Muktar Abdella مختار عبدالله
As wr wb Ummata islaama rabbiif jecha isin jaaladha Rabbiin isin haa jaalatu
19/09/2023
Gorsa gabaaba
_______________
Hanga dandeeysutti hamilee nama tuqurraa of qusadhu
Hiyyeessa biratti qabeenya kee hin dhaadin
Nama abbaa hin qabne biratti abba kee hin faarsin
Nama harmee hin qabne biratti harmee tee hin faarsin
Yatiima biratti jollee tee olin qabin
Nama fayyan qabne biratti fayyadhaan hin dhaadattin
Hamilee nama cabsuun waan gaarii miti irra of eegi hamma dandeeysetti rabbiin nama maraafu yaada muraada isaani tabba haa baasu
29/07/2023
Imaam ibn Al-Qayyiim R.
_______________________
Akka jedhanitti “Muuziqaa fi Qur’aanni qalbii takka keessa waliin jiraachu hin danda’an.
Isaan keessa tokko qalbii haguuga.
Tokko kan biraatif bakka gadii lakkisa.”
Namni Qur’aana dhageefatu jaallatu, muuziqa ni jibba, gurra isaa dhukkubsa.
Fuggisoon kanaas dhugaadha– kan muuziqaa dhageefachu jaallatu Qur’aana ni jibba.
Kanaafu kan jireenya (imaana) siif kennu filadhu.
Dhugumatti Qur’aanni qalbiif jireenya kenna.
Muuziqaan immoo qalbii ajjeessa, Rabbirraa fageessun qalbii dhiphinna fi rakkootti darba.
Artistii muuziqa warri jedhaman dhiphinna irraa kan ka’e meeqatu lubbuu ofii galaafate.
29/07/2023
Ilmaan namaa jireenya isaanii keessatti wantoota lama garmalee barbaadu. Isaaniis: gaddi jireenya keessaa akka hir’atu fi sodaan akka isaan irraa deemudha. Gaddaa fi sodaa jireenya keessaa hir’isanii nageenyaa fi gammachuu argachuuf jecha bakki isaan hin seenne hin jiru. Haa ta’uu malee, bakki baay’een isaan seenan bakka gaddaa fi sodaa isaanitti dabaluudha. Fakkeenyaf, namoonni maallaqa argachuuf garmalee hojjatu. Maallaqa baay’ee erga argatanii booda yommuu maallaqa irraa waa hir’atu ni gaddu. Yommuu maallaqni dabalu immoo akka isaan jalaa hin hatamnee fi hin banne garmalee sodaatu. Haala kanaan jireenya gaddaa fi sodaa jiraatu. Kanaafu, furmaanni kanaa maali ree? Furmaanni kanaa Rabbii olta’atti amanuu fi Isaaf buluudha. Nama Rabbitti amanee fi Isatti bule, Rabbiin gaddaa fi sodaa akka irraa kaasu waadaa galee jira. Akkana jedha:
2:112
“Lakki! Namni hojii gaarii osoo dalaguu fuula isaa Rabbiif kenne, mindaan isaa Gooftaa isaa bira isaaf jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddaniis.” suuratu Al-Baqara 2:112
Kiristaanonni fi yaahudoonni nama kiristaana ykn yahuudaa ta’e malee Jannata kan seenu hin jiru jechuun odeessan. Rabbiin oduun isaanii kuni sobaa fi raga kan hin qabne akka ta’e ni mirkaneesse. Lakki, dubbiin akka isin jettanii miti. Kana irra namni Jannata seenu nama hojii gaggaarii osoo hojjatu fuula Isaa Rabbiif kenneedha. Kana jechuun hojii isaa qulqulleessun qalbii isaatiin nama gara Rabbii garagalee fi qajeeledha.[1] Namoonni Rabbitti dhugaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, mindaan isaanii Rabbiin bira isaaniif jira. Wanta darbeef hin gaddan, wanta dhufuufis hin sodaatan. Haala kanaan jireenya nageenya fi gammachuu jiraatu. Kanaafu, Rabbitti amanuu fi hojii gaarii hojjachuun bu’uura gammachuu fi milkaa’innaati. Karaalee Rabbitti shakkii tokko malee amanuu (yaqiina) itti jabeessinuu keessa tokko maqaalee fi sifaata Isaa qo’achuu fi itti xinxalluudha. Mee ammas, kutaa darbee irra itti fufuun maqaalee Rabbii olta’e muraasa isaanii haa ilaallu.
