20/06/2023
CAALOOMINA GUYYOOTA KURNAN ZULHIJJAA
Guyyoottan kurnan jalqaba baatii ZulHijjaa amma keessa jirru kun guyyoota ajaa'ibaati. Yeroo tam caalaa guyyoota keessatti Ambiyootatti hidhannu. Guyyoota Rabbiin keessatti guddifamu. Muslimni bakka taa'uufi ka'utti 'Allaahu akbar' ja'ee Rabbii isaa yaadata. Irra deddeebi'ee tokkichummaa uumaa isaa ragaa baha. Qananii keessa jiruuf Rabbi faarfata. Ibaadaan guyyoota kanniin keessatti goonu mindaa gaarii qabdi. Qur'aana keessatti guyyoota kanniiniin Rabbiin kakatee jira..
*والْفَجْر* وَلَيَالٍ عَشْرٍ *
Bariinin kakadha! Halkan kurnan(ji'a ZulHijjaa kanaanis)niin kakadha!}
Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ guyyoota collee baatii ZulHijjaa jalqaba irratti arkaman kana laalchisuun akkana ja'e..
{Ibaadaa guyyaa biroo gootan irra, tan guyyoota kurnan ZulHijjaa(gama duraatti arkaman) kana keessa gootantu caala. Rabbi birattillee irra jaalatama}
Sahaabaan dubbii tana ajaa'ibanii "karaa Rabbii irratti qabsaawuu irrallee, Ibaadaa kurnan kana goonuutu caalaa?" Ja'anii ergamaa Rabbiitiif gaafii dhiheysan.
{Ee! Ibaadaa kurnan kana gootantu caala. Yoo nama Jihaadaaf jecha lubbuufi qabeenya isaa baasee wareegamee hundaan achumatti hafe malee} jechuun deebiseef.
• Ummatoo! As gahuun carraadha. Guyyoonni Kurnan jalqaba ZulHijjaa irratti arkaman kunniin, guyyoota colleedha. Guyyoota Ibaadaan goonu hundi Rabbi biratti jaalatamtu. Ibaadaan ammaafi yeroo biroo goonu wal adda. Tan kurnan ZulHijjaa tuni Sawaaba guddaa qabdi. Kanaaf guyyoota kanniin Ibaadaa irratti cichinee haa dabarsinu.
Mee haala kamiin Ibaadaa goona?
1. Gama Rabbii haa deebinu. Rabbi tokkichoomsinee, badii teenyaaf araarama haa kadhannu. Namni hin balleysine hin jiru. Dogongora keenyaaf Rabbi haa yaammannu. Gaafa Ibaadaa isaatiin dhaabbanne, ajaja isaa hordofne Rabbiin nu jaalata. Malaa'ikaa biratti nuun dhaadata. Gama Rabbii deebi'uun milkaawuudha. Diniyaafi aakhirattiis nagaya bahuudha. Yaa Mu'mintoota! Akka milkoytaniif gama Rabbii deebi'aa.
2. Kurnan ZulHijjaa kana hojiiwwan gaggaarii hojjechuun haa dabarsinu. Xiqqaattuus hojiin gaariin sadarkaa qabdi. Jaalala Rabbii arkachuuf carraaqqii guddoo haa goonu. Nama karaa isaa irratti qabsaawe Rabbiin karaa qajeelaarra kaaya. Karaan qaceelloo karaa Jannataati.
3. Hojii badduu irraa fagaachuu! Keessattuu kurnan kana keessa hanga kaabaafi kibbi adda fagaatu, nulleen badiin adda haa fagaannu. Rabbiif ajajamuun akkuma Rabbitti nama dhiheysitu, Dilii hojjechuun Rabbi irraa nama fageysiti. Diliin dallansuu Rabbiitiif nama saaxilti. Waan Rabbi itti nu ajaje hojjannee, waan Rabbi irraa nu dhoorke irraa fagaannee guyyoota kanniin irraa fayyadamuu qabna.
Kurnan kana keessa Ibaadaa tamtu akkaan jaalatama?
1. Haajjii fi Umraa
-Guyyoottan kabajamoo kana keessa
namni Rabbiin laaffiseef Hajjii fi Umraa godhuu qaba. Kanaan Rabbitti dhihaachuu qaba. Osoo dandahanii Ibaadaa tanniin irraa fagaachuun karaa miti. Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ akkana ja'e..
{Umraan(ulaagaa barbaachiftu hunda guuttatanii) godhan, Dilii xixiqqoo namarraa haqxi, hanga Umraa itti aantu godhanii. Hajjiin qeebalamte ammoo Jannata malee mindaa biroo hin qabdu.}
2. Soomana
-Soommanni Ibaadaa guddoodha. Hojii gaarii Rabbi akkaan jaalatu. Waan Jahannam irraa nama baraaru. Kanaaf guyyoota 9n jalqaba ji'a ZulHijjaa kana soommanuu qabna. Keessattuu guyyaa 9ffaa Arafaa(guyyaa boru Iidaa) soommanuun akkaan barbaachisa. Nabiyyiin keenyaﷺ guyyaa Arafaa soomaan dabarsa. Soomanni guyyaa Arafaa Dilii waggaa dhufuufi waggaa dabree namarraa haqa.
3. Rabbi kadhaa
- Du'aa'iin xiyyitiidha. Xiyyitii darbamtee laferra malee lafa hin buune. Warri beeku Rabbi kadhaan waa haleela. 'Yaa Rabbi booddee teenya toolchi! Khaatimaa teenya bareechi' ja'aa kadhaa. Booddeetu laalama! Gaarii hojjechaa dhufnee booda irratti yoo mucucaanne dubbiin ni baddi. Akkasitti kasaarree hafna. Warra eyba qabu, kan Rabbiin irraa jaalateetu booddee tola. Wallaalaa qofaa miti, beekaan hedduun yeroo guyyaa keessaa dabu garra. Sun waan qalbii nama cabsaati. Irraa maganfadhaa. Halkaanii fi guyyaa yeroo kadhattan 'yaa Rabbi booddee teenya nu toolchi! Warra Jannataa nu godhi' ja'aa kadhaa. Khaatimaan nama toluun dubbii jabduudha.
Walumaagalatti guyyoottan kurnan jalqaba ZulHijjaa kana keessa Zikrii baay'isuun, Rabbi kadhachuun, Jama'aan Salaatuun, Sunnaa lelisuun, Rabbi guddisuun, Rabbi qulqulleysuun, Rabbi faarfachuun, Sadaqachuun, dhugaa dubbachuun, waliin ooduu dhiisuun, haajaa wal-baasuun hojii akkaan jaalatamtu. Mindaa guddoo qabdi. Kanaf hanga dandeenyutti itti haa bobbaanu. Rabbiin warra guyyoota kanniin irraa milkaawe nu haa taasisu.