnaan akka bahannuufi.

Har'a gahee keenya sirritti bahachuu baannaan Majlisni boruu bu'aa kan hin qabne, dadhabaa, malaan-mmaltummaa, ummata muslimaaf kan hin dhaabbanne yoo ta’e "Majlisni gatii hin qabu. Kanaaf gatii kana hunda itti kaffallee?" Osoo hin jedhiin dura " majlisni bu’aa akka qabaatu kan taasisan hooggantoota akka filattaniifi.

2. “Majlisni Labsiidhaan hin hundeeffamnee? Maaliif akkas sodaatta?" kan jedhaniif Majlisni labsiin hundeeffamuun seenaa majlisaa keessatti milkaa'ina guddaadha. Kanaaf mootummaa ni galateeffanna. Haa ta'u malee labsiin waan hundeeffameef qofa Majlisa nuti barbaannu ta'a jechuu miti.

Majlisni labsiidhaan hundeeffame waggaa 5 lakkoofsiseera. Haa ta’u malee, Majlisni yeroo kana keessatti waan uummanni irraa eegu hunda galmaan ga’eera jechuun hin danda’amu. Majlisni labsii qofaan hundeeffamuun rakkoo keenya hundaaf furmaata jechuu miti. Dhaabbata tokko dhaabbata kan taasisu hooggantoota waan ta’eef, namoota sirrii ta’an filadhaa kanan jedhuuf kanaafi.

3. Majlisni kan Uummata Muslimaati malee, kan hooggantootaa miti. Kanaafidha wanticha irratti abbootiin dhimmaa hubannoo akka qabaatan akkasumas akka of hin daganne gochaa kanan jiruuf.

4. Majlisa cimsuuf hooggantootan isiniif filadha isiniin hin jenne. Kanan jechaa jiru namoota sirrii ta'an filachuu qabdu jechuudha .dadhabbiinkoos akka na filattaniif miti, kana booda dhimma majlisaa keessatti kallattiin gahee akkan hin qabaanne, filannoo kana irrattis, filatamaas ta’ee, filataa akkasumas,filachiisaa keessattis qooda akkan hin qabaanne ibseera.

“ filatamuu hin barbaaddu jettee jirta. Yoo xiqqaate akka hin filanne ibsuun barbaachisaa turee?” Warra jettaniif ani filannoo kanaaf fedhii dhuunfaa akkan hin qabaanne akkasumas yaada koo bilisaan ibsachuun waan natti muldhateef malee namoonni akka sagalee hin kennine dhorkuu miti. Dhugaa dubbachuuf gaheen kiyya hawaasni muslimaa majlisa hubatee dogongora darberraa barachuun sadarkaa hundatti hooggantoota mijatoo ta’an filatuuf karaa akeekuu dha.

5. Barreeffamni koo Majlisa dadhabsiisuuf osoo hin taane, jabeessuufi.
6. Namoonni Ulamaa'ota akka tuffataniif osoo hin taane, sirnaan gargaaruu fi bakka ga’umsa isaaniitti gahee isaanii akka ba’an gargaaruu, akkasumas Ulamaa'otnis bakka ga’umsa isaanii fi milkaa’ina isaaniitti gahee isaanii ba’uu, hanqina yeroo ammaa qaban hubatanii of gahoomsuuf akka carraaqaniifi.

6. Dantaa Uummataa tiksuun faayidaa dhaabbataa tiksuu dursa. Dantaa dhabbataa tiksuun ammoo faayidaa namoota dhuunfaa eeguu dursa. Dhugaan jiru kana!

Dhimma Majlisaaf gatii kan kaffaltan hundaaf!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🍑
Dhumarratti rakkoon majlisaa fi hawaasa muslimaa hundi halkan tokkotti akka hin furamne wallaalee miti. Kaayyoon koo yaadota ka’an irratti hubannoo keenya guddisuu fi filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuun sadarkaa hundatti namoota mijatoo ta’an filachuun akka danda'amu gochuudha. Kunis majlisa sadarkaa hundarra jiru sadarkaa amma jiru caalaa ol kaasuuf bu’uura ta’a.

