Oromo Islamic Da'awa

Oromo Islamic Da'awa

Share

Fuula kanarratti da'awaan afaan oromootiin bifa gaaffiifi deebii,bifa gorsaafi bifa gaariidhaan isin

09/27/2016

Assalaamu alayikum worahmatullaahi wobarakaatuhuu
Obboleeyyan kiyya sharxii laailaaha illallaah
Kan dhumaa qabadhee isiniif dhihaadhe
Sharxii 5ffaa
Laailaaha illallaakana qalbiisaatiin dhugoomsaa haala
ta'een arrabaanis jechuuda yookanuma arrabaan
jedhukana qalbiin hin dhugoomsine munaafiqarraa taha
taha

Sharxii 6ffaa
Shirkiifi shakkii munaafiqummaa Riyaaiifi sum'aa
adda addaarraa qulqulleysanii iklaasaan Rabbuma
tokkicha sodaaf jechuudha

Sharxiin 7ffaan
Jechakana jaallachuudha ahlii laailaaha illallaakana
worra sharxii isiiguuttatanii qabatan jaalatanii worra
sharxii isii hinguuttanneefi worra isiilaaffisan jibbuudha

Sharxiin 8ffaan
Jalliftoota waan Rabbiin s w gaditti gabbaramu hundatti kafaruudha
Sharxiin laailaaha illallaa 8ttan kunookana fakkaata worra
sharxii isiiguutee ittiin milkaa'u Rabbiin s w nuhaataasisu
hanga sagantaabiraa qabannee wolitti deebinuu
Wobillaahi attawfiiq
Wossalaamu alayikum worahmatullaahi wobarakaatuhu

09/15/2016

As wr Wb
Obbleeyyan kiyya harra mee
Hiikkaa Laailaaha illallaah (H. L.I)
Woliin Laalla

Laailaah Illallaah (L.I)jechuun Wonni Haqaan gabbaramu Tokkolleen Rabbi tokkicha male hinjiru jechuudha
Waanfedhe haata'U Rusuloota ykn Malayikota,ykn woma fedhe yooRabbiikeenya bira qabnee gabbarre ykn kadhanne ykn gargaarsifanne L.I keenya badeera jechuudha kanaaf jabeessinee of haa'eeggannu
Nama diinii ofii baree badii hundarraa ofeegu Rabbi nuhaa godhu

inshaa'allaah yooRabbiin S.W Nuuffedhe

SHARXII LAAILAAH ILLALLAA QABANNEE WOLITTI DEEBINA HANGASUU NAGAAN NAAF TURAA

LIK COMMENT FI SHER AKKA WOLIIF GOOTAN ISIN GAAFADHA

02/05/2016

Hanga hafte boojihadhu

Fudeyil bin iyaad gurbaatokkoon umriinkee meeqa jedheen 60 jedhee deebiseef
fudeyilis eega amata 60tii gamarabbii keetiitti achideemaa jirta jechuudha!!jedheen
gurbaan innaalillaahi woinnaa ilayhi Raaji'uun jedhe
fudeylis namni ma'anaa kanaa beeku ofhindagatu ati enna gama Rabbii keetii deebite niqoratamta yokaa jannata ykn jahannama
Gurbaanis egaa maaliree furmaanni jedheen
fudeylis Umrii hanga hafte bareeffadhu kandabres woliin Rabbi siif bareechaa jedhan FUDEYIL BIN IYAAD RAHIMA HULLAAH
GORSIKUN NUUFIS KEENYA ITTI HAAFAYYADAMNU

12/03/2015

===>《GUYYAASAN BOOYI》

==>Nafsiyyaa keetiifi fedhinnaa keetiin injifatamtee badii xixiqqoodhaafi gurguddoodhaa ogguu arka kennite(yogguu dalagde)

==>Dalagaa kayrii utuu beektuu guyyaa dalaguu dhiifte
Dalagaa hamtuu hamtuu ta'uusaa utuu beektuu guyyaa dalagde