Al-Khaaliq (Uumaa)
Wantoota hundaa kan uumee Rabbii tokkicha. Wantoonni naannoo keenyatti arginu hundi gara Khaaliqaa (Uumaa) akeeku. “Ani mataa kootin of uumuu hin danda’u. Uumaa na uumetu jira.” jechuun gara Gooftaa isaanii akeeku. Dachii fi samiin akkanumatti of argamsiisu ykn uumu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
31:10
31:11
“[Rabbiin] samiiwwan utubaa argitaniin malee uume. Akka [dachiin] isiniin hin socheenef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e (gadi dhaabe). Lubbuu qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase. Bishaanis samii irraa buufnee biqiltoota gosoota gaggaarii hunda ishii keessatti magarsine.Kuni uumama Rabbiiti. Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Dhugumatti, miidha hojjattoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu Luqmaan 31:10-11
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samiwwan torba garmalee gurguddatan, furdatanii fi bal’atan utubaa malee uume. Utubaa mul’atu hin qaban. Osoo qabaatanii silaa utubaan kuni ni mul’ata. Samiwwan kunniin dandeetti Rabbii qofaan iddoo isaanitti qabaman.[2] Samii hangana guddattu Rabbiin malee eenyutu uumuu fi qabuu danda’aa? Kuni Rabbiin jiraachu fi Tokkicha fakkaataa hin qabne ta’uu ragaa agarsiisudha.
“Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, kan uraa (qaawwa) homaatuu hin qabne akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee?” Suuratu Al-Qaaf 50:6
Hubannoo: Akkaatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa uumuu fi namni wanta tokko itti uumuu gonkumaa wal hin fakkaatan. Rabbiin wanta tokko uumuu yoo barbaade, “ta’i” jedhaan. Ergasii yoosu ta’ee argama. Garuu ilmaan namaa wanta tokko hojjachuu yoo barbaadan dafqa itti xuruuratu, meeshaa adda addaa fayyadamu, itti dadhabu. Rabbiin immoo kana hundarraa qulqulluudha. Meeshaa wanta jedhamu hin fayyadamu, wanti dadhabbi jedhamuus Isa hin tuqu. Kanaafu, Rabbiin olta’aan wantoota hundaa haala adda ta’een uuma. Kanaafi, irra deddeebinee aaya tana yaadachu qabna.
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagahaa, argaadha.” Suuratu Shuura 42:11
Hojii Rabbii hojii namootatiin wal fakkeessu hin qabnu.
“Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin dhagahaa, argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28
Namoota dhaloota jalqabaa irraa kaase hanga dhaloota dhumaatti uumuu fi kaasun Rabbiin biratti akka lubbuu takkatti uumu fi kaasuti. Sababni isaas, Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aadha, wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Dabalataan hojiin Isaa hojii ilma namaatin wal hin fakkaatu.
Al-Qadiir (Danda’aa)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta hunda irratti danda’aadha. Wanta tokko hojjachuu yoo fedhe, fedhii Isaa wanti jalaa kuffisu hin jiru. Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootatiin wal hin fakkaatu. Gariin uumamtootaa wanta tokko hojjachuu irratti dandeetti qabu, garuu wanta biraa irratti dandeetti dhabuu danda’u. Garuu Rabbiin olta’aan wantoota hundaa irratti danda’aadha. Dandeettin isaanii gufuwwan baay’een kan marfameedha. Garuu dandeetti Rabbii fuundura gufuun dhaabbatu tokkollee hin jiru. Mee Qur’aana irraa aayaataa (keeyyatoota) muraasa gara dandeetti Rabbii akeekan haa ilaallu:
3:29
Jedhi, “Yoo wanta qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin ifa baastan, Rabbiin wanta san ni beeka. Wanta samiwwan keessa jiru fi wanta dachii keessa jirus ni beeka. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:29
Aaya tanaa ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: “Rabbiin olta’aan iccitiwwaan hundaa, sammuu keessatti wanta dhokatee hundaa fi wanta ifa bahaa hunda akka beeku gabroottan Isaatti beeksisa. Wanta dhokataan gonkumaa Isarraa hin dhokatu. Beekumsi Isaa haala, battala fi yeroo hunda keessatti isaan kan marseedha. Akkasumas, beekumsi Isaa wantoota samii fi dachii keessa jiran kan marseedha. Wanti hanga firii xaafi gahuu ykn isaa gadi jiru dachii fi galaana keessatti Rabbiin irraa hin dhokatu. Inni “wanta hundaa irratti Danda’aadha”. Kana jechuun dandeettin Isa wantoota kana hunda keessa ni lixa. (Rabbiin wantoota hundaa beeku irratti danda’aadha.)
