________________
Yaa Mohammad.........
Yaa Mohammad.......
Yaa Mohammad jachaa iyyun gara Ergamaa Rabbii {{ﷺ}} tti dhufe.
➡️Sahaabonni akka sagalee isaa gadi xiqqeessu itti himanis didee yaaminsa isaa itti fufe.
➡️Ergamaa Rabbii (S.A.W) maal akka barbaade gaafachuf gara alatti bahanii "maal haajamte?" ja'anii gaafatan.
➡️Namichinis "waa'ee guyyaa dhumaa, guyyaa macarashaa (qiyaamaa) akka naa himtun barbaadeeti" ja'en.
➡️Ergamaan Rabbii (S.A.W) "guyyaa qiyaamaatif maal qopheesitee naa gaafatta?" jachuun gaafatan.
Namtichinis "jaalala Rabbii fi Ergamaa Rabbii ﷺ isaa malee waan tokkollee hin qopheesine" ja'en.
➡️Yaroo kana deebii dinqisiisaa sahaboota ajaa'ibsiise deebisanif.
↪Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin warra jaalattu wajjiin si kaasa" ja'aniin.
↪↪Nuti hoo mee of haagaafannu:
↪↔️Guyyaa boru akhiraaf maal qopheefane?
❤Jaalalti Rabbii fi Ergamaa isaa Mohammed《ﷺ 》qabnu hagami?
Yaa Rabbii !!!
Warra jaalalti Rabbii fi jaalalti Ergamaa kee Mohammad((ﷺ))qalbii isaanii irratti sumudaan dhahamee guyyaa qiyaamaa warra Rasuula keenya habiibunaa Musxafaa(S.A.W) wajjiin ka'u nuu godhi.
dagatinaa jzk
Dhangaa Jannataa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dhangaa Jannataa, Community College, Dammam.
CAALOOMINA GUYYOOTA KURNAN ZULHIJJAA
Guyyoottan kurnan jalqaba baatii ZulHijjaa amma keessa jirru kun guyyoota ajaa'ibaati. Yeroo tam caalaa guyyoota keessatti Ambiyootatti hidhannu. Guyyoota Rabbiin keessatti guddifamu. Muslimni bakka taa'uufi ka'utti 'Allaahu akbar' ja'ee Rabbii isaa yaadata. Irra deddeebi'ee tokkichummaa uumaa isaa ragaa baha. Qananii keessa jiruuf Rabbi faarfata. Ibaadaan guyyoota kanniin keessatti goonu mindaa gaarii qabdi. Qur'aana keessatti guyyoota kanniiniin Rabbiin kakatee jira..
*والْفَجْر* وَلَيَالٍ عَشْرٍ *
Bariinin kakadha! Halkan kurnan(ji'a ZulHijjaa kanaanis)niin kakadha!}
Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ guyyoota collee baatii ZulHijjaa jalqaba irratti arkaman kana laalchisuun akkana ja'e..
{Ibaadaa guyyaa biroo gootan irra, tan guyyoota kurnan ZulHijjaa(gama duraatti arkaman) kana keessa gootantu caala. Rabbi birattillee irra jaalatama}
Sahaabaan dubbii tana ajaa'ibanii "karaa Rabbii irratti qabsaawuu irrallee, Ibaadaa kurnan kana goonuutu caalaa?" Ja'anii ergamaa Rabbiitiif gaafii dhiheysan.
{Ee! Ibaadaa kurnan kana gootantu caala. Yoo nama Jihaadaaf jecha lubbuufi qabeenya isaa baasee wareegamee hundaan achumatti hafe malee} jechuun deebiseef.
• Ummatoo! As gahuun carraadha. Guyyoonni Kurnan jalqaba ZulHijjaa irratti arkaman kunniin, guyyoota colleedha. Guyyoota Ibaadaan goonu hundi Rabbi biratti jaalatamtu. Ibaadaan ammaafi yeroo biroo goonu wal adda. Tan kurnan ZulHijjaa tuni Sawaaba guddaa qabdi. Kanaaf guyyoota kanniin Ibaadaa irratti cichinee haa dabarsinu.
Mee haala kamiin Ibaadaa goona?
1. Gama Rabbii haa deebinu. Rabbi tokkichoomsinee, badii teenyaaf araarama haa kadhannu. Namni hin balleysine hin jiru. Dogongora keenyaaf Rabbi haa yaammannu. Gaafa Ibaadaa isaatiin dhaabbanne, ajaja isaa hordofne Rabbiin nu jaalata. Malaa'ikaa biratti nuun dhaadata. Gama Rabbii deebi'uun milkaawuudha. Diniyaafi aakhirattiis nagaya bahuudha. Yaa Mu'mintoota! Akka milkoytaniif gama Rabbii deebi'aa.