==>Fiilmii,diraamaafi muuziqaadhaafi qalbiinkee situqamee quraanaafimmoo qalbiinkee ugguu sigoggoge
Ugguu sin Rifanne

==> Duniyaafi Faayidaasiitiif yogguu cinqattu yogguu irriba dhabdu
Aakiraakee garuu yogguu laaffiftu (dantaa dhabdu)

==>Yerookee waan si hin fayyannetti ugguu gubdu kayrii utuu hin ida'atin guyyaan dhufee ugguu sirra dabru

==>Ulaan tawbaa kanuma banaa jiru banattee olseenuu ugguu sodaatte

==>Qiyaamaan dhihatuu utuu beektuu Oguu aakiraadhaaf qophaawuu dhabuukee ogguu ofbeekte

====>GAAFA BOOYI
Jedhu ulamoonni

Welcome to Facebook - Log In, Sign Up or Learn More 03/03/2015

Jaarsa tokkotu Hayyuu tokko bira
deemee akkana jechuun gaafate.
"Akkamittin beeka akka jaartiin tiyyaa
na jaalattuu?"
Hayyuun sun akkana ja'een. 'wantoota
15 kanneen xiinxallitee beektaa'
jedheen. "Wannii 15 kunneen maalii
dha? " jechuun jaarsiis gaafate.
Hayyuunis akkana jedheen
1. Tan yoo yaadni kee ka yaada ishee
faallessu tahe hin aarre
2. Yoo ta sima irraa haasawuu feetu,
ammalle yoo nama si jaalatu jaalatte
3. Tan yoo ati aarte takkaahu yoo ati
gaddite si wajjiin gadditu
4. Tan beekaa haasawa uumtu akka
ati hin mukoofneef suma
haasawsiisuuf jecha,
5. Tan waa hunda osoo hin goone
dursa siin mari'attu
6. Tan waan ati bittee fiddeef hanga
fedhe xiqqaa tahus itti gammaddu
7. Tan waa hunda si gargaartu, ba'aa
sirraa buusuuf tattaafattu
8. Tan yoo ati irraa turte qalbiin ishee
si yaaddu
9. Tan waan si gammachiisu hunda
godhuu yaaltu. Waan si gaddisiisu
hunda irraa fagaattu
10. Tan yoo mindaan kee xiqqaate
humaa itti hin fakkaanne
11. Tan miidhaa hunda siif ba'attu
12. Tan waa hunda sirraa beeytu,
amalaa fii waan si gammachiisu hunda
13. Tan hojii keetirraa hin qaanfanne,
hamma fedhe hojii olaanaalle tahuu
baatu
14. Tan haadhaa fii abbaa kee kabajju
15. Tan karaa Rabbiitti si jabeessitu.
Tan ibaadatti si kakaaftu.
Yaa Rabbii kiyya, Jaartii bulti beeytu,
Tan Ija irraa nama beeytu, Tan faana
qabbanaa, Tan hirriba beeytu, Tan
ilmaan Ibaadaarratti guddiftu, Tan
zikrii Rabbii godhaatiin ilmaan
luysiistu, Tan misxira dhoksitu nuuf
kenni! Yaa Rabbi Yaa Allah!
kan wal qaadhimateefis tan akkanaa
godhiif.
Shamarran keenyaafis akkasumatti
Jaarsa haqa bultii beeku Kenniif.
Warra bultii ijarateefiis Rabbiin bultii
akkanaa haa godhuuf.
Nabbiiyyin keenya S A W akkana
jedhan,
"Duniyaan Meeshaa Gammachuuti. Irra
caalaan meeshaa gammachuu isii
ammoo duubartii gaarii fuudhuu dha."
Yaa Rabbii tanaan nu gammachiisi
(Imraan Tamaam)
Ani muslima www.facebook.com/
animuslima I am Muslim

Welcome to Facebook - Log In, Sign Up or Learn More Facebook is a social utility that connects people with friends and others who work, study and live around them. People use Facebook to keep up with...

