21/05/2025
Jaalalli ijaan dhufa
Kanaafan si laala
Akkasan si godha
Kanatu siif mala
Baga nagaan dhuftan , page kana hordofaa
21/05/2025
Jaalalli ijaan dhufa
Kanaafan si laala
Akkasan si godha
Kanatu siif mala
27/12/2024
❤️❤️
Nan kolfa qasa'ee
Osoon dhabaa ta'uu
Guyyaa bor dabartuuf
Maal kan Ani raata'u?
Nan boona gammadee
Osoon madaa qabuu
Yaada hin baay'isu
Rabbi nan dadhabu
Kaleessiiyyuu darbee
Ergan har'a ga'ee
Ammas kolfaan tiradha
Duran tabba ba'e
Kan na dhibu dhiibaa
Kan na jibbu jaallachaa
Imala kaayyookoo
Hin dhaabu ittan cicha!
Sami Bekele
09/10/2023
Fayyaa Faayya!
28/09/2023
Shooleeko buchee
Yaa intala calaqqistuu
Wanta baxabbaxxu kana
Maal Hããdha keef Hin dhiistu
😁
19/08/2023
:28_30
...!!
28| Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatti waamamanidha.
29| Warra duraan dursee beekumsa isaatiin foo'ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
30| Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.
!
!
20/04/2023
ASSALAMUALAIKUM WARAHMATULLAH WABARAKATUHU!
Gufannaaf mufannaa
Hundumaa dandeessee
Kaayyoodhaaf okkoluun
Naafa si fakkeessee,
Siif gamu olka'aa
Cimus gadi teessee,
Ayyaana alfixirii
Baga Nagaan geesse!
EID-- MUBARAK!!!!
~~~~~~~~~~~~~~~
Bara hamaa kana
Kan sooreessa deegsu
Bara wallaalaan hirkatee
Beekaa dhiibee jigsu
~~~~~~~~~~~~~
Damma dur mi'aa'u
Kan sitti hadheessu
Yoo nyaattus yoo dhugdus
Kan si jibbisiisu
~~~~~~~~~~~~~~
Alaa kan dhageessuu
Gurraafuu hin tolu
Manaatii maatiikee
Asiif achi kan goolu
~~~~~~~~~~~~
Yoo Laaltu gamana
Akka hongee guba
Millattus gama San
Kan argitu daba
~~~~~~~~~~~~~~~~~
Waa mara keessaayyuu
Waa tokko hin argannu
Mee kottaa sabakoo
Uumaatti haa amannuu
~~~~~~~~~~~~~
Adaraa deebinee
Haa eeggannu garasaa
Umaa waaqaaf lafaa
Amanuutu nu baasa
Like com share...