EthioEntertain Afan Oromo page

EthioEntertain Afan Oromo page

Share

Website that provides training sessions on digital marketing and other trainings

14/03/2023

KENNAA UUMAMAA

๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000)
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qaba

๏Sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

➲Namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.

๏Gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare marmaratee keessa ta'a

www.ethioentertain.com
9764

ኢትዮኢንተርቴን Web site created using create-react-app

10/03/2023

ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
What's your purpose of life.?

Jireenya keessatti waanti ati ta'uu qabdu sitti himameera ta'a,atis isa sitti himame hojjachuuf tattafatteetta ta'a,garuu itti hin milkooftu.Sababni isaa immoo,sitti himame malee,ati ofitti hin himne.Hojiin milkaa'ina qabu ofumaaf ofitti himuu irraa jalqaba!

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

www.ethioentertain.com
9764 OK jedha seenaa.

www.ethioentertain.co

03/03/2023

Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko.

Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu.

Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi.

Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama.

www.ethioentertain.com

9764 ok

www.ethioentertai.com

01/03/2023

JECHOOTA FILATAMOO

1. Hammam dheeraa taatus boru
arguu hin dandeessu.

2- Konkolaataa kumaatama
qabaattus, kutaa siree lukaan
deemuun kee dirqama.

3-Daaktuu beekamaa taatus
Qurxummii ta'uu hin dandeessu.

4- Nama jabaa beekamaa biyyaa
taatus gaara sochoosuu hin
dandeessu.

5- Poolisii beekamaa taatus
lubbuu qabuu hin dandeessu.

6- Diimaas ta'i adiis ta'i,
Garuu gaaddidduun kee gurraachuma.

7- Kan arge hunda qabuuf kan
yaale, guyyaa tokko bofa qabee
hiddama.

8- Booji'ameera jettee nama
abaarame waliin hin oolin.

9- Hiriyyaa gaarii salphaatti bituu hin dandeessu, haa ta'uuti garuu salphumatti gurguruu dandeessa.

10 Adurreen gadaamii seentus,
adurrummaa ishee hin jijjiirtu

11 Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran!

12- Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!

13- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!

14- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!

15- Akka addunyaatti yaadii akka naannootti jiraadhu

www.ethioentertain.com

9764 OK

ኢትዮኢንተርቴን Web site created using create-react-app

28/02/2023

Imala kee dursii kana hubadhu!

'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.

Imala milkii!

www.ethioentertain.com

9764 OK

27/02/2023

Warshaan nyaataa tokko hojjattoota hedduu qacaree hojjisiisa ture. Guyyaa tokko hojjattoota keessaa hojjattuun tokko kutaa qabbaneessituu keessa akkuma jirtutti itti cufanii hundumtuu hojiidhaa bahan. Hojjattuun kun iyyitus namni dhaga'u hin argamne. Balbalicha banuuf yaaltus keessaan banuun tasumaa hin danda'amu ture.

Filannoon isheen qabdus amma raajiin tokko uumaamee kuticha keessaa baatutti abdiin eeguu ykn ammoo, Amma qabbaneessituun sun ishee diilaleessee ajjeesutti eeguu qofa ture.

Daqiiqaa muraasa booda Waardiyyaan warshichaa kutaa qabbaneessituu sana banee hojjattuu kana baase. Hojjattuun kun nama kana akka ergamaa rabbirraa ishee fayyisuuf ergameetti ilaalaa... "Akkamitti gara kana dhufuu dandeesse garuu?" jechuun gaafatte. Namichis deebisee "Hojjattoota warshaa kanaa hunda keessaa ganama yeroo seenu fi galgala yeroo ba'u kan nagaa na gaafatu si qofa. Har'a ganama seenuu kee nan yaadadha. Guyyaas akka ati hin baane nan beeka. Ammas namoonni hundi yeroo ba'an ati hin baane. Kanaaf rakkoon tokko uumamuu isaa tilmaameen garana dhufe" jedheen. Ajab Ajab

Yaa nama seenaa kana dubbistu; Hojii gaarii ati hojjattu mitii fuullii gaariin ati namatti argisiistu gaafni inni siif kanfalu ni jiraatii amma dandeessetti gaarii hojjachuu fi gaarii ta'uuf yaali.