02/05/2015

As Wr Wb
obboleeyyan kiyya mee har'a gaaffii qooyxuu (bareedduu) taate wolgaafanna

===> Hamii(komii) jechuun maaljechuudha?
gaaffiin kun gaaffii laafaa isinitti hin fakkaatin waan hedduu itti yaadamuu qabudha deebiftan male bira hin darbinaa obboleeyyan kiyya

12/08/2014

Abu Huzeyiifa
As Wr Wb Yaa ikhwaanii
wakhawaatii
fillaah Seenaa dargaggoo Islaamaa
kana Rabbiif Jecha hanga dhumatti
dubbisaa baruumsa guddaa irraa
argattanii Jzk
Ani dalagaan kiyya taraafiqa ture.
Osoo dalagaaf dhaabbachutti jiruu
kankolaataan tokko suuta deemaa
dhufee deemufii dinnaan
sirreeffachuu gadi bu'e.
Konkolaataan duubaa dhufee akka
maletti dhahee irra bahe.
Namni kun akka badatti dhahamee
kufe.
Nulle gara isaa fiignee lafaa
kaafne.
Nama kana yeroo fuula laallu
dargaggeessa joolleedha.
Nama rabbii tahuu fuularraa
mul'ata.
Areenni isaa Nuurri fuulla isaa
baay'ee namatti tola.
Akkuma fuunee Ambolaasii gubbaa
keenneen jecha wayii dubbachaa
ture.
Garuu waan inni jedhu hubachuu
hin dandeenye.
Ambolaasii keessa keenyee anaafii
hiriyyaan kiyya gama gama teenyee
gara mana yaalaa fiigunii eegalle.
Sagalee addaa takka dhageenye.
Qur'aana qara'aa ture.
Sagalee bareedduu garaa nama
raaftuun qara'aa ture.
Subhaanallah baay'ee nama
ajaa'iba.
Yeroo Qur'aana qaru'u waan
konkolaataan dhahee irra bahe hin
fakkaatu.
Garuu huccuun isaa guutuun
dhiigaan jiite jirti.
Lafeen isaa caccabde hurroofteti
jirti.
Dargaggoon kun lubbuun isaa
keessaa bahuuf hularra jirti.
Sagalee nama gammachiiftuun
qur'aana qara'uu itti fufe.
Lubbuun irraa bahuufis hularra jirti
waan taheef baay'een nu ajaa'ibe
dhageeffachuu itti fufne.
Osomaa qara'utti jiru cal jedhe.
Of booda garagalee laallan quba
samitti ol qabee shahaadaa
qabachaa ture.
Ashhadu Allaa ilaaha ha illallah
Wa Ashhadu Anna Muhammadan
Rasulullah
Jedhee shahaadaa qabachaa ture.
Allahu Akbar
Allahu Akbar
Allahu Akbar
Subhanallah ol qabee ufitti qabee
hammadhee dhungadhe yeroon
deebi'ee laaluu lubbuun keessaa
baate.
Subhaanallah baay'ee na ajaa'ibe
dargaggoo Islaamaa kana laaluu
eegale.
Imimmaan koo dhangala'ee
qabachuu dadhabe.
Hiriyyaan kiyyalleen imimmaan
qabachuu dadhabe dhangalaase.
Ofitti hammannee boohuu eegalle.
Akkuma mana yaalaa geenyeen
seenaa dargaggoo kanaa namatti
himne.
Namni guutuun ajaa'ibe boohuu
