Aliyi sheek Mohammed Peggy

Aliyi sheek Mohammed Peggy

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Aliyi sheek Mohammed Peggy, College & University, Addis Ababa.

10/12/2023

Aayata Sadeen Dhuma Suuraa Baqaraa, Ganamaaf Galagala Yeroo Raftanis Qara'aa.

284
لِّلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَإِن تُبۡدُواْ مَا فِيٓ أَنفُسِكُمۡ أَوۡ تُخۡفُوهُ يُحَاسِبۡكُم بِهِ ٱللَّهُۖ فَيَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُۗ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ

Wantoonni samiifi dachii keessa jiran kan Rabbiiti Waan lubbuu keessan keessa jiru yoo ifatti mul’iftan yookiin yoo isa dhoksitanis Rabbiin ittiin isin qorata; nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni azzaba Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

285
ءَامَنَ ٱلرَّسُولُ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مِن رَّبِّهِۦ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَۚ كُلٌّ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَمَلَـٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ لَا نُفَرِّقُ بَيۡنَ أَحَدٖ مِّن رُّسُلِهِۦۚ وَقَالُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَاۖ غُفۡرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَيۡكَ ٱلۡمَصِيرُ

Ergamaan (kiyya)(muhammad) waan Gooftaa isaa irraa (anarra) gara isaatti buufametti (qur'aanatti) amaneera; mu’uminoonnis Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru.[] "Nuti ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu" (jedhan)". Nuti dhageenye; ajajamnes Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna) Deebiinis garuma keeti" jedhan.

286
لَا يُكَلِّفُ ٱللَّهُ نَفۡسًا إِلَّا وُسۡعَهَاۚ لَهَا مَا كَسَبَتۡ وَعَلَيۡهَا مَا ٱكۡتَسَبَتۡۗ رَبَّنَا لَا تُؤَاخِذۡنَآ إِن نَّسِينَآ أَوۡ أَخۡطَأۡنَاۚ رَبَّنَا وَلَا تَحۡمِلۡ عَلَيۡنَآ إِصۡرٗا كَمَا حَمَلۡتَهُۥ عَلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِنَاۚ رَبَّنَا وَلَا تُحَمِّلۡنَا مَا لَا طَاقَةَ لَنَا بِهِۦۖ وَٱعۡفُ عَنَّا وَٱغۡفِرۡ لَنَا وَٱرۡحَمۡنَآۚ أَنتَ مَوۡلَىٰنَا فَٱنصُرۡنَا عَلَى ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡكَٰفِرِينَ

07/12/2023

Baroota muraasa dura “gaarreen Makkaa irraa Hooloonni citaa dheedan” ja’ee namni yaadu akka waan hin jirreeti. Amma kunoo akkuma Nabiinﷺ nuuf himan lafti magariisa uffatte. Wilii lafti tun jiitee daggala taatee laggeen keessaa burqan.

“Addunyaan gala kaate, aakhiraan ammoo as kaate. Ilmaan aakhiraa tahaa malee ilmaan duniyaa hin tahinaa.”
Aliyyi bin AbiiXaalib[Rabbi isarraa haa jaalatu].

30/11/2023

Salaata Leylii Ykn Salaata Halkanii
••••••••••••••••••••••••••••••••••

Rasuulli ﷺ Akkana je'an" Jannata keysa mana tokko jira, Kan yoo ala dhaabatanii laalan keessi isii
mul'atu " jennaan "Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ manni suni eenyuuf qopheeffame ?" je'aniin "Nama nyaata nyaachise, Nama salaamata facaase, Nama halkan salaataa bule osoo namni rafu" je'aniin,

Sa'iid Binu Musayyab R,A, Akkana je'an: Nama halkan halkan salaataa bulu, Rabbiin ifaa nama hunda
hawatu nama san uffisa, Namni nama san "eenyummaa isaa" hin beeknellee yoo argu "Ani nama kana ni jaalladha je'a",

Namni tokko Hasanul Basriin Akkana je'e" Sila ummatni halkan halkan tahajjuda salaataa bulu nama
hunda irraa maa fuula bareeda ?" jennaan "Jaratu Rahmaaniin waliin maqoo irraa bulee Rabbi nuura ofii
irraa jara uffise" je'een,

Ummata salafa darbe keysaa nama wayta du'aa jiru boohutu jira, wayta maaf boossa ? je'amuun "Salaata
leylii irraa addaan bahutu garaa na nyaate " je'a, !!

Allaahu Akbar !!

Aalimtichi tokko hogga haa rafuuf firaasha isaaf afan , Firaasha irra gadi taa'ee harka isaatiin firaasha
gadi dhidhiibaa" Yaa firaasha kana maaltu akkana si laaffise ! garuu taatus firaasha jannataatu sirra laafa
" je'eenii irraa ol ka'ee salaata leylii jalqaba, !!