2. Kurnan ZulHijjaa kana hojiiwwan gaggaarii hojjechuun haa dabarsinu. Xiqqaattuus hojiin gaariin sadarkaa qabdi. Jaalala Rabbii arkachuuf carraaqqii guddoo haa goonu. Nama karaa isaa irratti qabsaawe Rabbiin karaa qajeelaarra kaaya. Karaan qaceelloo karaa Jannataati.
3. Hojii badduu irraa fagaachuu! Keessattuu kurnan kana keessa hanga kaabaafi kibbi adda fagaatu, nulleen badiin adda haa fagaannu. Rabbiif ajajamuun akkuma Rabbitti nama dhiheysitu, Dilii hojjechuun Rabbi irraa nama fageysiti. Diliin dallansuu Rabbiitiif nama saaxilti. Waan Rabbi itti nu ajaje hojjannee, waan Rabbi irraa nu dhoorke irraa fagaannee guyyoota kanniin irraa fayyadamuu qabna.
Kurnan kana keessa Ibaadaa tamtu akkaan jaalatama?
1. Haajjii fi Umraa
-Guyyoottan kabajamoo kana keessa
namni Rabbiin laaffiseef Hajjii fi Umraa godhuu qaba. Kanaan Rabbitti dhihaachuu qaba. Osoo dandahanii Ibaadaa tanniin irraa fagaachuun karaa miti. Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ akkana ja'e..
{Umraan(ulaagaa barbaachiftu hunda guuttatanii) godhan, Dilii xixiqqoo namarraa haqxi, hanga Umraa itti aantu godhanii. Hajjiin qeebalamte ammoo Jannata malee mindaa biroo hin qabdu.}
2. Soomana
-Soommanni Ibaadaa guddoodha. Hojii gaarii Rabbi akkaan jaalatu. Waan Jahannam irraa nama baraaru. Kanaaf guyyoota 9n jalqaba ji'a ZulHijjaa kana soommanuu qabna. Keessattuu guyyaa 9ffaa Arafaa(guyyaa boru Iidaa) soommanuun akkaan barbaachisa. Nabiyyiin keenyaﷺ guyyaa Arafaa soomaan dabarsa. Soomanni guyyaa Arafaa Dilii waggaa dhufuufi waggaa dabree namarraa haqa.
3. Rabbi kadhaa
- Du'aa'iin xiyyitiidha. Xiyyitii darbamtee laferra malee lafa hin buune. Warri beeku Rabbi kadhaan waa haleela. 'Yaa Rabbi booddee teenya toolchi! Khaatimaa teenya bareechi' ja'aa kadhaa. Booddeetu laalama! Gaarii hojjechaa dhufnee booda irratti yoo mucucaanne dubbiin ni baddi. Akkasitti kasaarree hafna. Warra eyba qabu, kan Rabbiin irraa jaalateetu booddee tola. Wallaalaa qofaa miti, beekaan hedduun yeroo guyyaa keessaa dabu garra. Sun waan qalbii nama cabsaati. Irraa maganfadhaa. Halkaanii fi guyyaa yeroo kadhattan 'yaa Rabbi booddee teenya nu toolchi! Warra Jannataa nu godhi' ja'aa kadhaa. Khaatimaan nama toluun dubbii jabduudha.
Walumaagalatti guyyoottan kurnan jalqaba ZulHijjaa kana keessa Zikrii baay'isuun, Rabbi kadhachuun, Jama'aan Salaatuun, Sunnaa lelisuun, Rabbi guddisuun, Rabbi qulqulleysuun, Rabbi faarfachuun, Sadaqachuun, dhugaa dubbachuun, waliin ooduu dhiisuun, haajaa wal-baasuun hojii akkaan jaalatamtu. Mindaa guddoo qabdi. Kanaf hanga dandeenyutti itti haa bobbaanu. Rabbiin warra guyyoota kanniin irraa milkaawe nu haa taasisu.
SADARKAA ZIKRIIN QABDU
••••••••••••••••••••••••••••
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.” (Albaqaraa: 152).
“Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.” (Al-Ahzaab: 41)
“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.” (AL-Ahzaab: 35)
“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” (Al-Anfaal: 205)
ﻭَﻗَﺎﻝَ ﺍﻟﻨَّﺒِﻲُّ : ))ﻣَﺜَﻞُ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﻳَﺬْﻛُﺮُ ﺭَﺑَّﻪُ، ﻭَﺍﻟَّﺬِﻱ ﻻَ ﻳَــــــﺬْﻛُﺮُ ﺭﺑَّﻪُ، ﻣَﺜَﻞُ ))ﻭَﺍﻟﻤﻴِّﺖِ ﺍﻟﺤَﻲِّ
Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:“fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataafi du’aati.” Bukhaariifi Muslimtu
gabaasan.