9764 0K
www.ethioentertain.com

24/02/2023

Utuu dubbisa kanatti hin darbin mee gaaffii kana deebisuuf yaali.
Aartee beekta?
Maalif aarte?
Aariin midhamteettaa?
Sababa aariikeef nama miite qabda?
Kanaaf maaltu sitti dhaga'ame?
Aarii kee akkamiin too'atta?
Ammallee aariin si rakkisaa jira?
Maarree barreeffamni kun siif barbaachisa obsaan dubbisi
Nama jaallattu tokkoof qoodii

Hin Aariin (Never Dyspeptic).

Aariin amala ilma namaa keessaa tokko dha. Wanti tokko yoo badu ilmi namaa ni aara; ni gaddas. Akkuma wantootni hunduu daangaa qaban aarii fi gaddis daangaa qabaachuu qaba. Daangaan aarii kan hundaa'u nama aaru san irratti. Namtichi garmalee aare sun yoo daangaa darbe ofis miidhee nama biroo miidhuu danda'a. Jiruuf jireenya ilma namaa keessatti sababa aarii to'achuu dadhabuutiin wal ajjeechaa fi qabeenya barbadeessuun dhufuu danda'a, haati warraaf abbaan warraa wal dhabuun ni jira, sababa aarii to'achuu dhabuutiin gochiif jechi, akkasuma gaabbiin akka abiddaa nama gubu ni uumama.

Gaabbiin si keessaa hin baane, kan akka abiddaa mar'immaan si gubus si mudachuu danda'a. Sababa aarii to'achuu dadhabuutiin gochaa fi jechoota garmalee nama laalessaniin akka hin miidhamnee fi hin seenofneef egaa aarii koo to'achuuf maal gochuun qabaree jettee gaafachuu malta.

Furmaata ta'a kan ta'u:-
1. MORMII IRRAA FAGAACHUU
Namni yommuu aaru wanta jedhuu fi hojjetu hin beeku. Summiin jechootaa afaan isaa keessaa bahu akka nama miidhu hin hubatu. Aarii ofii qabbaneessuuf jechootuma arge dubbata. Aariin yommuu irraa galu garuu gaabbiin quba nyaachaa, ibiddi gaabbii mar'immaan isa waada. Kanaaf yommuu aartu callisi, mormiirraa of qusadhu. Yommuu aartu namaan hin mormiin. Mormii fi dutni aarii dabaluu fi miidhaa biraa fiduu malee furmaata fiduu hin danda'u; araarama fidus hin qabu.

Furmaata barbaaduuf aariin yommuu namarraa galu waliin marii'achuu dha. Yommuu aartuu fi nama aarsitu nama sitti dutu (nyakkisu) fi si mormu biraa deemi. Erga aariin s/irraa galeen itti deebi'ii marii'adhu. Aariin yommuu namarraa galu namni kamuu balleessaa isaa ni beeka. Amanuu fi dhiifama gaafachuutu itti ulfaataaf malee. Balleessaan kan kee yoo tahe dhiifama gaafachuu hin saalfatiin, dhiifama gaafachuun badii hedduu hanbisuu danda'a. Dhiifama gaafachuu akka gad aantummaattis hin ilaaiin. Akkasuma namni yommuu dhiifama si gaafatus gogaa (self rigid) hin ta'iin, gonkumaa dhiifama siif hin godhus hin jedhiin. Dhiifama gaafachuu fi gaafatamuun aarii qabbaneessa; gammachuus uuma.

“Amma garuu isin dheekkamsa, AARII, hammina, maqaa walii balleessuus hundumaa of irraa fageessaa! Dubbiin nama yeellaasisus afaan keessan keessaa hin ba'in!” — Qol. 3:8

