24/12/2024
Dirmammuu Barri Fidde
Icciitii dagachuu hin qabne
Sittan hima dhageessaa
Dhugaa qofaaf yoo jiraatte
Bakka hawwites geessa
Karaan Galma hin qabne
Qilee du'aatti si geessa
Waan har'aa hin ilaaliin
Bor seenaa dura teessa
Dhibee koo kulkulfadhu
Kanatu jilbakee jabeessa
Ulfa dhugaaf miixadhu
Yoos ilma haqaa deessa
Ogeessa fayyaa waamee
Yoon qorachiise dirrasaa
Wanti argamu hin dhibu
Silas rakkoodha barrisaa
Hojiin kee inni suniif kun
Maaltu gaarii qabaree
Sitoo akka ofii wallaale
Akka ilma Abbaan abaaree
Kanaaf iyya koo dhaga'i
Owwaadhu iddoo jirtuu
Seenaa gaarii lafa kaa'i
Sitti murteessa rabbituu
Karaarra dhufte mil'adhu
Dukkanaaf gufannaasaa
Erga Lammiif hin taanee
Maaltu siin si dhamaasaa
Dirmammuu barri fidde;
Sa'aanis okolee didde
Sangaan hudhaa kutate
Gaadii buuftee mar'atte
Eentu siif beeka dirra
Akka wallaalleet' jirra
Dirmammuu barri fidde;
Isa abiddatti baqatani
Isa halagaatti baqatani
Isa masaanuutti himatani
Isa dhoksaatti gubatani
Isa soddaatti gudunfatani
Isa jiraatti du'a filatani...