19/05/2026
. !
:
Dubbisaa ammas dargaggootaa fi namoota yaada kana qaban qaqqabsiisa. Hundumtuu dhaloota kana oolchuuf waan dandeenyu haa gummachinnu. Kan dura gahee waldaa Kiristaanaa barreesse ture.
Akka tajaajilaa Waaqayyoo tokkootti dargaggoota hundaaf Ergaa ijoo tokko dubbachuun barbaada: jireenyi keessan gatii guddaa qaba. Waaqayyo kaayyoo , sagantaa , akeekaa fi galmaa guddaadhaaf isin uume. Isiin qabeenya Waaqayyooti! abdii biyyaati! Abboota Mul’ataa ti, Abboota amantaa ti , Abboota qabeenya ti, Abboota Siyaasaa ti ! Ambassador nagaati! Hojii qabdu!
Dhugaa kana beeku qabdu. Innis Rakkoon yeroo muraasaaf Jireenya keenya irraati ta’uu danda’a; garuu jireenyi keessan fuula Waaqayyooti Maaliin iyyuu iddoo kan hin buufamne ulfina qaba. Rakkoon barabaraa Nama Waliin jiraatu hin jiru! Waan hundumtuu yeroo qaba. Namni nagaa fi fayyaa qabu waan Hundumaa ni qaqqaaba!
Kanaaf , Rakkoo yeroof jettanni Of ajjeesuun furmaata miti. Yeroo seexanni kana gara sammuu keessanni fidu mee kana tasgabbiidhaan yaada : Waaqayyoo akka isiin jaallatu, Haala kana keessa akka isiin baasuu, Namoonni isin jaallatan, isin barbaadan fi isin abdatan akka jiran. Guyyaa kun darbe akka bu’aa buuftan! Akka gammaddaan! Rakkoo keessaan akka dagatan yaadadha. Hundumaa caalaatti immoo yoo waan namni hundi isin dagate isiinitti fakkaatuttillee Waaqayyo isin hin daganne. Isiin hin dagatus! Of Ajjeesuun yaada seexanaati;Namni of Ajjeesuu Mootummaa waaqayyootti hin galu!
Waa lama miidhamuun gaarii miti. Jireenya asiis Harka ofiin gabsiisanii, adaba harka Waaqayyoo fudhachuun gaarii miti. Namni wanuma facaase galfata! Waaqayyo isiin haa eegu!
Har’a dargaggoonni hedduun sababa garaagaraatiin of ajjeesaa jiru. Ani Akkan hubadheetti Rakkoo isaanii keessaa muraasni jechuun:
- hojii dhabdummaa,
- Maallaqaa dhabuu,
- mufannaa jireenyaa,
- walitti bu’iinsa maatii,
- dhiphina sammuu,
- jaalala keessatti kufuu ,
- hojii irraa abdii ku
18/05/2026
3 qilleensa isaatiin bantii waaqaa in qulleesse, harki isaas bofa baqachaa jiru in waraane. 14 Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa ti, isa nuyi waa'ee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha; qaqawwee humna isaa garuu eenyutu hubata ree?" jedhe.
04/05/2026
Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, isa mataa golee qajeelchu ta'e. 23 Kun Waaqayyo biraa ta'e, inni immoo ija keenya duratti dinqisiisaa dha.
03/05/2026
Humna Waaqayyoo isa danda'aatti hundumti isaanii abjuu ta'an.
25/04/2026
Bor Dilbata Saganta Addaatu jira share godha qaqabsisa Ebbifama yeroo ebbaa addaati.
12/04/2026
baga gessan jechaa har'a dilbata namoota waaqayyoo walin turree na ebbiisamee adaara.Christian Rehobot Tv
11/04/2026
Baga yaadannoo du'ee du'aa ka'uu gooftaa Keenya yesuus kiristoosiin isin gahe
bor sagantaa addaa,Share,Share godhaa qaqabsisa
10/04/2026
Yesus
Nama Qulleessa
Dhigni Yesus Kiristoos humna guddaa qaba. Inni cubbuu keenya hunda nu irraa qulqulleessa. Namni kamiyyuu gara Yesus dhufe, cubbuu isaa irraa ni qulqulla’a, jireenya haaraa ni argata.
“Dhigni Yesus Kiristoos cubbuu hunda irraa nu qulqulleessa.” (1 Yohaannis 1:7) Christian Rehobot (R/Tesfaye Edosa)
08/04/2026
Akkuma beekamuu torbeen kun torbee dhukkubbii ykn dhiphina yesus (the week of jesus pain or suffering) jedhamuun kan beekamudha. Kana jechuunis torbee yesus fannifamuu isaan dura itti dhiphina isa dhumaa dhiphachate dha. Galgala tokkotti kadhata wal fakkaataa yeroo sadii kadhatee deebii itti dhabedha. Mat 26:36-46
Dhiphina irraa kan ka'e dafqi dhaqna isaa irraa akka dhiigaatti coccophaa ture.. Luq 22:4
Torbee itti yesus lola isa dhumaa qobaa isaa lolee injifatedha. Inni du'aa wajjiin wal'aansoo qabee bara baraaf injifannoo galmeessiisedha. Jireenya koo keessatti yeroon itti of ta'achuu dadhabuu fi jaalala Waaqayyo irraa kan ka'e akka nama maraatee itti itti ta'u caaffatoota torbee dhiphina yesus yeroon dubbisudha.Kun hundinuu anaaf akka ta'e gaafan yaadu isuma kana irraan iyyuu immoo hammam dadhaboota akka taane gaafan yaadu sammuu koo ol natti ta'a. Akkuma Isay 53 irratti dubbatu inni dhimma isa dhiphisu lafa irraas Waaqa irraas, namumnaa isaa keessaas Waaqumnaa isaa keessas homa illee hin qabu ture. Garuu dhiphina keenya of irra kaa'e jedha. As keessatti hima lama argina, inni dhiphina keenya of irra kaa'e, muddama keenyas in baate jedhee ka'ee, Waaqayyo yakka hunduma keenyaa isa irra kaa'ee jedha. Yesus baachuu hin nuffine, Waaqayyoos irra kaa'uuf hin seesne. Abbaa fi ilma garuu! Mufannaa dhala namaa hundumaa yesus irratti obbaafate. Hubadhuu cubbuun nama tokkoo iyyuu lubbuu fi hafuura namaatti akkam akka ulfaatu namni lammaffaa dhalate in beeka. Namni lammaffaa in dhalatiin ofiifuu cubbuu keessa waan ooluuf hin beeku. Kan nama hundumaa gaafa baattu garuu yaaddeettaa? Kanaafuu beenyaan cubbuu du'a, yesus cubbamoota hundumaaf du'ee, warri cubbuu jalan jiran abaaramoodha. Inni abaarsa hunduma keenyaa ofitti fudhatee eebba Waaqaa fi lafaa isa irra turan hundumaa nutti dabarse, ayyaantummaa guddaa! Dhiphinni yesus waan tokko ykn lama miti karaa hedduudhaani kan inni dhiphifame.
Ba'aan cubbuu caalaa ulfaatu ad
07/04/2026
Araara isaa irraa Kan Ka'ee badisa irra baararamne