24/09/2022
Ummataafi mootummaa wal--afaan kaa'uu.
✔Godina harargee lixaa aanaa gubbaa qorichaa magaalaa hardiim guyyaa 12—13/01/2015.
✔magaalaa hardiim keessatti wanti yeroo ammaa deemaa jiru, haala yaaddessaadha.
✔ magaalaa hardiim keessatti yeroo ammaa kana caasaa mootummaa tan araddaatiin biyyi tasgabbii, nageenyaa dhabaa jirti.
# fakkeenyaaf dargaggeessa caasaan akka bineensa gaaraatti karaa safuu/fokkotaa taheen arihanii adamsaa jiran.
✅ Kaayyoon waan kanaa
1️⃣ raayyaa ittisa biyyaa sababeeffachuun duulaa fi zaraffii gaggeessaa jiran.
2️⃣ Ijoollee dirqamaan walitti guuranii yeroo maatiin dhaqan ilma keessan gad-lakkifnaa maallaqa hanga 3000—5000 maatii gaafatan.kun dhuguma mootummaan labse moo❓
# ijoollee warra maatiin isaanii maallaqa qaban maallaqa irraa fuudhanii gad lakkisaa ijoollee hiyyeessa gandi isaanii maallaqa hin qabne waraana dabarsu. Biyyi kun hiyyeessaa fi sooressaafis waluma qixa jenneeti yaanna.garuu immoo haalli amma deemaa jiru kanaan wal faallessa.
✔ kun ummanni akka mootummaa kana jibbu taasisa malee furmaata hin fidu. Kana malees,gochi akkanaa kun waan paartii kanallee maqaa balleessaati.
✔ nageenyi boorahee ummanni hojii ofii irraahillee yaaddoo hamaa keessa galee jira.
✔dhugumatti dhimmi kun mootummuma keenya irraahi dhufe moo asumatti uumamee adeemaa jira kun adda bahuu qaba❓
4️⃣ Biyyaaf dhaabbachuun dirqama hunda keenyaati‼
Garuu kun tahuu kan qabu haala tasgabbii fi malaa mariin jiruun tahuu qaba.
✔ ummataaf dhaabbanna jechaa ummata miidhuun safuudha kun sirraahuu qaba.
👉 Kun ummataafi mootummaa wal---afaan kaa'uu taha‼
04/10/2020
18/09/2020