eegale.
Namni guutuun akkuma seenaa
isaa
dhagahuun itti siqee adda isaa irra
dhungachuu eegalan.
Subhaanallah
Namni guutuun gabricha rabbii
kana
osoo irratti hin salaanne hin
deemnu
jedhanii hanga bahuu eeguu
jalqaban.
Warri mana yaalaa gara maatii
isaa
bilbilanii waaman.
Dalagaa isaa obboleessa isaa
gaafatan.
Obboleessi isallee seenaa isaa akka
armaan gadii kanatti ibse.
Akkoo takka baadiyyaa qaba
jummaa
hunda bira dhaqa.
Miskiina ganda sanii hunda
gargaaraa ture.
Warri inni gargaaru keessa yatiima
nama qaamaa hir'atanii dalagaa
hin
dandeenye dubartoota jaarsi irraa
du'e fi akka walii galatti rakkataa
hunda gargaaraa ture.
Warri biyya sanii hundi isa ni
beekan.
Torbaan hunda kitaaba fi waan
isaan
barbaachisu hunda fidaafii ture.
Joollee ganda san qubattullee osoo
guyyaa tokko hin daganne
karameellaa fi waan isaan fedhan
guutafii ture.
Warra biyya sanii hundaaf ruuza,
sukkaara, fi kkf hunda fidaafii ture.
Warri isa beekan ajaa'ibanii gaaffii
gaaffachaa turan.
Inni deebii akkana jedhu deebisaafii
ture.
Ani karaa dheeraa kana deemuun
qur'aana haffazuuf na gargaara
muhaadaraa adda addaa itti
dhageeffadha gara galiinsi
gommaa
konkolaataa kiyyaa rabbi biratti
akka
ajrii naaf qabu shakkii hin qabu
jedhee deebisaafii ture.
Subhaanallah akka keenyatti
muuziqaa dhageeffachaa hin
deemu
qur'aana hadiisa dhageeffachaa
deema.
Akkana jedhee obboleessi isaa
seenaa isaa nutti hime.
Subhaanallah
Taraafiqni kun wanni inni jedhu
badii dalagaa ture yaadadhee
bakka
seenu wallaalee baay'ee rakkachaa
ture.
Akka waan dachiin irra jiru tun
naan
gad cittutti hollachaa ture nuun
jedhe.
Eeguma gabricha rabbii kana irratti
salaanne awwaale booda innilleen
jiruu aakiraa takka jedhee qeebale
anilleen towbadhee takka jedhee
gama rabbii kiyyaa deebi'ee
qeebale.
Guyyaa dura inni tokko jedhee
aakiraa dhandhamu anilleen dura
tokko jedhee imaana dhandhame.
Du'aa'ii kadhachuu eegale.
Yaa rabbi akka gabricha kee kana
kaatimaa tolchite kanatti nullee
kaatimaa nu tolchi jedhee
kadhachuu
jalqabe.
Anaa umrii kiyya guutuu harka koo
rabbitti ol qabee hin beekne har'a
irraa tokko jedhee eegale.
Subhaanallah
Nulle rabbiin akka gabricha ofii
kana
khaatimaa tolchetti nu haa tolchu.
Allahumma Aamiiin!!!
Allahumma Aamiiin!!!
Allahumma Aamiiin!!!!?