Fedhiin koo ga’ee keessan sirritti akka bahattaniif malee abdii kutattanii akka teessaniif miti. Kanaaf dhimma kana miidiyaa hawaasaa irratti dubbachuu dhiifnee filannoo dhihaate kana irratti lafa bu'uun namoota mijatoo filadhaa!
Keessattuu warri dhimma majlisaaf gatii kaffaltan hundi keessan!

Xumureera. Rabbiin gaarii nu haa dhageessisu!

01/04/2021

Hubachiisa!👂👁

Waliif qoodaa!

Mootummaan abbaa irree Abiyyi, akkuma dhaadachaa ture tarkaanfii duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti labse jira.

WBO balleessudhaaf wixinee “qurxummii balleessuuf garba gogsuu” jedhuun bosona gurguddoo Oromiyaa keessa jiran hunda gubaa jira. Kana malees, uummata Oromootu WBO soora ykn gargaara jechuudhaan Oromoo Lixaa, Giddugalaa, Kibbaa fi Kaabaa irratti lola qindaa’aa ifatti oofaa jira.

Duula kanaan dura gaggeeffamaa jiruun addatti labsiin waraanaa qindaawaa guyyaa har’aa Ebla 01, 2021 irraa eegalee hojii irra oola. Abiyyi har’a gadda ibsate otoo hin taane duula Oromoo irratti labse. Otoo gadda ibsachuu ta’ee, kaan haa hafuutii Oromoon Walloo aanaa Jiillee qofatti 67 ajjeefamee, 153 madaa’ee, 40,000 buqqa’eera. Kun gabaasa bulchaa aanaa jiilleti. Akka godinaatti kan ajjeefaman, kan madaa’an, kan buqqa’an ragaan qindaa’ee baha. Oromoon lammii Xoophaa mitiiree!

Kanaafuu, qaamni qabsoo bilisummaa uummata Oromoo hundi bakka jirutti gahee isaa irraa eeggamu gochuu qaba. Qeerroo fi qarreen, qonnaan bulaan, barataa fi barsiisaan, daldalaa fi hojjetaan, diyaasporaan hundi waan dandeessan hundaan duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti mootummaan nafxanyaa labse dura dhaabbadhaa!

IUOf
GID-WBO
01-04-2021

31/03/2021

Is there a hidden agenda from Addis Ababa government while Eritreans are paying price to keep the unity of Ethiopia?

31 Mar 2021 - (EP) Yesterday, Eritreans all over the world were shocked by the remarks of Ethiopian Foreign Ministry Spokesperson Dina M***i.

He said, "Eritreans regret independence and do not celebrate their Independence Day". Word for word in Amharic, "ምናልባት ሰው አይጠይቅም እንጂ እያንዳንዱ ኤርትራዊ ቢጠየቅ ከኢትዮጵያ ጋር የተለዩበትን ቀን አያከብሩትም፣ አይወዱትም።"

EP responded immediately on its Twitter and we wrote: What the likes of Debretsion, Getachew Assefa & the rest of TPLF Juntas could not achieve, this Pinocchio (pictured) single handily might manage to be successful to create friction between Eritreans and Ethiopians. government MUST denounce it.

We waited for 24 hours....

Today, Dina M***i came on the Ethiopian TV and side stepped the Independence Day remarks confidently and blamed others for twisting his speech. No apology or regret from him.

Who's backing him up???

If the Addis government do not denounce the spokesperson remark, then, we can assume that Dina M***i indeed is expressing his government opinion.

EP: በአይናችን ብሌን አትምጡብን። ኤርትራውያንን ማሸነፍ የሚቻለው በፍቅር እና በእምነት ብቻ ነው።

17/02/2021

Lola Tigraay fi Baqannaa Koree

Tigraay keessatti lolli jabaatee itti fufeera. Akka maddeen mootummaa Itoophiyaa keessa jiran irraa dhaga'amaa jirutti, guyyoota 10 keessaatti qofa lola guddaa 23tu taasifame.
Lola kana keessattis loltoonni kumaatamaan lakkawwan dhumuu fi booji'amuun himamee jira.

Gama biraatin, Bulchiinsi Koree Yeroo Tigraay Dr Muluu Naggaatin hogganamu magaalota keessatti sadarkaa sochii gochuu dadhabuu irra gahuu isaa miseensonni Koree kanaa himaatii jiran. Guyyoota muraasaa asitti waraanni qarqara magaala Maqaleetti taasifamaa jiru yaaddoo guddaa uumeras jedhameera .