Kuni gabroottan Isaa akka Isa sodaataniif labsii Isarra ta’eedha. Wanta Inni dhoowwe fi isaanirraa [arguu] jibbu akka itti hin tarree isaaniif beeksisa. Sababni isaas, Inni dhimmoota isaanii hunda kan beekudha. Adabbii isaanii ariifachiisu irratti danda’aadha. Nama tursiisu yoo tursiise, yeroo kennaaf. Ergasii qabaa cimaa jalaa miliquu hin dandeenye qaba. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe,
يَوۡمَ تَجِدُ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا عَمِلَتۡ مِنۡ خَيۡرٖ مُّحۡضَرٗا وَمَا عَمِلَتۡ مِن سُوٓءٖ تَوَدُّ لَوۡ أَنَّ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَهُۥٓ أَمَدَۢا بَعِيدٗاۗ
“Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]; jidduu isheeti fi jidduu isaa (hamtuu) fageenyi dheeraan osoo jiraate jaallatti.” Suuratu Aali-Imraan 3:30
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa nama hunda fuunduratti wanti gaarii fi badaa hojjate hundi ni dhiyeefama. Namni waan gaarii hojjatee dabarse ni gammada. Kan waan badaa hojjatee dabarsee immoo dallansuu fi gaabbin isaaf ta’a. Osoo isaa fi wanta badaa hojjate jidduu fageenyi dheeran jiraate hawwa.[3]
46:33
“Rabbiin Kan samii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan hin dadhabin du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila? Eeyyen! Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu Al-Ahqaaf 46:33
Kuni du’aan booda deebifamuu (kaafamu) ragaa Rabbiin dhiyeessudha. Rabbiin irratti du’aan booda namoota kaasun wanta ulfaatu miti. Samii fi dachii guddinni fi bal’inni isaanii garmalee guddatu Kan uumee akkamitti du’aa kaasu dadhabaa? Wanta guddaa hojjatu kan danda’u, wanta xiqqaa hojjachuun akkamitti Isa dhibaa? Namni sirritti hin xinxalline “Lakki, wanta guddaa tokko hojjatee, wanta xiqqaa biraa dadhabu danda’a” jedhee akka hin yaannef, “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha” jechuun keeyyata (aaya) armaan olii xumure. Kanaafu, Rabbiin wanta hundaa hojjachuu fi uumuu irratti danda’aa ta’e, namoota du’an guyyaa Qiyaamaa kaasun Isa hin dhibuu jechuudha.
Hubannoo: Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa akka ta’ee barree fi amanne jirra. Dandeettin Isaa dandeetti uumamtootaatin gonkumaa wal hin fakkaatu. Dandeettin Isaa guutuu fi wantoota jiran hundaan kan wal qabatuudha. Gargaarsa wayitu hin barbaadu. Garuu dandeettiin ilma namaa daangefamaa, hir’inna kan qabuu fi gargaarsa alaa kan barbaadudha.
Rabbiin wantoota hunda irratti danda’aa akka ta’e yoo beekne, Isarratti akka hirkannuu fi Isaan ala wanta biraa akka hin sodaanne nu taasisa. Sababni isaas, sammuu namaa kan harkaa qabuu fi akka fedhetti dhimmoota jijjiruu Kan danda’u Isa malee hin jiru. Nu nyaachisuu fi obaasu, wanta gaarii nuuf fiduu fi wanta badaa nurraa deebisu Kan danda’u Rabbiin malee hin jiru. Kana beeku fi hojii irra oolchun goota nama taasisa. Akkasumas, Rabbiin akka sodaannu nu taasisa. Yommuu badii hojjachuuf yaannu, Rabbiin badii saniif yoosu nu qabuu fi adabuu akka danda’u yoo beekne, badii hojjachuu irraa duubatti deebina.
Guduunfaa
✓Gaddii fi sodaan kan deemu dhugaan Rabbitti amanuu fi hojii gaggaarii dalaguuni.
¶Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wantoota hundaa kan uumee fi too’atuudha.
