HAYU Academy

HAYU Academy

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from HAYU Academy, Education Website, N/S/Lafto, Finfinne, Addis Ababa.

The HAYU - Academy specializes in providing basic, advanced, Professional & industry-standard ICT and Cyber security trainings for a variety of the areas in the computer industry to create career pathways with attractive salaries

04/08/2024

- We are seeking different dynamic and results-oriented experts on different positions(Executive Business Assistant, Project Coordinator, Online Tutorial Director, Full-Stack/Back-End/Front-End Developers, Marketing Officers, Digital Marketing Expert, Graphics Designer, and Office Admin/Casher) with a strong multiple background as specified below to join our team.

The ideal candidate will possess a deep understanding of the ICT landscape, coupled with exceptional business acumen. This role involves providing strategic guidance to clients on leveraging ICT solutions to drive business growth, efficiency, and innovation.

Check out the details of Responsibilities and Qualifications of each position from Website – https://oictsolutions.com/job/oict-multiple-job-vacancies/

Interested Applicants, who fulfill the above requirements are invited to apply via Online in 10 days. For any additional info. +251903439943 / [email protected] / [email protected]
Telegram: https://t.me/oictsolutions

12/07/2024

Urjiilee Telegiraamaa(Telegram Stars): Kaffaltii Meeshaalee ykn Mi'oota Dijitaalaa fi kanneen biroo....

Gaffii namoota hedduu kan ta'e Urjiilee Telegiraamaa(Telegram Stars) maaliidha? hubannoo gabaabduu....

Erga hundeeffamee waggoota 10 oliif tajaajila Daddabarsa Ergaa(Messenger) kennuudhaan akka Idil-Addunyaatti Sadarkaa-4ffaa qabatee kan ture, Dhaabbatni Telegiraamii amma kallattii fi xiyyeeffannooisaa gara Daldala Dijitaalaatti naannessuu argaa jirra. Kanumarraa kaanee as dhiyoos biyya keenya kanatti ajandaa tahaa dhufeera.....

Dhaabbatichi Kenna Tajaajiloota Daldala Dijitaalaan walqabatee as dhiyoo gabaaf dhiyeessaa jiru keessaa muraasni:- Kafaltii Interneetaa(Revenue sharing for creators), Eenyummeessa Daldalaa(Business Account), App store, Taphoota(Airdrops) Kiriptoo, Addatti ammoo tooftaa addaa tajaajila kafaltii oomishaalee fi tajaajiloota adda addaatiif kafaluuf oolu Urjiilee Telegiraamaa(Telegram Stars) torbaanuma kana jalqabsiise fa'a kanneen ijoo dhaabbatichi hojiitti galche muraasaadha.

Guutummaa odeeffannoo kanaa fi kanneen biroo yeroo yerootti gorsa kenninu Telegiraama kiyya 👇🏽
https://t.me/+iPEpQP-vqkA2MzVk hordofaa

Photos from HAYU Academy's post 04/06/2024

Hanni fi Saamichi karaa Interneetaa biyya keenyatti gaggeeffamaa jiru daangaa darbaa jira -

Hanni ykn saamichi karaa interneetaa gaggeeffamu akkuma sadarkaa Idil-addunyaattiyyuu hedduumachaa kan dhufe yoo tahu, Bara 2023 qofa Doolara Bil.12.8 ol tahutu hatame. Haaluma walfakkaatuun biyya keenya keessatti babaldhachaa jira. INSAn akka jedhutti Aggaammii hanna Interneetaa biyya keessatti taasifame keessaa 4,272 Kanneen too'annoo jala oolani yoo tahu Yaaliiwwan 150 ammo badii geessisuu hima. Aggaammiiwwan badii geessisan qabeenya hammamii akka balleessan hin himamne.

Kanuma irraa ka'uudhaan, Aggaammiiwwan /Yaaliiwwan /Tooftaaleen adda addaa bifa jijjiirachuudhaan Biyya keenya keessatti hannaaf oolaa jiru. Isaan keessaa tokko maqaa namoota bebeekkamoo ykn dhaabbilee bebeekkamoodhaan Saamicha raawwatamaa jiruudha.
Akka Fakkeenyatti yoo ilaalle: Ergaa asirraa arginu, Ministeera Mallaqaa fakkaachuudhaan Bara baraan Ergaa ergamuudha.

