10/03/2024
"แฅแตแ แพแ แตแแแต แแแ แแแแต"~ แแแญแ แชแณแ แแ
แจแต
Jaalalasaa hanga du'a ga'uun kan nu bite, amantootni Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa addunya mara irratti argamtan baga sooma Gooftaa keenyaa nagaan geessan.
Gadda keenya kan hin barbaanne, kufaatii keessattis nu dhiisuu kan hin barbaannee gooftan keenya, dukkana keessaa yeroon inni itti nu baasu yeroo qaqqabetti Sooma kaleessaa abboonni keenya raajonni fa'aa sooman osoo hin diigne, akkuma isaanii cubbuudhan alatti soomee fakkeenyummaa nuuf kaa'uf gara Kawaalatti ba'e. Mat 4:1-
Soomni nuti soomnu gadda Lubbuu keenyaf qoricha isa gaaridha. Kitaaba Qulqulluu keessatti Soomni dhuunfaa, soomni gamtaa akkasuma soomni Biyyaa taasifamee jira. Tokkoon tokkoon sooma kanaa bu'aa gaarii argamsiisee akka jiru kitaabni qulqulluu nu barsiisa.
Kakuu Haaraa keessattis duuka bu'oonni hojii afuuraa yeroo raawwachuuf jiranifi kennaa afuura qulqulluu argachuuf akkasuma yeroo kadhannatti soomaa akka turan kitaabni qulqulluu nutti hima. H.D.B. 13:2
soomni waaqayyootti laphee guutuudhaan deebi'uudha, waaqayyo waliinis jiraachuf hamaa irraa of fageessudha. Yeroo soomaa kana keessatti keessumaa kiristaanni Ija isaan, Gurra isaan, Harka isaan, Arraba isaan, Luka isaan walumaa galatti qaama isaa guutudhaan soomu qaba.
Soomni keenya jaalalaan durfamuu qaba. Jaalalli waa hunda of keessaa qaba. namni jaalala qabu; nama kabaja, namaf yaada, nama simata. namni jaalala hin qabne faallaa kanaa deema.
Yoo soomni keenya laphee keenya irraa ta'e nama qeequu irra of qusachuu qabna, lola labsuu irraa araara obbolaa labsina, nama miidhuu caala nama gargaaruu filanna, namatti inaaffuu caala, gammachuu isaa waliin qooddachuuf ni kakaana.
Waqtiin kun waqtii soomaa waan ta'eef qofa osoo hin taane waqtii baay'ee barbaachisaa ta'e waan ta'eef abboonniifi obboloonni akkasuma daa'immaan ko afuuraa hundi jibba caala jaalala haa labsinu, faffaca'uu caala tokkummaa haa labsinu, wal kuffisuu caala wal utubuu haa labsinu. Eenyuyyuu iddoo jirutti waa'ee mana kiristaanaa fi waa'ee biyyaa hunda caala haa dursiisu, isaan kaan suuta kan dhufuu danda'an waan ta'eef.
Soomni kun sooma ittiin tokkummaa argannufi boqonnaa mana kiristaanaa keenyaf itti laannuu nuuf yaa ta'u!
Sooma Gaarii!