Arero Molu Arero

Arero Molu Arero

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Arero Molu Arero, College & University, Dubai.

14/07/2025

Our Culture is our identity.
We should have conserved our culture.

Photos from Oromia Culture and Tourism Bureau's post 05/03/2025
Photos from Arero Molu Arero's post 05/03/2025

Nu warra jilaati

Ijoollee Gammee

14/06/2024

Everybody is a genius. But if you judge a fish by its ability to climb a tree, it will live its whole life believing that it is stupid.’

Albert Einstein

02/01/2024

Waaqa nagaan nu oolchite,nagaan nu bulchi.Arraba lufuu nu dhowwi.Hamtuu namatti yaaduu nu dhowwi.Kha hamtuu nutti yaade nurraa dhowwi.Biyya biyya nagaa nuu godhi.Waan keennaan nu bulchi kha namaa kajeeluu nu dhowwi.Aadaa teennaan nu bulchi.Kajeellaa waan hormaa nuu didi.

Gurraacha garaa garbaa,tokkicha maqaa dhibbaa
si yaammannee nuu dhagayi.

16/11/2023

Karaa Godaanna Yaa'a Booranaa

Oromoon Booranaa gaafa durii dullukkoo irraa Jala qabee gadaan bulaa ka tureefi ammallee bulaanii ka jiruudha.Sirnii Gadaa waggaa saddeet saddeetiin Baallii walitti keennaa ka deemuudha.Aga Baallii Harkaa qabani kana keessaatti jiloota Akka akkaa hojjatu.Jiloota tana Ardaalee jilaa ka adda addaa keessatti tolfatu.Jila tana tolchuuf Karaalee Gooroo dheeraa godaanu.Karaan Gooroo Kuni durii lamaatti Jira.
1)Karaa dirra Gooroo Fugugiif
2)Karaa Bisaan Laafoo Ka Galaana Daawwaati.

Karaan Dirra Gooroo Fugugi Mooyyale irraa kayee,Dirra Kuukkuu keessa dabruun,Garbaa Gadab bahee,achumaan ka xiixxuu,rakkoo bofa gaafaa,...Naanna'ee Tulluu Nama Duriitiin Nageellee Booranaatti deebi'a.Kuni karaa Dirra Gooroo Fugugi jedhani.
2) Karaa Bisaan Laafoo Ka Galaana Daawwaati.Karaan Kuni Areeroo Gooroo Keessaa Dabree Malkaa Mana Waaqaatiin Galaan Daawwaa Qaxxaamuree Nageellee Booranaatti taakka.Kuni karaa bishaan Laafoo jedhani.Sababni isaa deemsa isaatiif dadhabbiin isaa gabaabduu waan taateef.Karaan Kuni Karaa qaxxaamuuraa ka guddoo Eloo dhibii hin qabneedha.
Karaan Dirra Gooroo Fugugi karaa Akka malee dheeraatiif dadhabbii guddoo qabuudha.Karaa kana yo ammaatti Sababoota adda addaatiif Yaa'ii gula Godaanaa hin jiru.

Maddii Odeeffannoo jaarsa Booranaa Aabba Liiban Olka Liiban Kuseeti.

16/11/2023

Fugugi
Jecha Fugugi jedhu yeroo hedduu ni dhageenna.
Gaaffii
Hiikaan isaa maali?SeenaaOromoo keessaatti Iddoon Gooroon fugugi itti argumu eessa?
Me wali haa barsiimnuu irratti hirmaadhaa

Want your school to be the top-listed School/college in Dubai?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Dubai