Photos 12/04/2014

As wr wb
Ebbisa Barattoota Majlisu
Al Rahman Magaala
Aweday Dilbata Dabre
Marsa Tokkoffaati
Barattoota Isaa Eybisee
Barattoota Ilmii Sharia
Islaama Barachaa Jiru
Kana Akka Du'aain Hin
Daganne Dhamsa Koo
Dabarsa

12/04/2014

~~~SEENAA
AJAA'IBAA~~~
By Ammaar Sh. Amiin
Dubbiftu Malee Bira Hin
dabrin........
Intala Islaamaa tan
Doktaraa takkaatu Ture,
biyya AMERICA keysa
Hojjatti, Hijaaba Uffatti,
Akkasuma Amantii Isiitis
Jabeysuu dhaan beekkamti.
guyyaa Tokko Namoonni
Isii Wajjiin Hojjatan akkana
je'anii isii gaafatan
"Uffanni Ati uffachaa jirtu
Kun beekkumsa Keetii
wajjiin Wal Hin fakkaatu,
Maaliifi !!??" Isaan Akka
yaada Isaaniitti Namni
Hijaaba Uffatu Sadarkaa
Doktaraarra ni geha Je'anii
Hin yaadne !!! Yeroo Kana
Intalti Islaamaa Tun Deebii
Ajaa'ibaa Deebifteef,
Akkana jetteen "Duraan
Osoo Addunyaan Hin
qaroomin dura Ilmi Namaa
uffata tokko malee Qaama
Qullaa Deemaa Ture, Eega
Qaroominni Dhufee Booda
Ilmi namaa Uffata Uffachuu
Jalqabe, Tanaafuu kan
Nama Dinqisiisuu qabu
Nama Yeroo Addunyaan
Qaroomte Kanatti Qullaa
Deemu Malee Nama Uffata
Uffatuu Miti!!!" Jettee
Deebifteef......
Maashaa Allaah... Doktara
Islaamaa... Wallaahi Haati
tee Suma Deyse !! Ta
Akkanaa Tana Rabbiin nuuf
Haa heddummeysuu Jenna.
Seenaa Bareedduu Tana
Osoo Obboleeyyan Keetiifis
SHARE gootee hedduu na
gammachiisa..
SHARE waliif Godhaa....
Jzk

11/28/2014

As Wr Wb

Salaata
kutaa 1ffaa

obboleeyyankiyyaa salaata jechuun kan Rabbibiratti sadarkaa guddaa qabuudha
kan muslimni ittiin kaafirarraa adda beekkamuudha
jabinasaarraa Rasuulli s a w kan fudhatan samii ba'aniiti malee akka ibaadaa kaanii jibriil miti kan itti fide kun jabinasaarraayyii guyyaa qiyaamaas
gama haqa Rabbiitiin s.w
kan duraqormaannii erraa eegaludha yoo'inni tole gara qormaata biraatti dabrama yoo'inni bade qormaanni kaan achumatti dhaabbatee gara Azaabaa deemuudha Najjinaa yaa Allaah
eegaRabbi biratti sadarkaansaa akkas ta'ee nubirattihoo sadarkaa akkamii qaba laata salaatakana akkamitti salaanna za'aasaa(sa'atiisaa )eeggannee salaatuutti jirraa jama'aa dhaqnee salaannamoo manumatti woliin dhooynee salaanne jenna
yoorabbi fedhe waayii salaataarraa dubbachuuf deemna silas gubbumarraa dubbanna male yoom cufa dubbachuu dandeenya...
yaarabbi salaatarratti nugargaari yaa qaadir nama haqasaa guutee salaatu nutaasisi

11/21/2014

As wr wb
Umriikee hanga hafteen kayrii dalagadhu
Fudeyil bin iyaad gurbaatokkon umriinkee meeqa jedhe?
gurbaa umriin kiyya 60 jedhe
Fudeyil Ati eega amata jahahatamaatii xiqqo xiqqoon gara Rabbiikeetii deemaa jirta amma biraga'uu kaateetta
Gurbaa rifatee innaalillaahi wo'innaa ilayhi raaji'uun
Fudeyil maali hiikkaa innaalillaahii nibeytaa? namni gabricha rabbii ta'uufi gama rabbii isaa deebi'uusaa ifbeekee ganaa fuuldura rabbii kiyyaa nindhaabamaa habeeku namni nindhaabamaa ifbeekee nin qoratamaa ifhaabeeku namni ninqoratamaa ifbeeke -==>qormaataaf deebii haaqopheeffatu
Gurbaa yaasheek furmaanni maalii duubaa
Fudeyil umriikee hanga siif afe kayriin dalagadhu
Dalagaan kan ilaalamu kan ati erratti xumuratte yooboonni tole waatole yooboonni bade waabade jedhan.
Yaarabbi kaatimaakeenya nuutolchi
Obboleewwan keessaniif share godhaa!!

11/20/2014

Assalaamu alaykum 10 worahmatullaahi 10 wobarakaatuhuu 10

10 + 10 + 10 = 30
Oboleewwan kiyya ajriinkun isin hinba'in

Want your school to be the top-listed School/college in New York?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address

New York, NY
ZIPCODE