Ergaan Ministeera Mallaqaa fakkaachuudhaan ykn of fakkeessuudhaan ergamu kun 'Dhaabbilee Mallaqaa Idil-Addunyaa' wajjiin tahuu dhaan deeggarsa kennuuf akka jiran kan himu yommuu tahu, Odeeffannoo sobaa yoo tahu bara darbe irraa eegale.
Interneetaan Galmeessanii daataa dhuunfaa erga sassaaban ooda Unkaan Fandii Mallaqaa gaafatu guutaa jechuun unkaan Gaaggii Mallaqaa ergama. Unkaa Gaaffii Mallaqaa sana Print godhamee, harkaan guuttamee, mallatteeffamee, deebisanii SCAN godhamee kan ergamu yoo tahuudha.
Tooftaan hannaa kun Yeroo tokkoon HANNA Gosa 3 raawwachuuf kan karoorfameedha.
1ffaa - Odeeffannoo dhuunfaa(Email, Bilbila, Lakk.W.E, Lakk.Paasport, Lakkofsa Daldalaa/TIN...) fudhachuu
2ffaa - Hanna Yaada dhuunfaati. Fandii argachuuf yaada ykn project haaraa ykn addaa qabdan, tooftaa hojiirra oolmaa wajjiin ibsa guutuu gaafata waan taheef Yaada namootni qaban jalaa hataa jira. Hanni hunda caalu hanna akkanaati.
3ffaa - Hanna Qabeenyaa(Mallaqaa) ti. Unkaa jedhame guuttanii yeroo ergitan, Hammi maallaqa(Fund) gaafattanii isiniif mijachaa jiraachuu isiniif himu. Adeemsa deemamaa jiru isin yaadachiisaa adeemu. Yoo xiqqoo turan 'Fund' jedhame isiniif gadi lakkifamuuf qophii tahuu isiniif mirkaneessu, achi booda Mallaqa ittiin gadi lakkisiifattan akka galchitan isin gaafatu.
Walumaagalatti waa 3 hatamtu jechuudha.

Tooftaan Hannaa kun wagga tokko dura kan eegale yoo tahu, Akka carraa gaarii tahetti namootni baayeen hubachuudhaan iyyata dhiyeeffachuu qofa osoo hin taane hedduu dhaadhessaa turan.
Boodarra dubbiin babaldhattee Ministeera Faayinaansii gaafa geettu Ministeerichi 'Odeeffannoo Sobaa fi isaan akka bakka hin buune' ibsa baasee Ministeerichi.
Haala sanaan namootni baay'een nyaatamaniiru, Ammas Marsaa lammaffaa deebi'anii dhufaniiru.

Kanaafuu Hanna bifa Kanaan Maqaa dhaabbilee urguddoo fi Amanamoo ta'an dayeeffatanii babaldhachaa jiran irraa ofis, maatis, firaa fi hiriyyaa keessan eeguu qabna.

Ministeerichi ibsa baasuu qofa osoo hin taane qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin tahuudhaan tarkaanfii barsiisaa tahe fudhachuu qabanaan gorsa kooti.

Kana qofaa miti, Maqaa , , fikkfniin hanni rawwatamaa oolu lakkoofsa hin qabu.

waliif dabarsaa
Odeeffannoo walfakkaatuuf Telegram kiyyarratti na hordofaa https://t.me/abdisabancha

CC: Ministry of Finance - Ethiopia Financial Intelligence Service-Ethiopia INSA- የኢንፎርሜሽን መረብ ደህንነት አስተዳደር

18/04/2024

Marsariitii Afaan Oromoo jalqabaa(www.afaan-oromoo.com) - Afaan Online - Oromia, kanarraa
»Barnoota Afaan Oromoo(Qubee, sagalee, Gaalee, Hima,Hima-Dachaa, Hima-dachaa-Xaxamaa, Keeyyata..), »Seerluga, »Afoola,
»Galmee Jechootaa, »Kitaabota Afaan Oromoo adda Addaa Telegiraama kana irra isiniif kaayameera👇🏼
https://t.me/abdisabancha

01/04/2024

Oduu addaa qabna isiniin jedhe 'April 1' waan taheeh namootni jettan dogoggortaniirtu.

Dhaabbata Telegiraamiitu Fayyadamtootasaatiif Oduu Gammachiisaa baase.
1) Dhaabbatichi hojii nuti hojjannuuf kafaltii kafaluu eegaluuf fi 2) Tooftaa beeksisa haaraa eegalchiisuu isaati.

Odeeffannoo Guutuu argachuuf kiyya irraa odeeffannoo barbaachisuu fi tartiibota barbaachisaa maxxanseera,
godhuu hin irraanfatinaa, Guutuusaa kunoo 👇🏼
https://t.me/abdisabancha/1570

Photos from OICT Solutions's post 26/01/2024

OICT Solutions

24/12/2023

:- Waa'ee Galii argachuu kana namni baay'een keessaan natti barreessaa waan jiruuf, walumatti qabee Ibsa gabaabaa isiniif kennuu barbaade;

1) Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa?
Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira.

2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a?
Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu,
Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama.

3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna?
Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha.
Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu:
a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu
b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba.
Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira.
-- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha.

Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo:
-- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan
-- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan(Gareen kun garee akka )
-- Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a

Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee , irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa.

Qabatamaasn akkaataa hojiin kun itti hojjatamu, HAYU Academyirratti haalli ni mijata

godhaa waliif dabarsaa
Obboleessa keessan Abdisa Bancha Jara

Photos from OICT Solutions's post 02/12/2023

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


N/S/Lafto, Finfinne
Addis Ababa
1000