Al-Hasan Quran Academy

Al-Hasan Quran Academy

Share

Barnoota Islaamaa Huruufa, Qur’aana Tajwiida wajjiin, barnoota salaataa fi kitaabban biraatis ni bars

Photos from Wiirtuu Barnoota Islaamaa Oromoo Biyya Masrii's post 21/05/2025
07/05/2025

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Hawaasa Muslimaa Biyya Masrii jiraattan Hundaaf

Wiirtuun Barnoota Islaamaa Oromoo Masrii Sagantaa Barnoota Islaamaa adda addaa fi Muhaadaraalee Babbareedoo dhama qaban gaggeeysaa turuun isiii ni yaadatamaa.

Bara kanaas Sagantaalee Duraan turanii fi kan biroo mimmiidhagoo tahan itti dabaluun Hawaasa biyya kana daran tajaajiluuf qophii xumuree

Guyyaa Jimmataa May 9/2025 Sa'aa 4PM irraa jalqabee

Wiirtuu Shaaraa Arba'iin tti isin eegaa jirra.

Hin Hafinaa wal afeeraa hirmaadhaa isiniin janna.

Share waliif godhaa.

Photos from Al-Hasan Quran Academy's post 19/04/2025

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Al-Hasan Quran Academy
مركز الحسن لتعليم القرآن

Markazni Al-Hasan kan Ustaazoota muuxannoo barsiisummaa yeroo dheeraa qabaniin kan gad dhaabbate yoo tahu, hawaasa muslimaa fedhii fi hawwii barnootaa qabaniif carraa barumsaatiif balbala saaqeeti jira. Muslimoota addunyaa tanarra jiran roga barnoota shari'a islaamaa ( ilmii diin islaamaa) tin tajaajiluuf qophii xumuree as beheeti jira.

Gosoonni barnoota irratti xiyyeefannaan kennaman ykn barsiifaman keessaa :-

• Kitaaba Huruufaa Qa'idatu Nuuraniyyaa
Makhaarija harfii wajjiin
• Qur'aana tilaawaa tajwiidaan
• Qur'aana muraaja'aa tajwiidaan ( keessa deebi'ii)
• Hifzii Qur'aanaa tajwiidaan
• Kitaabban Tajwiidaa adda addaa.
• Kitaaba Usuulu Assalaasaa ( Hundee Sadeen)
• Kitaaba Shuruuxa Salaataa ( Ulaagaalee salaataa)
• Kitaaba Qawaa'idul Arba'aa (Hundee Afran)
• Kitaaba Towhiida
• Kitaaba Arba'iina Nawawii fi kkf kitaabban biraatiis fedhii fi hawwii barattootaa irratti hundaawuun kan barsiifnuudha taha.

∆ Hubachiisa...
Al-Hasan Quran Academy'n karoora ji'oota hangam keessatti akka barattoota isaa barsiisee barumsa sadarkaa itti aanuuf dabarsu akka armaan gadii kana...

•Kitaaba Huruufa irratti...
✓ Joollee umriin waggaa 7 gad jiran ji'a 3tti kan barsiisee fedhii Rabbiitiin xumursiisuudha.

✓ Namoota umriin waggaa 7 fi sanii ol tahan ykn jiran ji'a 3 gaditti barsiisee fedhii Rabbiitiin ni xumrsiisa.

• Qur'aanaa irratti...

✓ Joollee umriin waggaa 7 irraa hanga 15 jidduu jiran waggaa 1 gaditti fedhii Rabbiitiin barsiisee ni xumrsiisa.

✓ Namoota umriin waggaa 15 ol jiran waggaa 1 keessatti fedhii Rabbiitiin barsiisee ni xumrsiisa.

✓ Keessa deebi'ii Qur'aanaa tajwiidaan (Muraaja'aa Qur'aanaa tajwiidaan) ji'a 6tti ni xumrsiisa.

✓ Barattoota Hifzii Qur'aanaa waggaa lamatti barsiisee fedhii Rabbiitiin ni xumrsiisa.

✓ Kitaabban biraa hafan ji'a 3 hanga 5'niitti barsiisuun ni xumrsiisa.

Sagantaan barnoota keenyaa torbaanitti guyyoota 5'n barsiifna.

Waa'ee yeroo barnoota ilaalchisee.

Al-Hasan Quran Academy'n yeroon inni baruumsa itti barsiisuus, akkaataa lamaani. Inniis...

• Namoota fedhii fi hawwii barnootaa qaban kan jireenyaaf qubsumaan biyyoota Arabaa kanneen akka Egypt (Masrii), Saudi Arabia, Dubaayi fi kkf biyyoota kana keessa jiraniif sa'aan isaanii galgalarraa sa'aa 7:30 hamma sa'ati 12:00 jiddutti isaan barsiifna.

• Namoota jireenyaaf qubsumaan biyyoota akka Ameerikaaa, Kanadaa fi Awostaraaliyaa fi kkf keessa jiraataniif akkaataa yeroo isaaniif mijjatee irra dhaabannee kan barumsa isaan Al-Hasan Quran Academy keessatti barachuu barbaadan isaan barsiifnuudha taha. Odeeyfannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa kanaan nu qunnamaa.

Hawaasni keenya an muslimaa hundi keessanu.

• Namni akka dhunfaatti baratuu barbaadu.
• Namoonni maatii fi ilmaan barsiifatuu barbaadu.
• Namoonni gareen barachuu fedhii fi hawwii qabaan Markazni keenya Al-Hasan Quran Academy'n yaamaa jira.

Odeeyfannoo dabalataatii fi galmee barnootaatiif lakkoofsa bilbilaa kanaan nu qunnamaa.

📲 +201152511749

Garee WhatsApp keenyaas link kanaan seenuuu dandeessan.

https://chat.whatsapp.com/KuQ4uayVDZ3FeCrq3vLRUv

18/04/2025
14/10/2021

Hayyuun tokko akkana ja’e.

Siree teenya tolchinee, mana keessa rafnu qabbaneeffanna.
Akka du’a xiqqoo(hirriba)n qananiinuuf.

Garuu dalagaa teenya tolchinee?
Qabrii teenya qabbaneeffannee?
Akka du’a guddoodhaan qananiinuuf?

Namni saalihaa tokko ni jae.

Ilmaa namaa kana nin ajaa’iba jae.
Nyaata tokko tokko dhukkuba sodaaf irraa if eegan.

Garuu ibidda sodaaf diliirraa ifin eegan.

Want your school to be the top-listed School/college in Cairo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Cairo