Chemist

Chemist

Share

Am not want to live substandard living 👌

07/06/2023

Kana Beektuu Laata.... 👉👉

Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.

09/05/2023

Bari'uuf jedhu,... 🤔

Yoo bari'uuf jedhu, dukkanni hin dheerataa
Firri sibaqateetu, malli sirkaa badaa
Wanti hundi walxaxeetu,lafti sihanqataa *2

Yoo bari'uuf jedhu, halkan silaa halkanii,
Guyyaanuu dukkanaa,
Haadhoo garaa tokkootu, sirratti gungumaa
Argaakee lagataa, akka warra gumaa
Yemmuu waliin jirtan, waliin jettu tiruu
Yoo wal-biraa deemtan, isa kan siciruu
Yeroo kophaa kankee, dukkanaan marfamtuu
Siif jira kan jedhu, yoo of-biraa dhabdu
Dukkanni limixii, ijji lafa hin narguu
Jetteetu of-gaafattaam, wayyoo eessa dhaquu?(Ă—2)

Yoo bari'uuf jedhu, bu'aan dafqa qofaa
Hojiinkee habshaala, jireenyikee doofaa
Hiriyaa garaatu, sobee sitti kolfaa
Ati namaaf gugee, namni sitti bofaa
Siwaliin nyaatetu, deebi'ee sibalfaa
Madaakee tuxuqeetu, quba sitti horfaa (Ă—2)

Yoo bari'uuf jedhu, haadhoo garaa tokkotu ulaa sitti cufaa
Fuula sitti guuree, bitaa sitti dhufaa
Argaakee jibbeetu, jireenyakee balfaa
Sixireeffateetu, of-keessaa situfaa
Yommus abdii hin kutin, itti caali cufaa Wabikee godhadhu,humaa waaqaf lafaa Ă—2

Yoo bari'uuf jedhu, dhugaa keettu dharaa
Namni siree hafteef,eeboo sitti qaraa
Kan sabbata hiitef,bofa sitti maraa
Addunyaa beektutu, bitaa sitti galaa
Hirqiffattee boossaa, dhabdee nama garaa
Aduun siif hinluxxuu, lixxu siinbariituu,
Dhagayii callisi, yoo siinjedhan raatuu
Ciniinnadhuu obsi abshiir homaa taatuu *2

Yoo bari'uuf jedhu, Obsikee dhumateet, yaaddoon sigolgitii
Jireenyikee sum'ii, daandinkee qoraattii
Dirreen bool'a taateet, gadi namaan lixxii Ă—2

Yoo bari'uuf jedhu, qulqulluu boora'aa
Guyyaatu nama ganaa, carraatu rarra'aa
Gammachuutu badaa, gaddatu heeddummataa
Nama foon nyaachiftetu, foonkee muree nyaataa (Ă—2)

Yoo bari'uuf jedhu, obsa keettu dhumaa
Ormaaf fira hin qabuum, diinnikee hundumaa
Yommus abdii kuteet, qofa galaa taataa
Dhala namaa dhiiftet mukkeen firoomfattaa
Aduu waakkii hin qabne, baatee qamqaammattaa
Hammina dhiiftetu, gaarummaa lallabdaa
Karaarraa hin gorin kan qotte haammatta Ă—2

🙏

05/05/2023

suurawwan lamaan armaan gadii adda taasisan hubannoodhan ilaalii tarreessi,...👉👉

05/05/2023

is Chemistry?
Chemistry is the study of:-
~matter,
~properties of matter,
~how and why substances combine,
~or how substances separate to form the other new substances that completely different from the previous substances, and
~the study of how substances interact with energy,....
Therefore, chemistry is part of everything in our lives👌
Every materials (substances) in existence are made up of ,... even our own bodies which are studies under this essential natural science ( ).

13/08/2022

What is chemist? Chemists conduct experiments in a labs in order to analyze substances, develop new products or improve existing ones. They may specialize in one or more areas such, as organic chemistry, inorganic chemistry and biochemistry.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Oromia Region
Addis Ababa