Markazul Rawdatul Jannah

Markazul Rawdatul Jannah

Share

👉 Barnoonni fincila diddaa wallaalummaati.
🔊 Garee Barnootaa Markazul Rawdatul Jannah

09/06/2025

Assalaamu'aleeykum warahmatullaahi wabarakaatu..

Oduu Gammachiisaa; dhagayaa wal dhageeysisaa.
Hawaasa keenya kan muslimaa fedhii fi hawwii barnoota amantii ( ilmii shari'aa islaamaa ) barachuu barbaaddan maraaf; hulaan ykn balbalti beekkumsaa kunoo isiniif banameeti jira kootta baradhaa irraa fayyadama isiniin janna.

Markazni RAWDATUL JANNAAN balbala ykn hulaa barnootaa isiniif banuun akka dhuftanii galmaawuun irraa fayyadamtan isin beeysisa. Barattoonni hanga ammaan duraa fedhii fi hawwii barnootaa qabaachuun iddoo ykn bakka itti baratan barbaadaa turtan amma kunoo gara Markaza RAWDATUL JANNAAtti koottaa fedhii fi hawwii barnootaa qabdan argadhaa. Guyyaan galmee barattoota haarayaatiis guyyaa 6/09/2025 irraa hanga guyyaa 12/09/2025tti yoo tahu; guyyaan barumsi itti jalqabamuus guyyaa 13/09/2025ti.

⚠️ Hubachiisa :
• Barumsi Garee Barnootaa Markazul Rawdatul Jannaa irraa kennamuus akka armaan gadii kana.

👉 Kitaaba barnoota Huruufaa (Qubee Qur'aanaa)
👉 Kitaaba barnoota Qur'aana Tajwiidaan
👉 Kitaaba barnoota Nawaaqidul Islaam (نواقض الإسلام )
👉 Kitaaba barnoota Qawaa'idatul Arba'a ( القواعد الأربع)
👉Kitaaba barnoota Hundee sadeen (Usuusa Salaasaa (الأصول الثلاثة وأدلتها ))
👉 Kitaaba barnoota Arba'iina Nawawii (الأصول الثلاثة وأدلتها ) fi kkf akka barsiisu gamanumaan isin hubachiifna.

=> Barataan/ttuun Huruufa qofa barachuu barbaadu/ddu Huruufa qofa irratti galmaawa. Namni Huruufa baratuuf dhufe huruufa malee barumsa biraa dabalataan barachuu hin qabu. Hamma barnoota huruufaa xumurutti.

=> Sa'aan barnoonnii itti baratamuus akka sa'aa biyya teenyaatti :-

👉 Salaata Subhii booda sa'aa 11:40 irraa hamma barii waarii ganamaa 2:20ti.🇪🇹
👉 Salaata zuhrii booda sa'aati 7:00 irraa hamma sa'aa 10:00ti.🇪🇹
👉 Salaata Ishaa'ii booda sa'aati 2:00 irraa hamma sa'aa 5:00ti.🇪🇹

• Yeroon barnootaa akkuma asiin olitti tarrifnee ibsine kana fakkaata. Warrii galmaawuu barbaaddan sa'aalee asiin olii kana keessaa sa'atii isiniif mijjaa'u filattanii galmaa'uu dandeessan. Carraa barnootaa gaarii isiniif haa ta'u.

"Barnoonni fincila diddaa wallaalummaati."

Garee Barnoota Markazul Rawdatul Jannah irraa...

👉Warrii galmaawuu barbaaddan liinkii asii gadii kanaan garee seenaa galmaawaa!!👇👇👇👇

https://chat.whatsapp.com/IjpITO4Nc7p9vZLZyODZmB?mode=ems_copy_c

Odeeyfannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa kanaan nu qunnamaa: => +201123722681

08/30/2025

As wr wb
Jirtuu; inshaa'allaah yeroo gabaabaa keessatti waan gammachuu dhagahuuf teeysan!!

