22/08/2026
Itoophiyaan Mooteetti! Waan yaannee olitti kan nuuf milkeesse Rabbif galanni haa ta'u!
๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด ๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด
Komishiniin Marii Biyyoolessaa waggoota 4 oliif kan itti dhama'e, akka Majliisaatti waggaa 3f kan itti qophoofne, akka hirmaataattis hojii fi maatiirraa fagaannee guyyoota 37f kan irratti hirmaanne mariin biyyoolessaa kun injifannoo Itoophiyaatiin kaleessa galgala keessaa sa'aatii 3:00 irratti milkiin xumurameera. Har'a ganama immoo sagantaan cufiinsaa ifatti gaggeeffamee ni golbabama. Galanni Rabbii guddaadhaaf haa ta'u!
Marii kana irratti Itoophiyaan damee hundaan hunda kan hammattu, hirmaachistuu, ol'aantittii, walqixxummaan qabatamaan keessatti mirkanaa'e, misoomaa fi guddinaan, haqaa fi dimookiraasiin, tokkummaa fi jaalala biyyaatiin, gootummaa, nagaa fi ijaarsa dhaabbilee cimaatiin kan mul'attu akka taatuuf bal'inaan irratti mari'atameera.
Xumura marichaa irratti yaadoleen furmaataa 400 dhiyaataniiru. Isaan keessaa 396 waliigaltee guutuudhaan yeroo dhiyaatan, 4 irratti garuu waliigalteerra gahuun waan hin danda'amneef garaagarummaan jiru akkuma jirutti ta'ee furmaatawwan filannoo dhiyaataniiru.
Hirmaattota kuma 4 keessaa 500 500 taanee ajendaawwan saddeet irratti qoodamne. Ani garee ijaarsa biyyaa keessan ture. Nutis 500n keenya gareewwan namoota 50 qaban 10tti qoodamne; 50n sun immoo garee namoota 10 qaban 5tti dachaane. Haala kanaan ajendaawwan saddeettan keessaa isa tokkorratti hojjenne. Walumaagalatti ajendaawwan gurguddoo 8, ajendaawwan xixinnoo 96 fi gaaffilee bu'uuraa 225 irratti mariin ho'aan gaggeeffameera.
Adeemsa kana keessatti saboonni, kutaaleen amantii, qaamoleen siyaasaa fi fedhii garaagaraa qaban dhimma, rakkoo, gaaffii fi ajendaa mataa isaanii bal'inaan dhiyeessaniiru. Ni mari'anne, falmanne, yaadaan adda adda baane; dhiphinni hamaan dhalatee hanga wal-reebuutti kan geessellee tureera. Haa ta'u malee yeroo akkasiitti jaarsoliin biyyaa gidduu galanii karaa aadaa fi nagaa qabuun furmaata itti godhaniiru.
Kutaalee biyyattii maraarraa fi hawaasa adda addaarraa gaaffilee, rakkoolee fi dhugaa lafarra jiru hedduu ijaan argine. Gaaffilee fi qormaata uummataa kan kanaan dura miidiyaarratti dhageenyee hin beekne dhaggeeffanne. Itoophiyaan hammam bal'oo fi adda adda akka taate, furmaanni ishees ilaalcha hundarraa madduu akka qabu qabatamaan hubanne. Keessattuu biyya walxaxduu akkasii geggeessuun akkuma ala taannee afaaniin odeessinu lafa salphaa akka hin taanee fi hedduu ulfaataa ta'uu isaa arganneerra.
Dhugaan guddaan baranne tokko, uummanni Itoophiyaa hundi waraqaarra qofa osoo hin taane walqixxummaa qabatamaa, haqa dhugaa fi hunda-hammattummaa akka dheebotedha. Hirmaataan tokkoon tokkoo seenaa, qormaata, gaaffii fi ilaalcha nama biraarraa waan hedduu barateera. Hirmaattotni 4,000 marti waa'ee biyya isaanii, waa'ee uummata isaanii, biyyi akkamitti akka ijaaramtuu fi siyaasni akkamitti akka dalagu barumsa guddaa fudhataniiru.
Marii biyyoolessaa kana keessatti gareewwan xixiqqoon namoota 10 qaban mari'atanii kan galmeessan qaboo yaa'ii 400, gareewwan namoota 50 qaban qaboo yaa'ii 80, gareewwan miseensota 250 qaban qaboo yaa'ii 16 fi walga'iin namoota 500 qaban qaboo yaa'ii 8 galmaa'ee mallatoodhaan mirkanaa'eera.
Taatee seena-qabeessa fi murteessaa ta'e kanarratti dammaqinaan hirmaachuu kootiin, qindeessuu fi gahee koo gumaachuu kootiin Rabbii koo nan galateeffadha. Hirmaannaa koo qofarraayyuu bu'aa guddaan argadhe. Kan jalqabaa ta'uu isaatiin hanqinaaleen yoo jiraatanillee adeemsi fi injifannoon isaa garuu waan yaannee ol ture. Rabbi waan nuti tilmaamneen olitti nuuf laaffise. Lammiileen keenyas waan nuti eegnee olitti nu hubataniiru.
Gaaffiin keenya kan isaanii, kan isaaniis kan keenya ta'ee waliigalle. Hundi keenya qixa injifataa akka taanu kan nu taasise Rabbiif galanni guddaan haa gahu. Mootummaa waltajjii kana mijeesseef, komishinaroota adeemsa kana keessatti dadhabaniif, hayyoota damee adda addaatiin gumaachan, ogeessota, qindeessitoota, hojjettoota deeggarsaa, qaamolee nageenyaa fi lammiilee dammaqinaan hirmaatan hunda nan galateeffadha. Keessattuu akka dhaabbata geggeessaa Muslimaatti kan dammaqinaan nu qindeessee fi nu cinaa dhaabbate Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, addatti immoo Pireezidaantii kabajamoo Dr. Shiik Hajii Ibraahiim Tufaa galanni guddaan isaaniif haa ta'u.
Dhumarrattis kutaalee Itoophiyaa maraarraa kan hirmaattan obboloota dhiiraa fi dubartootaa, hayyoota, ulamaa'ota, maanguddoota biyyaa, Abbootii Gadaa, Ugaasota, dargaggoota, Haadholii Siinqee, jaarsolii fi kanneen dhimma Muslimootaa keessatti akka qaama tokkootti dammaqinaan hirmaattanii seenaa hojjettan hunda baga gammaddan! Rabbiin yaada furmaataa dhiyaate hunda saffisaan hojiirra oolchee, Itoophiyaa haqni, bilisummaan, walqixxummaan, nagaan, misoomni fi guddinni keessatti dagaagee walqixa keessa jiraannu natti nuuf haa agarsiisu.
Galgala kaleessaa irratti sababni isaa maalirraayyuu haa maddu, hidhamtootni siyaasaa hundi akka hiikaman, mootummaan dhiifama akka godhu, qaamoleen hidhatanis gara nagaatti akka deebi'an waamichi dhiyaateera. Mootummaanis dhimmoota gara qabsoo hidhannootti isaan galche qoratee furmaata akka laatuuf dhaamameera.
Xumurarratti haqa, hunda-hammattummaa, walqixxummaa, nama biraa hubachuu, ajendaa namaa akka kan mataa ofiitti ilaaluu fi wal dhaggeeffachuutu injifate. Itoophiyaan mooteetti! Sadarkaa yaada furmaataa kanarratti injifannoo waan eegnee ol nuuf kenneef Rabbif galanni haa gahu! Sadarkaa hojiirra oolmaattis milkii kana caalu akka nu badhaasu Isa kadhanna.