✓Wantoonni addunyaa keessatti arginu hundi, “Ani akkanumatti of argamsiisu yookiin of uumuu hin danda’u. Uumaa na uumetu jira.” jechuun gara Uumaa isaanii akeeku.
✓Akkaatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala waa itti uumu akkaataa uumamtoonni waa itti uuman irraa addaa fi kan wal hin fakkaannedha.
¶Rabbiin wantoota hundaa irratti Danda’aadha.
✓Dandeettin Isaa guutuu ta’u kan agarsiisu keessaa tokko samii fi dachii uumuu, samii utubaa malee dhaabudha. ✓Samii garmalee guddattu tana uumuu fi utubaa malee dhaabun Rabbiin wantoota hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa.
✓Kanaafu, Rabbiin namoota du’an du’aa kaasu irratti Danda’aadha jechuudha.
Kitaabban Wabii
[1],[2]- Taysiral Kariimil Rahmaani fii tafsiiri kalaamil Mannaani- Abdurrahman Sa’diyy-fuula 56 fi 760
[3] Tafsiir ibn Kasiir- jiildi 2 fuula 31
In The Company of God- Shekh Salman Al-Awdaa
Yaa rabbi yaa Allah
Mootii hunda maraa
Yaa abbaa rahmataa
Abbaa dureessaf
Hiyyeessa
Kan feete kennite
Kan feete dhoorkatta
Kan feete utubdee dhaabda
Kan feete kuffifta
Sima abbaan rahmataa
Sima abbaan galataa
Alhamdullillah yaa rabbi yaa Allah
𝗛𝘂𝗻𝗱𝗲𝗲 𝗚𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗻
𝗜𝗯𝗻 𝗔𝗹-𝗤𝗮𝘆𝘆𝗶𝗺, 𝗵𝗮𝘆𝘆𝘂𝘂 (𝗮𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮) 𝗤𝗮𝘁𝗮𝗮𝗱𝗮𝗵 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗮𝗺𝘂 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗻 𝗱𝗮𝗯𝗮𝗿𝘀𝗲: “[𝗚𝘂𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗤𝗶𝘆𝗮𝗮𝗺𝗮𝗮] 𝗜𝗹𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗷𝗮𝗹𝗾𝗮𝗯𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗮𝘀𝗲𝗲 𝗵𝗮𝗻𝗴𝗮 𝗱𝗵𝘂𝗺𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗻 𝗷𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗹𝗮𝗺𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗺𝘂. 𝗜𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶𝘀:
𝟭) 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮 𝘁𝘂𝗿𝘁𝗮𝗻?
𝟮) 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮𝗳 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝗶 𝗺𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝘀𝘁𝗮𝗻? (𝗚𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗶𝗶𝗻 𝘀𝘂𝘂𝗿𝗮𝘁𝘂 𝗔𝗹-𝗤𝗮𝘀𝗮𝘀 𝟮𝟴:𝟲𝟮 𝗳𝗶 𝟲𝟱 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗶)
𝗝𝗲𝗰𝗵𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 (𝗸𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻) 𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝘁𝘂𝗻𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝘀𝗵𝗮𝗵𝗮𝗮𝗱𝗮𝘁𝗲𝘆𝗻𝗶𝘁𝗶. 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗻 𝗦𝗵𝗮𝗵𝗮𝗮𝗱𝗮𝘁𝗲𝘆𝗻 𝗸𝗮𝗻𝗮 “𝗔𝘀𝗵-𝗵𝗮𝗱𝘂 𝗮𝗻 𝗹𝗮𝗮 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗵𝗮 𝗶𝗹𝗹-𝗔𝗹𝗹𝗮𝗵 𝘄𝗮 𝗮𝘀𝗵-𝗵𝗮𝗱𝘂 𝗮𝗻𝗻𝗮 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗮𝗻 𝗿𝗮𝘀𝘂𝘂𝗹𝘂𝗹𝗹𝗮𝗵
(𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗿𝗲 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗵𝗮. 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗶𝘀 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗵𝗮.”)