Aalimtichi tokko yoo fedhii salaata leyliitiif qabu ibsatu "Ani akka amata diiydamaa 20 irraa wanti tokko na hin yaachifne, Wayta lafti bariitu malee " jechuun (Jaalala salaata halkaniitiif qabu irraa akka lafti bariitu hin fedhu) jechuu isaati !!

Kan akka Usmaan Binu Affaan , Kan akka Tamiim Ad-Daarii , Kan akka Abuu haniifaa, kunneen halkan
takkatti salaata keysa qur'aana awwalii aakir kattamu,

Yaa Allaah !!

Amma salaata halkanii ka'anii salaatuu dhiisii nama salaata waajibaatu hin salaannetu jira !!! !!!

Dhiiroo namni suni aakiratti maal abdata ?? yoo ibidda jahannam taate malee !!

Yaa Rabbi ! Nama salaata halkanii kana akkuma salaata guyyaatti aadaa godhatee ittiin bulu nu taasisi, Mi'aa inni qabu qalbitti nuu cobsi.

10/08/2023

Yaa rabbi halkanuma arra kana hunda keenya nuhaa milkeeysu.!

26/07/2023

Yaa rabbi nu qaceelchi karaa ittiin jannata nuuf kennitu irra nu kaa'i.!

30/03/2023

❤️
❤️ Qur'aana qara'uu:

☑️ Usmaan bin Affaan ( r.a) akkana je'e:

⚫️ Odoo qalbiin teeysan qulqulloftee Qur'aana Rabbiirraa hin quuftan. كتاب الزهد للإمام أحمد

🟣 Ibnul Qayyim rt akkana je'e:

🔚 Qalbiin qulqulluun waan jirenyi isii guutuu taahef, ifa waan qabduufi xuriirraa waan qulqulluun taateef Qur'aanarraa hin quuftu.
Dhaangaa Qur'aanaa malee kan biroo hin dhandhamtu. Dawaa Isaatiin males kan biraatiin hin wallaannattu🔻

💔 Yaa Rabbi❣ Qalbii teenya nuuf xaahari! Tan Qur'aana qara'uu jaalattu nuuf godhi❗️❗️

29/03/2023

Yaa rabbi warra soomantan jatteen irraa nu godhi.
Aamiin

15/03/2023

Yaarabbi nagayaan Soo manaan nu ga'i.

02/10/2022

Namni du'e jalqaba yeroo qabrii keessatti Rabbiin lubbuu isatti deebisu akka du'e if hin beeku
Essaan jirajedhee if laala yeroo uffata isaa laalu uffanni isaa kan inni dur beeku hin jiru
Akkas jechuun of gaafata eessa jira shamiziin koo eessa jira tichertiin koo
Amma bakka kophaas akka jiru yaadatee gandi kun hedduu isa yaachisee akkas jedhee nama gaafa duniyaarra jiru isatti dhiheenya qaban waama
Yaa fulani
Yaa fulaan
Yaa abalu
Yaa abalu
Jedhee warra dunuyatti isa cinaa dhaabbatee waahunaddarratti isa jajjabeessaa ture hunda maqaa isaanii hunda erga waamee booda namni tokko akka isatti hin dhufne erga hubatee booda gandi kun ganda qabrii jedhamu san ta'uu hubatee
Gama rabbii isaa deebi'ee Yaa Rabbi Yaa Rabbi jechuu eegala
Acchi booda yoo inni duniyaaratti nama gaarii dalagaa ture ta'e Malaa'ikaan lama isatti dhufanii
Waa sadi 3isa gaafatan
Rabbiin kee eenyu ?
Nabbiin kee eenyu ?
Diin kee maali ?
Yoo sadeen kana deebise isa gammachiisanii mana isaa kan jannata keessaa isa gar siisanii akkas isaan jedhan osoo ati nama gaarii dalagatu ta'uu baattee manni kee kana jedhanii ibidda jahaannam keessaa isa gar siisan yeroo kana nijedha yaarabbi qiyaamaa anmumma taasisi
Yoo nama gaafii san sadeen deebisuu hin dandeenye taate isa dhawan burusha hadiidaatiin ammas lubbuu isatti deebisan iyyeensa inni iyyu namaa fi jinnii malee uumamni hundi nidhageha hulaa jannataa bananii mana isaa kan inni osoo gaarii dalagatee seenu isatti mul'isan nigammada manni kee kana jedhanii hulaa jahannam isaaf bana akkana jedha Yaa Rabbi qiyaamaa narratti hin taasisin jedhee rabbi kadhata !!!!!

dubbiftee xumurte Ergamaa Rabbii nabi Muhammad S A W Irratti salawaata busi.

via Abu Abdurrahman

24/09/2022

Umrii fii diinagdee tee keessa barakaa rabbi siif-haa kaahu.
Milkii ganda lamaanii argadhu.!

12/09/2022

Gadda qalbii isin cabsu rabbiin isinirraa haa qabu.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Addis Ababa