Sababaa kanaaf, Dr Muluu Naggaa dabalatee miseensonni Koree kanaa muraasni Maqalee Hoteela Pilaanet tahaa turan yeroo ammaa tessoo isaanii gara Finfinneetti jijjiirutu beekame.

Kalaeessa TMH irratti miseensi KHR TPLF "lola tibbanaa kanaan injifannoo guddaa arganneerra" kan jedhe Getaachoo Raddaa gama mootummaa Itoophiyaa irraa haga ammaa ibsi dhagaa'ame hin jiru.

Photos from Finfinne Star Media's post 06/02/2021
05/02/2021

“Rabbii fi Qeerroo abdadhee biyyatti gale!” Jawar Mohaammed
- Qeerroo jirtuu?
- Jawaar faati haala lubbuu isaaniif yaaddessaa ta’e keessa jiru! Dammaqi Oromoo!

01/02/2021

Lagannaa Nyaataa Guyyaa 5ffaa fi Haala Har'a Mana Hidhaa Qaallittii Jiru
-----
Har'a ganama maatiin, maanguddootni fi abbootiin amantii Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa'faa dabalatee haala hidhamtoonni siyaasaa lagannaatti jiran keessa jiran ilaaluuf Qaallittiitti argamanii turan. Haa tahu malee Manni Hidhaa Qaallittii ol isaanii galchuu didee sa'aatii dheeraaf ala dhaabe. Abbootiin Amantii sadarkaa Oromiyaatti jiran haala jiru tasgabbeessuuf jecha warra mana hidhaa kadhatanii namootni muraasni ol seenuu kan danda'an ta'us, Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa sababa lagannaa nyaataatiin dadhabanii bakka ciisanii gadi bahanii isaan dubbisuu hin dandeenye. Kanumaan abbootiin amantii haala hidhamtootni kun keessa jiran osoo hin argin deebi'uuf dirqamanii jiran.

Jawar, Baqqalaa, Hamzaa, Shamsaddiin fi hidhamtootni siyaasaa biroo Qaallittii jiran Koloneel Gammachuu Ayyaanaa bakka baalafamaa amma jirurraa gara fooyyee qabutti akka jijjiiramu, haalli qaabinsa maatii hidhamtootaa akka fooyya'u gaafachuuf lagannaa nyaata erga eegalanii har'a guyyaa shanaffaa (5ffaa) dha. Sheekkotii fi jaarsoliinis muraasni ol seenuuf hiree argatan Jawaar'faa nyaata akka nyaataniif dhaamsa itti erguun kadhachaa turanis hidhamtootni siyaasa kunniin garuu hanga sa’aa kanatti nyaachuu didanii jiru. Karaa Hamzatiin dhaamsa erganiin “Nuti garaa keenya guuttachuuf miti kan qabsoofneef. Kaayyoo keenya irratti du’uufillee kutannee jirra. Nuuf hin yaadda’inaa” jedhu dabarsanii Hamzaan akkuma kutaa isaatt ol deebi’een booda akka gaggabe Shamsaddiin himee jira.

Dhaamsi nuti uummata Oromoo maraaf (warra mootummaa keessa jiruufis dabalatee) qabnu hoogganoota qaqqaalii hidhaatti dararamaa jiran kanaaf, osoo yeroon hin dabarre, osoo gaabbiif hin saaxilamne dafnee akka dhaqqabnuuf jenna. Balaan guddaan gama kanaan biyyaattiitti qabachuuf deemu hambisuuf yeroodhaan akka furmaatni godhamu dhaamna. Hidhamtoonni siyaasaa hundi isaanii hiikamanii qaama furmaata rakkoo biyya kana gaga'aa jiruu akka taasifaman, biyyattii daddaaqama siyaasaa, kufaatii dinagdee fi daddaaqama hawaasummaa keessaa bayyanachiisuun hoogganoota amma aangoorra jiran qofaan akka hin danda'amne hubatamee tokkummaa qofan keessaa bahuuf akka hojjetamuu qabu dhamna.
-----

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Addis Ababa