ﻭَﻗَﺎﻝَ : ))ﺃَﻻَ ﺃُﻧﺒِّﺌُﻜُﻢ ﺑِﺨَﻴْﺮِ ﺃَﻋْﻤَﺎﻟِﻜُﻢْ، ﻭَﺃَﺯْﻛَﺎﻫَﺎ ﻋِﻨْﺪَ ﻣَﻠِﻴﻜِﻜُﻢْ، ﻭَﺃَﺭْﻓَﻌِﻬَﺎ ﻓِﻲ ﺩَﺭَﺟَﺎﺗِﻜُﻢْ، ﻭَﺧَﻴْﺮٍ ﻟَﻜُﻢْ ﻣِﻦْ ﺇِﻧْﻔَﺎﻕِ ﺍﻟﺬَّﻫَﺐِ ﻭَﺍﻟﻮَﺭِﻕِ، ﻭَﺧَﻴْﺮٍ ﻟَﻜُﻢْ ﻣِﻦْ ﺃَﻥْ ﺗَﻠْﻘَﻮْﺍ ﻋَﺪُﻭَّﻛُﻢْ ﻓَﺘَﻀْﺮِﺑُﻮﺍ ﺃَﻋْﻨَﺎﻗَﻬُﻢْ ﻭَﻳَﻀْﺮِﺑُﻮﺍ ﺃَﻋْﻨَﺎﻗِﻜُﻢ((؟ﻗَﺎﻟُﻮﺍ .ﻰَﻠَﺑ :َﻝﺎَﻗ ) ﺫِﻛْﺮُ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺗَﻌَﺎﻟَﻰ ))
Ammas Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: “dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?” Eeyyee jedhan. “Inni zikrii
Rabbii ol ta’eeti” jedhan.
ﻭَﻗَﺎﻝَ : ))ﻳَﻘُﻮﻝُ ﺍﻟﻠَّﻪُ :ﻰَﻟﺎَﻌَﺗ ﺃَﻧَﺎ ﻋِﻨْﺪَ ﻇَﻦِّ ﻋَﺒْﺪِﻱ ﺑِﻲ، ﻭَﺃَﻧَﺎ ﻣَﻌَﻪُ ﺇِﺫَﺍ ﺫَﻛَﺮَﻧِﻲ، ﻓَﺈِﻥْ ﺫَﻛَﺮَﻧِﻲ ﻓِﻲ ﻧَﻔْﺴِﻪِ، ﺫَﻛَﺮْﺗُﻪُ ﻓِﻲ ﻧَﻔْﺴِﻲ، ﻭَﺇِﻥْ ﺫَﻛَﺮَﻧِﻲ ﻓِﻲ ﻣَﻠَﺄٍ ، ﺫَﻛَﺮْﺗُﻪُ ﻓِﻲ ﻣَﻠَﺄٍ ﺧَﻴْﺮٍ ﻣِﻨْﻬُﻢْ، ﻭَﺇِﻥْ ﺗَﻘَﺮَّﺏَ ﺇِﻟَﻲَّ ﺷِﺒْﺮﺍً، ﺗَﻘَﺮَّﺑْﺖُ ﺇِﻟَﻴْﻪِ ﺫِﺭَﺍﻋﺎً، ﻭَﺇِﻥْ ﺗَﻘَﺮَّﺏَ ﺇِﻟَﻲَّ ﺫِﺭَﺍﻋﺎً، ﺗَﻘَﺮَّﺑْﺖُ ﺇِﻟَﻴْﻪِ ﺑَﺎﻋﺎً، ﻭَﺇِﻥْ ﺃَﺗَﺎﻧِﻲ ﻳَﻤْﺸِﻲ ﺃَﺗَﻴْﺘُﻪُ ﻫَﺮْﻭَﻟَﺔً
Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e ni jedha: ‘ani bakka gabrichi kiyya itti na yaaden jira.
Ani yeroo inni na yaadate isa waliinin jira. Yoo inni lubbuu isaa keessatti na yaadate lubbuu kiyya keessattin isa yaadadha. Yoo inni jamaa’aa keessatti na yaadate jamaa’aa isaan caalan keessattin isa yaadadha.
Yoo inni taakkuu natti dhihaate dhundhuman itti dhihaadha.
Yoo inni dhundhuma natti dhihaate harka guutuun isatti dhihaadha.
Yoo deemaa natti dhufe sussukkiinin isatti dhufa.”
ﻋَﺒْﺪِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺑْﻦِ ﺑُﺴْﺮٍ ﺃَﻥَّ ﺭَﺟُﻼً :َﻝﺎَﻗ ﻳَﺎ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ، ﺇِﻥَّ ﺷَﺮَﺍﺋِﻊَ ﺍﻹِﺳْﻼَﻡِ ﻗَﺪْ ﻛَﺜُﺮَﺕْ ﻋَﻠﻲَّ، ﻓَﺄَﺧْﺒِﺮْﻧِﻲ ﺑِﺸَﻲْﺀٍ ﺃَﺗَﺸَﺒَّﺚُ .ِﻪِﺑ :َﻝﺎَﻗ )ﻻَ ﻳَﺰَﺍﻝُ ﻟِﺴَﺎﻧُﻚَ ﺭَﻃْﺒﺎً ﻣِﻦْ ﺫِﻛْﺮِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ))()،
Abdullaah bin Busr irraa odeeffamee (R.A) ni jedhe: namni tokko “yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe.
Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: “arrabni kee Rabbiin zakkaruu irraa hin qoorin.”
ﻭَﻗَﺎﻝَ : ))ﻣَﻦْ ﻗَﺮَﺃَ ﺣَﺮْﻓﺎً ﻣِﻦْ ﻛِﺘَﺎﺏِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻓَﻠَﻪُ ﺑِﻪِ ﺣَﺴَﻨَﺔٌ، ﻭَﺍﻟْﺤَﺴَﻨَﺔُ ﺑِﻌَﺸْﺮِ ﺃَﻣْﺜَﺎﻟِﻬَﺎ، ﻻَ ُﻝﻮُﻗَﺃ ﴿ﺍﻟﻢ%﴾ ﺣَﺮْﻑٌ، :ﻦِﻜَﻟَﻭ ﺃَﻟِﻒٌ ﺣَﺮْﻑٌ، ﻭَﻻَﻡٌ ﺣَﺮْﻑٌ، ﻭَﻣِﻴْﻢٌ ﺣَﺮْﻑٌ ))
Ammas Ergamaan Rabbii (S..A.W) ni jedhan: “kitaaba Rabbii irraa namni qubee tokko dubbise mindaa tokko qaba.
Mindaan immoo fakkii ishee kudhaniin kaffalamti. ‘Alif Laam Miim’ qubee tokko hin jedhu; garuu Alif qubeedha Laamis qubee Miimis qubeedha.”
ﻭَﻋَﻦْ ﻋُﻘْﺒَﺔَ ﺑْﻦِ ﻋَﺎﻣِﺮٍ :َﻝﺎَﻗ ﺧَﺮَﺝَ ﺭَﺳُﻮﻝُ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻭَﻧَﺤْﻦُ ﻓِﻲ ﺍﻟﺼُّﻔَّﺔِ، :َﻝﺎَﻘَﻓ ))ﺃَﻳُّﻜُﻢْ ﻳُﺤِﺐُّ ﺃَﻥْ ﻳَﻐْﺪُﻭَ ﻛُﻞَّ ﻳَﻮْﻡٍ ﺇِﻟَﻰ ﺑُﻄْﺤَﺎﻥَ، ﺃَﻭْ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﻌَﻘِﻴﻖِ، ﻓَﻴَﺄْﺗﻲَ ﻣِﻨْﻪُ ﺑِﻨَﺎﻗَﺘَﻴْﻦِ ﻛَﻮْﻣَﺎﻭَﻳْﻦِ ﻓِﻲ ﻏَﻴْﺮِ ﺇِﺛْﻢٍ ﻭَﻻَ ﻗَﻄِﻴﻌَﺔِ ﺭَﺣِﻢٍ((؟ :ﺎَﻨْﻠُﻘَﻓ ﻳَﺎ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻧُﺤِﺐُّ .َﻚِﻟَﺫ :َﻝﺎَﻗ ))ﺃَﻓَﻼَ ﻳَﻐْﺪُﻭ ﺃَﺣَﺪُﻛُﻢْ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟﻤَﺴْﺠِﺪِ ﻓَﻴَﻌْﻠَﻢَ، ﺃَﻭْ ﻳَﻘْﺮَﺃَ ﺁﻳَﺘَﻴْﻦِ ﻣِﻦْ ﻛِﺘَﺎﺏِ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺧَﻴْﺮٌ ﻟَﻪُ ﻣِﻦْ ﻧَﺎﻗَﺘَﻴْﻦِ، ﻭَﺛَﻼﺙٌ ﺧَﻴْﺮٌ ﻟَﻪُ ﻣِﻦْ ﺛَﻼَﺙٍ، ﻭَﺃَﺭْﺑَﻊٌ ﺧَﻴْﺮٌ ﻟَﻪُ ﻣِﻦْ ﺃَﺭْﺑَﻊٍ، ﻭَﻣِﻦْ ﺃَﻋْﺪَﺍﺩِﻫِﻦَّ ﻣِﻦَ ﺍﻹِﺑِﻞِ ))().
