13/05/2026
Afaan sabni tokko ittiin jireenya isaa geggeeffatu;
~Ni dhalata
~Ni guddata
~Ni du'a...
Yoo jedhan dhageessaniittu. Dhugaa ta'uun isaas fakkeenyota hedduun deeggaruun ni danda'ama.
×Afaan 'Gaafat' afaan uummanni hedduun dubbachaa ture yoo ta'u, yeroo ammaa kanatti afaanichi du'eera;sabni afaan Gaafat dubbatu hin jiru.
× Afaan 'Gi'iizii' afaan hojii biyya Abisiiniyaa ture, haa ta'u malee yeroo ammaa kana afaan 'bataskaana' keessatti qofa dubbatamu ta'eera.kunis, afaanichi du'aa jiraachuu kan agarsiisudha.
Haala kanaan, afaan akkamitti dhalata,afaan akkamitti guddata, yoo maal ta'e du'a kan jedhu saanduqa yaadaa keessatti yaada keessan naaf barreessaa!
Bal'ina isaa kan walumaan ilaallu ta'a!
Horaa Bulaa; Deebanaa!