11/08/2024
Dhimma Barsiisaa irratti qaamni qoosu qaama biyya diiguuf deemaaru akka ta'e ragaa biroo hin barbaachisu;
↪️Ilaa mee isa har'a biyya Bulchaa jiru Gaafa kutaa 1ffaa barachuuf mana barnootaa deemtu waraana moo, kaadire moo, ogeessa fayyaati moo, banker tu Si simatee? si'ii jaamaa ija hin qabne duudaa gurra hin qabne ija banee dubbise? Barsiisaan...
↪️Qalbeeffadhu yaa namana
Har'a haalli hundi siif guutee Waan jiruuf ati dagachuu malta!
Barsiisaan dhagaa duudaa cabsee nama si taasise.
Ati dhagaa duudaadha boca har'a qabaattu kana kan Si qabsiise Barsiisaa dha.
Feetu doctor ta'i, feetu enginer ta'i, feetu paylate ta'i , yoo komishiniinera ta'i...
Osoo Barsiisaan hin jiru ta'ee Ati dhuguma dhagaa duudaadha.
↪️Barsiisaaf;
Manni viillaan hin maluu?
Konkolaataan v8 hin maluu?
Jireenyi gammachuu hin maluu?
Fuudhee Sanyii horuun hin maluu?
Mindaan gahaan hin maluu?
Tajaajila yaalaa bilisaa argachuun hin maluu...
↪️ Barsiisaan wareegama qaalii baddaa gammoojjii keessatti dararaa daangaa hin qabne,
Beela
Dheebuu
Qorra
Hoo'a
Lafa bishaan hin jirre
Lafa midhaan hin jirre
Gammoojjitti BofA fira godhatee
Baddatti qorraaf dhoqqee fira taasifatee
Biyya Utubee dhalootaaf aarsaa ta'aa jira.
Dhalootaaf dungoo ta'ee baqee Ofii baqee dhumata.
↪️Amma Kun hunduu hafee Barsiisaan keenya qaala'insa jireenyaatiin waxalamaa jira. Kun Osoo kanaan jiruu godinaalee gargaraa aanaalee hedduu keessatti barsiisonni komii hedduu kaasaa jiru fkn
Qarshii mindaa haala fedhii barsiisaa hin eegneen akka muramaa jiru kaasu kun dafee hin sirratu taanaan rakkoo dhufuuf eenyutu itti gaafatama?
↪️ Barsiisonni keenya mindaan keessan Sababa kamiinuu isinirraa akka hin cinne cimsaa falmadhaa.
Inumaa yoo ta'uu dide hanga mana murtiitti deemtanii mirga keessan kabachiisuu dandeessu!
↪️ Barsiisonni Carraa leenjii fi walgahii gargaraa argattan sodaa tokko malee gaafii mirgaa gaafadhaa fkn,
↪️Kan akka fooyya'iinsa mindaa
↪️Qaala'insa gabaa too'achuu
↪️Lafa mana jireenyaa akkaataa qajeelfamaan argachuu gaafadhaa nutis cimsinee hordofaa jirra.
Uumaan haa dubbatu Waan dhugaa Barsiisaa 🙏🏽
Share share gochuun Wal dhaqqabsiisaa .
Barsiisonni keenya tokko ta'aa tokko taanaan hunduu ni danda'ama.