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (R.A) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (S.A.W) osoo nuti warra suffaa keessa jirruu nurratti bahanii “isin keessaa eenyutu guyyaa hundaa gara Buxhaan yookiin Aqiiq dhaqee haala yakkaafi firooma kutuu hin qabneen gaala gooba dhedheertuu lama fudhatee dhufuu jaalata?” jedhan.
“Yaa Ergamaa Rabbii sana ni jaalanna” jenne. Ergamaan Rabbii (S.A.W) “tokkoon keessan gara masjidaa deemee kitaaba Rabbii irraa aayata lama barachuun yookiin qara’uun gaala lama irra isaaf caala; sadii gaala sadii irra caala. Afuris gaala afur irra caala.
Gaala lakkoofsa hanga isaanii ni caalu.”
ﻭَﻗَﺎﻝَ : ))ﻣَﻦْ ﻗَﻌَﺪَ ﻣَﻘْﻌَﺪَﺍً ﻟَﻢْ ﻳَﺬْﻛُﺮِ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻓِﻴﻪِ، ﻛَﺎﻧَﺖْ ﻋَﻠَﻴْﻪِ ﻣِﻦَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺗِﺮَﺓٌ، ﻭَﻣَﻦِ ﺍﺿْﻄَﺠَﻊَ ﻣَﻀْﺠِﻌﺎً ﻟَﻢْ ﻳَﺬْﻛُﺮِ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻓِﻴﻪِ ﻛَﺎﻧَﺖْ ﻋَﻠَﻴْﻪِ ﻣِﻦَ
ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺗِﺮَﺓٌ ))
Ammas Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: “namni taa’icha tokko taa’ee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin hoongoon Rabbiin biraa ta’e isa mudata.
Namni ciisicha wahii ciisee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin gaabbii Rabbiin biraa ta’etu isarra jiraata.”
ﻭﻗﺎﻝ : ))ﻣَﺎ ﺟَﻠَﺲَ ﻗَﻮْﻡٌ ﻣَﺠْﻠِﺴَﺎً ﻟَﻢْ ﻳَﺬْﻛُﺮُﻭﺍ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻓِﻴﻪِ، ﻭَﻟَﻢْ ﻳُﺼَﻠُّﻮﺍ ﻋَﻠَﻰ ﻧَﺒِﻴِّﻬِﻢْ ﺇِﻻَّ ﻛَﺎﻥَ ﻋَﻠَﻴْﻬِﻢْ ﺗِﺮَﺓً، ﻓَﺈِﻥْ ﺷَﺎﺀَ ﻋﺬَّﺑَﻬُﻢْ، ﻭَﺇِﻥْ ﺷَﺎﺀَ ﻏَﻔَﺮَ ﻟَﻬُﻢْ ))().
Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:“ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarreefi Nabiyyii irratti rahmata hin buusin taa’an hoongoon Rabbi biraa ta’e isaan irra jiraatu malee hin hafu.
Rabbiin yoo fedhe isaan adaba yoo fedhe isaaniif araarama.”
ﻭَﻗَﺎﻝَ : ))ﻣَﺎ ﻣِﻦْ ﻗَﻮْﻡٍ ﻳَﻘُﻮﻣُﻮﻥَ ﻣِﻦْ ﻣَﺠْﻠِﺲٍ ﻻَ ﻳَﺬْﻛُﺮُﻭﻥَ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻓِﻴﻪِ ﺇِﻻَّ ﻗَﺎﻣُﻮﺍ ﻋَﻦْ ﻣِﺜْﻞِ ﺟِﻴﻔَﺔِ ﺣِﻤَﺎﺭٍ، ﻭَﻛَﺎﻥَ ﻟﻬُﻢْ ﺣَﺴْﺮﺓً ))().
Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:
“ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarre irraa ka’an akka waan raqa harree irraa ka’aaranuu ta’an malee hin hafan. Gaabbiin
(sheenaan) isaan irra jiraata.”
➲ Salaata
Kutaa ①ffaa
➫➫➫➫
➫.Salaanni ragaawwan lamaanitti(Ashhadu allaa ilaaha illallaah fi Wa'ashhadu anna muhammada rasuulullaah) aane arkaana islaamaa keessaa 2ffarratti argama.
Warri lugaatii fi hadiisaa akkana jedhu:
➫.Salaata jechuun kadhannaadha.
Sababni Salaanni Shari'aa keessatti kadhannaa jedhamtee waamamteef waan isiin kadhannaa ofkeessatti hammattuufi.
