28/03/2023
Waltajjii samii irraa faaruun sochooftanii
Maqaa maqaa caalu Iyyesuus jettanii
Miseensa godhadhaa maaloo jireenya koo
Ergamoonni Gooftaa kottaa gara koo
Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu jettanii
Irra deddeebi'uun maqaa isaa waamtanii
Afaan keessan keessaa galanni mirgisee
Harka Waaqayyoorraa dhiifama harkisee
Lapheen keessan maddee faaruu haaraa haaraa
Galataan marsitu Gooftaa bara baraa
Cubbuun hin argamu afaan keessan keessaa
Kadhannaa koo fuudhaa Waaqayyotti geessaa
Galata soorattu isatu isin quubsa
Magaalaa Waaqayyoo faarfannaadhaan uursa
Tajaajilli keessan Gooftaa gammachiise
Fuula dhiifama isaa Uumama agarsiise
Isa hin abboomamne taayitaa barbaadu
Ofirraa adda baaftan diina hamaa yaadu
Ergasii hin argamne jeequmsi isin keessa
Isintu kadhaa koo hixaanaan urgeessa
© Obsinan Kitesa Yadeta FACEBOOK PAGE
28/01/2023