M/RAWDATUL JANNAH 04/13/2025

بسم الله الرحمن الرحيم الحمدلله رب اليمين والصلاة والسلام على رسول الله صلى الله عليه وسلّم السلام عليكم ورحمة الله وبركاته✅
Oduu gammachiisaa!
Obboleewwan keenna kan Muslimaa hundaaf🕌
Akkumaa beekkamu Marakazni Keenna Markazul Rawdatul Jannah

Kan Barumsa karaa toora intarneettii (online accademy) aappii Zoom irratti Waggottan dherraf Hangaa yero ammatii kan Barsiisaa turuun fi ammallee barsiisaa kan jiru ta'u isaa nii Beekkamaa✅

Namnii Hawwii Barnotta qabu Marhab janne isin simatte Markazul Rawdatul Jannah Nama baratte Wallalumma kessa Bahuuf fadhii qabu hundaa kessanu simanee Barsiisuf Qophii xumuree jira isinif kotta baradha

Gosoottan Barnotta Markazul Rawdatul jannah kessatii Barsiimafu Akka Arman gadii kanatii isinif qophaha 📚

√, Qur'an Tilawan

√, Tafsira Qur'an Hikaa issa
√, Kitaba Tohida

√, Kitaba Buluga

√, Kitaba Senna Rassulla SAW

√, Hurufa Nuuraaniyaa [ Tajwidan] makraja

Akasuma Kitabolle Aqida Adda Addatis ni baratama

linkilee asin gadiin kana tuqxanii senu dandessan 👇🏽

Watsapp

https://chat.whatsapp.com/IjpITO4Nc7p9vZLZyODZmB

Link Zoom

https://us06web.zoom.us/j/6079628051?pwd=1CZGQ3lVT2P68bnGXYMtrsB3lnjoQV.1

Kodii 1l

Carraa gaarii ❤️

M/RAWDATUL JANNAH WhatsApp Group Invite

Photos from Markazul Rawdatul Jannah's post 12/07/2024

As wr wb akkam naguma jirtuu qaqqaliwan rowdatul jannah ❤️🥰 connections ❤️🥰

11/26/2024

بسم الله الرحمن الرحيم🥰🥰

السَّلاَمْ عَلَيْڪُمْ وَرَحْمَة اللہ وَبَرَڪَاتُـــــــــہُ
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
💫𝐀𝐬𝐬𝐚𝐥𝐚𝐚𝐦𝐮'𝐚𝐥𝐞𝐞𝐲𝐤𝐮𝐦💞
💫 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢💞
💫 𝐖𝐚𝐛𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐚𝐭𝐮𝐡💞
💞💞💞💞💞💞💞💞💞
𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦 𝐉𝐢𝐫𝐭𝐚𝐧 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚𝐟
𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐐𝐚𝐪𝐪𝐚𝐚𝐥𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐈𝐥𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐫𝐚𝐤𝐳𝐚 𝐑𝐨𝐰𝐝𝐚𝐚𝐭𝐮𝐥 𝐉𝐚𝐧𝐧𝐚𝐡 𝐣𝐞𝐞𝐥𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐧𝐢 𝐌𝐚𝐚𝐫𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐮 🌷🤝
𝐁𝐚𝐠𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐆𝐞𝐞𝐲𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐬𝐚𝐚 🚘🏃
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
𝐀𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐚𝐦𝐮 𝐌𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐳𝐧𝐢 𝐑𝐨𝐰𝐝𝐚𝐚𝐭𝐮𝐥 𝐉𝐚𝐧𝐧𝐚𝐡 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐚𝐫𝐬𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐮𝐧 𝐧𝐢𝐢 𝐲𝐚𝐝𝐚𝐚𝐭𝐚𝐦 𝐖𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐭𝐚𝐲𝐞𝐞𝐟𝐢 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐄𝐞𝐛𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐚𝐛𝐧𝐮𝐮𝐟𝐢 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐇𝐢𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐧𝐢 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐧𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐧𝐚𝐚 ❤️💚

https://chat.whatsapp.com/IjpITO4Nc7p9vZLZyODZmB

Namani Walaloo qabadani yokaa sagataa adaa qabdani keessani nuu duubisaa
✅Hello nu jedhaa