📖Rabbiin guddaan akkana jedha
《 ..وَصَلِّ عَلَيْهِمْ ..》Isaanif kadhadhu
➫.Salaanni ibaadaa guddoo jechootaa fi gochoota akkaataa salaataa guutun ittiin uumamtu ofkeessatti qabattuudha.
Ulamaa'in akkana jedhan:"Salaata jechuun isiin jechootaa fi gochoota 'Allaahu Akbar' jechuun banamtee 'Salamtaan' xumuramtuudha.
☆ Salaanni nama muslima ta'e kan ballagee fi kan sammuun fayyaa qabu hundarattuu dirqama.
Hubachiisa‼️: Abbaan ykn Haati ijoollee tokko yeroo ijoollen waggaa torba guuttu salaatatti ajajuu qaban salaannillee dirqama irrattis ta'uu baatu;Dabalataan yeroo ijoollen waggaa 10'n guuttu akka hin miidhamnetti garafuu(rukutuu) qaban .
Inshaa'alaah itti fufa InshaAllaah...
23/03/2023
Dalagaa Sadi(3) Galatni Isii Daangaa Hin Qabu(Hin daangeeffamne):-
①.Namootaaf Irra Dabruu(العفوا عن الناس)
(فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُ عَلَى اللَّهَ)
«Namni Dhiifama Godhee, (Hariiroos) Tolche Galanni Isaa Rabbi Irra jira.»(Ash-Shuuraa 42:40)
②.Obsa(الصبر)
(إِنَّمَا يُوَفَّى الصَّابِرُونَ أَجْرَهُمْ بِغَيْرِ حِسَابٍ)
«Warri Obsan Mindaan Isaanii Kan Isaaniif Kennamu Lakkoofsa Balee dha.»(Az-Zumar 39:10)
③.Soomana(ﺍﻟﺼِّﻴَﺎﻡَ)
Rabbiin(s.w) Akkana Jedha:-
«ﻛُﻞُّ ﻋَﻤَﻞِ ﺍﺑْﻦِ ﺁﺩَﻡَ ﻟَﻪُ ﺇِﻟَّﺎ ﺍﻟﺼِّﻴَﺎﻡَ ﻓَﺈِﻧَّﻪُ ﻟِﻲ ﻭَﺃَﻧَﺎ ﺃَﺟْﺰِﻱ ﺑِﻪ»
«Dalagaan Ilma Aadam Hundi isumaafi, Somana Malee; Inni Garuu Kiyya Anaatu galata Galchaaf» share godhaa jzkl keyran
✔️Ergamaan rabbii ❰ ﷺ ❱ akkana jedhan "Hojiiwwan gaggaariin yeroo kamillee hin banne isaan kana:👇👇👇👇
👌”سُبْحَانَ اللَّهِ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، وَلاَٰ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَاللَّهُ ٱكْبَرُ، لاَ حَوْلَ وَلاَ قُوَّةَ إِلاَّ بِا للّٰهِ“
📖 hikkaan isaa…
✔️“Rabiin qulqullaa'e, Faaruun kan rabbiiti, Rabbiin malee rabbiin baraa hin jiru, Rabbiin guddate.
⚡️malaas fi jabeenyaas hin qabnu kan rabbii malee.
Arraba keenyarratti rabbiin nuuf haa laffisu👌
-
قَالَ الله تَعَالَى:
( إِنَّ اللَّهَ وَمَلائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا صَلُّوا عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا )
عنْ عبداللَّه بن عمرو بن العاص،
رضي اللَّه عنْهُمَا أنَّهُ سمِع رسُول اللَّه ﷺ
يقُولُ: مَنْ صلَّى عليَّ صلاَةً،
صلَّى اللَّه علَيّهِ بِهَا عشْرًا
📚 رواهُ مسلم.
وعن ابن مسْعُودٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ :
:
أَوْلى النَّاسِ بِي يوْمَ الْقِيامةِ
أَكْثَرُهُم عَليَّ صَلاَةً
📚 رواه الترمذي
وعن أوس بن أوسٍ، رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ :
:
إنَّ مِن أَفْضلِ أيَّامِكُمْ يَوْمَ الجُمُعةِ،
فَأَكْثِرُوا عليَّ مِنَ الصلاةِ فِيهِ،
فإنَّ صَلاتَكُمْ معْرُوضَةٌ علَيَّ فقالوا:
يَا رسول اللَّه، وكَيْفَ تُعرضُ صلاتُنَا عليْكَ
وقدْ أرَمْتَ؟ قال: يقولُ: بَلِيتَ،
قالَ: إنَّ اللَّه حَرم عَلَى الأرْضِ أجْساد الأنْبِياءِ.