Kutaa 2ffaa............eggadhaa

24/02/2023

Seena Namoota Beekamoo Addunyaa keenya
Maansa Muusa

► Maansaa muusaa ykn maqaan sirriin muusaa keeyitaan maansaa 10faa kan ta'ee dha.
Maansaa jechuun "Sulxaana (mootii)" jechuu dha. Muusaan impaayeraa baldha afrikaaa yeroo sanaa kan taatee maalii keessatiii mootii akkasumas abbaa qabeenyaa beekkamaas ture. ► Maansaa muusaan bara 1280 akka dhalatee himama. Muusaa keettaan akka ragaaalee bocaa
fi wantoota adda addaa maalii keessattii argameen maansaa muusaa jedhamuun beekkama. Akaakayyuun maansaa muusaa abu-bakar kan jedhamuu oboleessaa hundeessaa maalii sundiyaataa keettaatii.
► Maaansaa muusaan wanta addunyaa irrati beekkamuu keessaa tokko deemsa gara makkaa
ykn isa hajjii jedhamuu taasisuun beekkamu. Akkka ragaleen tokko tokko ibsuttii namichi kun bara 1324-1325 gidduutti hajjii akka taasisee agarsiisa. Yeroo kanattii namoota 60,000 fi
garboota (slaves) 12,000 tokkoon tokkoon isaanii warqii Kg 1.8 ulfaatuu qabatanii isa waliin gara makkaatti akka imalan dubbatama. Wanti nama ajaa'ibsiisuu immoo namoota rakkatan daandii inni irra imalu yoo arge warqii sana kennaafii bira darba ture.
Maansaa muusaan sababni hajjii taasiseef akkuma beekkamuu seera amantichaa sana hordofuu qofa osoo hin taanee barnoota tokko tokkos warroota amantaa achi jiran irraa baratuufis ture. Namni kun amantaa islaamaa babaldhisuu keessattii shoora guddaa taphateera. Inumaayyuu wanti nama aja'ibu guyyaa jimaata jimaataa yeroo hundaa masgiida tokko tokko ijaaruun beekkama.
► Maansaa muusaan masgidotaa fi madrasah (bakka itti baratamu) hojjechuun beekkama.
Keessattuu magaala timbuktuu fi gaa'oo keessattii. Akkasumas yuunivarsiitii (madrasah) saankooree bara isaa keessa ijaarame. Yuunivarsiitii amma warri adiidiin ittiin boonan kana jalqaba kan ijaarsise gurraacha kana ta'uu isa hangam akka beekan hin beekuu ani.
Akkasumas qabeenya doolara biiliyoona 400 qabaachuun addunyaa irrattii hanga har'a qabeenyaan tokkooffaa nama ta'ee dha. Garuu warroonni adiin Augustus cesar' qarshii doolaara '0.1 trilion' qaba jedhamus hanga ammaattii ragaan hin jiru.
> Guyyaan ykn barri maansaa muusaan du'ee hayyoota hedduu birattii falmisiisaa kan ta'e
yommuu ta'uu garuu kan hayyoonnii baayyeen itti amanan bara 1337' akka ta'ee dha.

www.ethioentertain.com
9764 OK

ኢትዮኢንተርቴን Web site created using create-react-app

23/02/2023

NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu.
Mudannoo fi oolmaa guyyaa guyyaa keessatti muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan, CIMINAA fi DADHABINA isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu.
Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjetamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaa'ina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma.

➲ Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu.
Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu.
Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

➲ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammuma irraa eegaluun amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

www.ethioentertain.com
9764 OK

17/02/2023

Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ 'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ 'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ 'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ 'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ 'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ 'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ 'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ 'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

"9764 OK" jedha seenaa irra baraadha.

17/02/2023

Isteefan Koovay (1992) kitaaba isaa, "The Seven Habits of Highly Effective People" jedhu keessatti, qajeelfamoota ijoo yaada haaraa uumuuf yookaan waan haaraa kalaquuf gargaaran ibsee jira.

Qajeelfamoonni kunniinis:

A. Jireenya kee keessatti rakkoowwan uumamuu malan dursii xiinxalii adda baafadhuutii, dursii tarkanfii ittisaa barbaachisaa ta'e fudhadhu malee, hanga rakkoon uumamutti teessee hin eegin

B. Mul'ata kee dursii sammuu kee keessatti ilaali

C. Wantoota hojjettu yookaan gootu akkaataa barbaachisummaa isaaniitti duraa duubaan tarreeffadhu

D. Injifannoo gar- lamee (win-win) irratti xiyyeeffadhu

E. Namootni biroo waliin wal tumsitee hojjechuu bartee godhadhu

F. Namootni biroon akka si hubataniif, jalqaba ati isaan hubadhu

G. Qottoo kee sirriitti qaradhu ( hojii kee dura qophaa'ummaa sirri qabaadhu jechuu isaati)

www.ethioentertain.com

9764 OK

ኢትዮኢንተርቴን Web site created using create-react-app

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Addis Ababa