𝐆𝐮𝐮𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐄𝐞𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢𝐬𝐢𝐢 /𝟔/𝟏𝟐/𝟐𝟎𝟐𝟒 𝐉𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐉𝐢𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐥𝐚
𝐒𝐚./𝟖:𝟐𝟐 🧑‍🎓👩‍🎓ꨄఌ❤︎︎𝐌/𝐑/𝐉 ❤️❤️🌹📚📩

𝐁𝐚𝐚𝐫𝐚𝐤𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐮 𝐟𝐢𝐢𝐤𝐮𝐦

11/03/2024

Assalaamu'aleeykum warahmatullaahi wabarakaatu

Dhagayaa wal dhageeysisaa, sheer godhaa wal biraan gahaa.

Namoota fedhii fi hawwii barnootaa qabu hundaaf oduu gammachiisaa qabannee isiniif dhufneeti jirra. Markazni Rawdatul Jannah akkuma kanaan dura barattoota nama hawwii fi fedhii barnoota qabu hunda haala gaariin simatee barsiisee eeybsisiisaa tureetti, ammaas bifa haarawaan carraa barnootaatiif hulaa saaqee barattoota haarawa simatee barsiisuuf qophii barbaachisu hunda guuttatee galmee isaa jalqabeeti jira.
Tanaaf namoonni fedhii fi hawwii barnootaa qabdan carraan kun isin hin dabarinaan afeerraa teenya.

✓ Ulaagaaleen namani tokko galmaahuuf barbaachisu akka armaan gadii kana.

1. Nama hawwii fi fedhii barnoota qabu tahuu.
2. Garee (Markazoota) barnootaa biraa irraa bilisa tahuu.
3. Seera Markazul Rawdatul Jannaan kaayyatee qabu hunda khabajuu fi ittiin buluu dandahuudha.

✓ Gosoonni barnootaa kan Markazul Rawdatul Jannah keessatti baratamuus akka armaan gadii kana.

1. Huruufa Qaa'idatul Nuuraniyyaa. Barnoota huruufaa keessaa yeroo jannu..
• القاعدة النورانية
• مخارج الحروف وصفاته

2. Makhaarija huruufaa (Tajwiida)
3. Qur'aana lafzii (Tilaawaa ykn ijaan laalanii qara'u)
4. Qur'aana Talqiina fi
5. Kitaaboota Aqiidaaleeti. Kitaabban Aqiidaalee keessa matnoota barsiifaman..
• الواجبات
• القواعد الأربع
• تفسير القرآن الكريم

Ammaaf kitaaboonni barsiisaa jirru akka armaan olitti isiniif ibsine kana fakkaata. Inshaa'allaah gara fuulduraatti fedhii Rabbiitiin kitaabban hedduu barsiisuuf hawwiidha qabnaa. Hanga sitti ammoo kanuma harkkaa isiniif qabnu kana akka dhuftanii barattan kabajaaf ulfina jaalalaatiin isin beeysifna.

• Iddoon barumsi itti baratamuus on-line irraan gara Appi Zoom irratti. Karaa ittiin galmooytan ammoo garee WhatsApp liinkii armaan gadii kana tuquudhaan seentanii galmaawuu ni dandeeysa. Carraa barnoota gaarii isiniif hawwina!!

....👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/IjpITO4Nc7p9vZLZyODZmB

Odeefannoo dabalataaf:
-> +966 59 469 3625
-> + 966 59 478 9623

Barnoonni fincila diddaa wallaalummaati
Markazul Rawdatul Jannah

Want your school to be the top-listed School/college in Edmonton?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Edmonton AB 18 12120 82 Street NW
Edmonton, AB
T5B2W7