📚 رواهُ أَبُو داود
Sadarkaa/darajaan nabiyyi(saw) irratti salawaata buusuun qabu
📌قَالَ النَبِيُ: مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلاَةً صَلَى اللَّهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْراً.
✅Ergamaan Rabbiin (saw) akkana ja'e
★namni faraqaa takka salawaata narratti buuse,Rabbiin (sw)ammo isarratti faraqaa kudhan(10 ) rahmata isarratti buusa ja'e.
📌وَقَالَ:لاَ تَجْعَلُوا قَبْرِا عِيدَاً وَصَلُوا عَلَيَّ؛ فَإنَّ صَلاَتَكُمْ تَبْلُغْنِي حَيْثُ كُنْتُمْ.
✅Nabiin (saw) ni jedhan
★Awwaala kiyya iida hin taasisinaa,rahmataa narratti buusaa, Salawaanni kessan bakkuma isin jirtan irraa natti dhaqaba.
📌وَقَالَ: الْبَخِيلُ مَنْ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلَ عَلَي.
✅Nabiin (saw) akkana ja'an
★Doyna namaati jechuun, nama ani biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusneedha ja'an.
📌وَقَالَ: إنَّ لِلَّهِ مَلاَعِكَتً سِيَّاحِينَ فِي الٔأرْضِ يُبَلَّغُونَي مِنْ أُمَّتِي السَلاَمَ.
✅Nabiin (saw) ni jadhan
★Rabbiin(sw) makeykoota tachii keessa deeman kan salaamtaa ummata kiyya natti dhaqabsiisan qaba.
📌وَقَالَ: مَا مَنْ ٱحْدٍ يُسَلَمُ عَلَيَّ الاَّ رَدً اللَّهُ عَلَيَّ رَوحِيَ حَتَّى أرُدَّ عَلَيْهِ السَلاَمَ.
✅Nabiin(saw) ni jedhan
★Namni tokko salaamtaa naan jadhee yoo Rabbiin ruuhii kiyya natti deebise salaamtaa isatti deebisu malee hin hafu.
✍صلى الله عليه وسلم
✍صلى الله عليه وسلم
✍صلى الله عليه وسلم
👆👆👆👆👆👆👆👆👆
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
🌼Salla allahu aleyhi wasallam
🌼Salla allahu aleyhi wasallam
🌼Salla allahu aleyhi wasallam
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
share share share
Mee eenyu abban Rabbiin laaffiseef kan obbolessa isaatiin gahuu barbaadu kan barbaadu biraan nuuf gahaa JZK.
. "Isinirraa namni hamtuu arke harkaan haa dhaabsisu. (Yoo humnaan dhaabsisuu hin dandahin) arrabaan(gorsee) haa dhaabsisu. Yoo sanis hin dandahin ammoo qalbumaan haa jibbu, sun irra laafaa Iimaanaati."
Nabi Muhammadﷺ
[Muslim : 49]
- Namni Muslimaa tokko abadan badii jaalachuu, hamtuun dhaadatuu hin qabu. Badiin akka badduuf waan dandahuun qabsaawuu qaba. Dhabee dhabu qalbiin haa jibbu.
*مَن رَأَى مِنكُم مُنْكَرًا فَلْيُغَيِّرْهُ بيَدِهِ، فإنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِلِسانِهِ، فإنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِقَلْبِهِ، وذلكَ أضْعَفُ الإيمانِ.*
الراوي : أبو سعيد الخدري.
