Sagalee Barsiisota Finfinnee

Sagalee Barsiisota Finfinnee Cush insiders
⚫️🔴⚪️

07/10/2025

🤣
Barsiisaan barattoota isaa barsiisaa utuu jiruu . "Barsiisaan madda ifaati. Barattoonni ammoo ampuuliidha. Barsiisota isaanii irraa ifa fudhatanii calaqqisu" jedhe itti hime.

Borumtaa isaa barsiisichi kutaa seenee barsiisuu itti fufe. Barattoonni otuma barachaa jiranii barataan tokko mugee hirkatee rafe. Barataan isa bira taa'u harka kaasee yoo maal jedhe wayya?
"Barsiisaa! Ampooliin tokko asii gubatteetti!" jedhee jedhan😀

barsiisota finfinnee follow godhaa

21/05/2025

Hammaan dura caalaa yeroon itti barsiisaadhaaf al dureen jireenyaa itti mijeeffamuu qabu ammadha🥹

Barsiisonni jireenyi qaala'insi jireenyaa sinitti hin cimnemoo maaf callistani🤔

02/01/2025

Magaalaa finfinnee keessatti barsiisotaaf waraqaan eenyummeessaa kennamee itti fayyadamaa jiraachuun isaanii beekamaadha. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti komiin guddaan barsiisotarraa ni dhaga'ama . Baasii anbassaa(anbesa bus) irratti bakkoota hedduutti barsiisonni akkaataa danbiif walii galteen biiroon barnoota M/finfinnee walii galteen raawwatametti fayyadamaa hin jiranu.

Sanarra darbee hanga barsiisaa reebuuf arrabsuutti ga'amaa jira.

Kanuma hubachuun qaamota dhimmi ilaallatutti heeruu kennaa jirra. Bakka muraasatti wantoonni sirratan ni jiru.

Amma yoonaatti wanti qulqulleeffanne dhaabbatichaa bira rakkoon akka hin jirre dha. Haa ta'u malee warreen jala jira jiraan seera ofii isaanii baafachuun yeroo gara garaatti barsiisaa hiraarsaa jiru. Kanaaf qaama ol'aanaatti heeruu kennuun dirqama keenya haa ba'annu.

Abbaa dhaloota qubee✍️

Gaarummaan abbaa dhumaaf✍️Barattoota  Finfinnee ulfaadhaa❣️
25/05/2023

Gaarummaan abbaa dhumaaf✍️
Barattoota Finfinnee ulfaadhaa❣️

  Guyyaa har'aa lubbuun isaanii Balaa konkolaataan darban Waaqayyo jajjabina maatii,  firoottaniif barattoota keessan ma...
20/05/2023

Guyyaa har'aa lubbuun isaanii Balaa konkolaataan darban Waaqayyo jajjabina maatii, firoottaniif barattoota keessan maraaf haa laatu.

Sagalee Barsiisota Finfinnee
🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤

Siniin immoo jannata hawwina😥

20/12/2022

Finfinnee keessatti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisan 403 gahaniiru.Akka heera mootummaatti ijoolleen Afaan Isaaniitiin barachuun mirga.Kanarratti hayyama nama kamiinuu gaafachuun hindanda'amu.Afaan Oromoo fi aadaa Oromoo Finfinnee keessatti caalmaatti babal'isuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaas ejjannoodhaan irratti hojjachaa jira.Gama hundaan cimee itti fufa!!
Wanti jijjiirames hin jiru ; wanti jijjiiramus hin jiru✍️

 ‼️Magaalaa Finfinnee keessatti Manneen Barumsaa irratti Alaabaa   haa fannifamuu moo hin fannifamiin kan jedhutu falmii...
29/10/2022

‼️

Magaalaa Finfinnee keessatti Manneen Barumsaa irratti Alaabaa haa fannifamuu moo hin fannifamiin kan jedhutu falmii kaasaa jiraachuu argina. Magaalaan Finfinnee Handhuura Oromiyaa keessatti argamti. Dhaabbileen Magaalichaa keessa jiranin Hunduu Alaabaa Oromiyaa fannifachuu qabu. Dhaabbileen biroo haa hafuuti Dhaabbileen Oromoo iyyuu Alaaba Oromiyaa hin fannifannee! Maqaa Oromoo akka tti itti fayadamuu irraa darbee Hojiin isaan Oromummaaf Hojjatan baayyee miti. Dhaabbileen kun Hatattamaan of ilaaluu qabu!

➡️Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa
➡️Baankiin Sinqee
➡️Baankii Gadaa
➡️Baankiin Oromiyaa.
➡️Manneen Barnoota dhuunfaa!
➡️Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee.
➡️Blchiinsonni kutaa Magaalaa fi kanneen Biroo Sababiin itti isaan Alaabaa Oromiyaa hin fannifanneef maaltu jir? Yeroo dhihootti fannifachuu qabu!
Odeeffannoo wayitaawaa argachuuf 👉Finfinnee teacher's Community

Biiroon barnoota magaalaa finfinnee gosa barnoota gara garaatiin sadarkaa barnootaa digrii fi dippiloomaatiin dorgomsiis...
24/10/2022

Biiroon barnoota magaalaa finfinnee gosa barnoota gara garaatiin sadarkaa barnootaa digrii fi dippiloomaatiin dorgomsiisee qacaruu waan barbaadeef akka galmooftan isiin jechaa carraa gaarii siniif hawwina✍️
Nu hordofuu hin tagatinaa
Finfinnee teacher's Community
galmeen online (aaceb.gov.et)

14/10/2022
20/09/2022

Barnoonni kutaa magaalaa finfinneetti guyyaa kaleessaa jechuun 09/01/2015 eegalameera✋
barnoota gaarii✍️✍️✍️

12/09/2022

Barsiisonni magaalaa finfinnee fi naannoo isheetti argamtan baga geessanii irraa haftan. Barnoonni bara kanaa bifa haaraan waan eegaluuf keessattuu xiyyeeffannoon gama afaan oromoo irratti kennamaa jiru waan hedduu nama boonsu waan ta'eef hundi keenyayyuu bakkuma jirrutti dirqama keenya ba'achaa dhaloonni qubee afaan isaatiin akka baratuuf dadhabbii tokko malee of kenninee hojjechuu qabna.

Oolmaa milkii ✍️
Finfinnee teacher's Community
Page keenya
Like, follow gochuun nu hordofaa🙏

Address

Arat Kilo
Addis Ababa

Telephone

+251918952768

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Barsiisota Finfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Sagalee Barsiisota Finfinnee:

Shortcuts

Share

Category