26/11/2023
Hojiin Barnootaa Caasaalee Mootummaa Hunda keessatti Hojii 1ffaa Ta'ee Akka Irratti Xiyyeeffatamee Hojjatamu Murtaa'eera.
--------------------
BBO-Sadaasa 16/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kufaatii qulqullina barnootaa akka biyyaafi naannoo keenyatti qunname keessaa bahuuf waltajjii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ambaasaaddara Barnoota Oromiyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaa, hoggantootni olaanon, abbootiin qabeenya, hayyootni Yunivarsiitiiwwanii, hayyootni dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa irraa walitti babahan, hoggantootni barnootaa sadarkaan jiran, seektarootni adda addaafi aangawoon dhaabbilee Mootummaa Federaalawaa irraa afeeraman kan irratti argaman qopheessuun marii taasisee irratti murteen qabxii saddeet qabu murtaa'eera.
Kufaatii Barnootaaf sababafi mala furmaataa irratti waraqaan qorannoo hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisootiin kan waltajjiif dhihaate yoo ta'u, waraqaa qorannoo dhihaate irratti hirmaattota kan mariisisan kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaafi kabajamoo Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, hirmaattota irraa yaadniifi gaaffii adda addaa ka'anii erga irratti mari'atanii booda, qulqullina barnoota keenya rakkoo jalaa baraaruuf guyyaa har'aa irraa jalqabee hojiiwwan akka mootummaafi qaama hawaasa hundaatiin hojjatamuu qaban qabxiin saddeet murtaa'aniiru.
Hojiiwwan hojjatamuuf murtaa'an kunniin dhaloota eger horannuuf murteessaafi Seena Qabeessummaan isaa daran olaanaa ta'uu mul'iseera.
kutannoo Mootummaafi Hawaasa keenyaa kan Mirkaneessan:
Tiraansifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaa Hundeeffameera.
Barnootaa hundaaf hogganaan Siyaasaa tokko abbummaan ramadamee akka hordofuufi deeggaru, Qaamni siyaasaa kun haala walii galaa MB, nyaata barattootaa, rakkoo barsiisaa, barattootaa, maatii barattootaa, hawaasa naannawa MB, caasaalee mootummaafi walitti dhufeeny