💥 Faayidaawwan Salawaata Nabiyyii keenyarratti buusuun
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ قَالَ : "مَنْ صَلَّى عَلَيَّ وَاحِدَةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ عَشْرًا ".رواه أبي داود
“Namni Salaata tokko narratti buuse Rabbiin Salaata kudha isarratti buusa”
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : "لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ" رواه أبي داود
“Mana keessan qabrii hin godhiinaa¹, qabrii koo Iidii hin godhiinaa² salaata narratti buusaa salaatni keessan eessattuu yoo gootan na qaqqaba”
عن حُسَيْنِ بْنِ عَلِيِّ رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " الْبَخِيلُ الَّذِي مَنْ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلِّ عَلَيَّ ". رواه الترمذي
“Don'a jechuun nama ani isa bukkeetti caqasamee salaata narratti hin buusnedha”
عَنْ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " إِنَّ لِلَّهِ مَلَائِكَةً سَيَّاحِينَ فِي الْأَرْضِ يُبَلِّغُونِي مِنْ أُمَّتِيَ السَّلَامَ ".رواه النسائي
“Rabbi malaa'ikoora oliif gadi dacheerraa deemanii salaamtaa ummata koo naan gahan qaba”
أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ قَالَ : " مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللَّهُ عَلَيَّ رُوحِي حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ ".رواه أبي داود
“Namni kamuu yoo narratti salaama qara'e Rabbiin Ruhii koo naa deebisee akkan deebbii isaa deebisu na taasisa”
🔖 Keesumaa guyyaa Jumu'aa Nabi Muhammad ﷺ irratti Salawaata buusuu heddummeessuun baay'ee barbaachisaadha
عَنْ أَوْسِ بْنِ أَوْسٍ رضي الله عنه قَالَ : قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ : " إِنَّ مِنْ أَفْضَلِ أَيَّامِكُمْ يَوْمَ الْجُمُعَةِ : فِيهِ خُلِقَ آدَمُ، وَفِيهِ قُبِضَ، وَفِيهِ النَّفْخَةُ، وَفِيهِ الصَّعْقَةُ ؛ فَأَكْثِرُوا عَلَيَّ مِنَ الصَّلَاةِ فِيهِ ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ مَعْرُوضَةٌ عَلَيَّ ".رواه أبي داود
«Irra caalaan guyyaan aduun keessatti baate guyya jum'aati, guyyan jum'aa guyyaa Abbaan kenya Aadam uumame, guyya inni itti du'e, guyyaa xurumbaan itti afuufamu , guyyaa xumurri adunyaa itti taatu dha, guyyaa jum'aa salaata narratti buusaa salawaatni keessan narra fidamti" jedhe.
قال الله تبارك وتعالى
(إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِىِّۚ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ صَلُّوا۟ عَلَيْهِ وَسَلِّمُوا۟ تَسْلِيمًا)
“Dhugumatti, Rabbiifi mala'ikonni Isaas nabiyyii irratti salaata³ buusu Yaa warra amantan! (isinis) salaata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa”
———————————
¹. Mana keessanitti ibaadaa(sunnaa salaataa, qur'aanaa qara'uu..) godhaa akka bakka qabrii ibaadaatii ala hin godhiinaa.
². Qabrii koo akka Iidaa bakka itti wal geesan hin godhiinaa ykn salaata narratti buusuuf jecha akka Iidaa wal hin gahiinaa bakkuma jirtanitti narratti buusaa.
³. Allah ykn Rabbi Salaata buuse jechuun 'faaruun isa faarse' jechuudha, Malaa'ikonni Salaata Buusan jechuun 'istigfaara (araarama) namaaf kadhatan' jechuu yoo ta'u dhalli namaa salawaata buuse jechuun immoo 'du'aa godheef ykn Rabbiin kadhateef' jechuudha.
Share waliif godhaa jzkl keyran
ZIKRII GANAMAA: Qalbiin akka Tasgabbooftuuf Zikrii heddumeeysaa!
(ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَتَطْمَئِنُّ قُلُوبُهُم بِذِكْرِ ٱللَّهِ ۗ أَلَا بِذِكْرِ ٱللَّهِ تَطْمَئِنُّ ٱلْقُلُوبُ)
"Warroota Rabbitti amanan, qalbiin isaanii zikrii (faaruu) isaatiin tasgabboofti. Hubadhaa! yaadannoo Rabbiitiin qalbiin tasgabbii argatti." Suuraa Arra’ad Aayata:28
Zikriiwwan Rabbiin ittiin yaadannu keessaa Zikriin ganama jedhamu isa armaan gadiiti!
أَصْبَحْنَا وَأَصْبَحَ الْمُلْكُ لِلَّهِ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، رَبِّ أَسْأَلُكَ خَيْرَ مَا فِي هَذَا الْيَوْمِ وَخَيرَ مَا بَعْدَهُ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا فِي هَذَا الْيَوْمِ وَشَرِّ مَا بَعْدَهُ، رَبِّ أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْكَسَلِ وَسُوءِ الْكِبَرِ، رَبِّ أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابٍ فِي النَّارِ وَعَذَابٍ فِي الْقَبْرِ
"Nuti bariisifanne. Mootummaanis kan Rabbii ta’ee bule. Faaruun kan Rabbiiti. Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyyaa/shariika hin qabneedha. Mootummaan kan isaati. Faaruunis kan isaati. Inni waan hunda irratti danda’aadha. Yaa Rabbi ani toltuu guyyaa har’aa keessa jiruufi toltuu booda isaa jiru sin kadha. Sharrii guyyaa har'aa keessa jiruufi sharrii booda isaatii jiruu irraa sittin maganfadha. Yaa Rabbi hifannoo (nuffaa) fi dulluma hamaa irraa sittin maganfadha. Yaa Rabbi adabbii ibidda keessaatiifi adabbii qabrii keessaa irraayis sittin maganfadha."
Click here to claim your Sponsored Listing.