𝗦𝗵𝗮𝗵𝗮𝗮𝗱𝗮𝘁𝗲𝘆𝗻 𝗸𝘂𝘁𝗮𝗮 𝗹𝗮𝗺𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮:
𝟭𝗳𝗳𝗮𝗮-𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘂𝘂, 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗼𝗼𝗹𝗰𝗵𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗔𝗺𝗺𝗮𝘀, 𝘄𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗴𝗮𝗱𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝗮𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗶 𝗯𝗮𝗮𝘅𝗶𝗹𝗮 (𝘀𝗼𝗯𝗮) 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝗮’𝗮𝗻 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗛𝗶𝗺𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗮𝗿𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗼𝗹𝗶𝗶 𝗹𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗸𝘂𝗻𝗻𝗶𝗶𝗻 𝗵𝗶𝗶𝗸𝗮 𝗟𝗮𝗮 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗵 𝗶𝗹𝗹-𝗔𝗹𝗹𝗮𝗵 𝘁𝗶. (𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗱𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝘂.)
𝟮𝗳𝗳𝗮𝗮𝗻-𝗡𝗮𝗯𝗶𝗶 𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 (𝗦𝗔𝗪) 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘂𝘂, 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮. 𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝗶, 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶𝗻 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝘁𝘂 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗯𝗶𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮 𝗮𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝘀𝗵𝗮𝗵𝗮𝗮𝗱𝗲𝘁𝗲𝘆𝗻𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗸𝗮𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮𝗮’𝗲 𝘁𝗮’𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗮.
𝗛𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝘁𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗳 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗷𝗲𝗱𝗵𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝘆𝗼𝗼 𝗮𝗸𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗴𝗼𝗱𝗵𝗲, 𝗱𝗵𝘂𝗴𝘂𝗺𝗮𝘁𝘁𝗶 “𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗿𝗲 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗵𝗮” 𝗸𝗮𝗻 𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗼𝗼𝗹𝗰𝗵𝗲 𝗷𝗲𝗰𝗵𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮.
𝗔𝗺𝗺𝗮𝘀 𝘆𝗼𝗺𝗺𝘂𝘂 𝗲𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗷𝗮𝗷𝗮𝗺𝗲 𝗵𝗼𝗷𝗷𝗮𝘁𝘂, “𝗠𝘂𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝗮’𝗲 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗵𝗮” 𝗸𝗮𝗻 𝗷𝗲𝗱𝗵𝘂 𝗵𝗼𝗷𝗶𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗼𝗼𝗹𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮.
𝗞𝗮𝗻𝗮𝗮𝗳𝘂, 𝗻𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗚𝘂𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗤𝗶𝘆𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗺𝗮𝗮𝗹 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗮𝗮 𝘆𝗸𝗻 𝘄𝗮𝗮𝗾𝗲𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝘁𝘂𝗿𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮𝗳 𝗺𝗮𝗮𝗹 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶𝘀𝗲 𝗴𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝘀𝗵𝗶𝗿𝗸𝗶𝗶 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗮𝗮’𝘂𝗻 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗼𝗳𝗮 𝗴𝗮𝗯𝗯𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗳𝗶 𝗯𝗶𝗱’𝗮𝗮 𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗳𝗮𝗴𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝗻 𝗘𝗿𝗴𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶 (𝗦𝗔𝗪) 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝗲, 𝗶𝗻𝗻𝗶 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝗱𝗵𝗮.
𝗥𝗮𝗯𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗵𝘂𝗻𝗱𝗮 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗵𝗮𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂
12/08/2022
Eenyutu Yeroo jalqabaatiif Iyyasuus ilma Waaqayyoti jedhee?
Deebiin isaa kana fakkaata:
Yeroo jalqabaatiif Iyyasuusin Gooftaa ykn ilma gooftaati kan jedhe nama maqaan isaa Phaawulos jedhamuudha. Seenaa kiristaanaa keessatti seenaan Phaawulos seenaa gariiba (adda ta’ee) fi ajaa’ibaati. Amanti Kiristaanaa jallisuu keessatti gahee ol’aanaa kan taphateedha. Phaawulos nama Yahuudi ture. Maqaan isaa “Saa’ol” jedhamaa ture. Inni Nabii Iisaa hin argine. Yeroo Iisaan gara Amantii Rabbiitti namoota waamu fi isaan gammachisus hin dhageenye.
Yeroo isaa jalqabaa irratti, Phaawulos Kiristaanota Iisaa hordofanitti namoota diina ta’an gurguddaa keessaa tokko ture. Inumaa, isaan adabbaa fi garmalee rakkisaa ture.
Erga Rabbiin Olta’aan İisaa gara samii ol fuudhee booda Phaawulos tasa gara Kiristaanummaaa seenu isaa labse. Erga itti seenee booda oduu addaa odeessu jalqabe. Yeroo gara Damasqoo deemu ifni akka isa marsee fi gooftaan samii irraa akka itti lallabee ni dubbata. (Barreefama asii gadii keessatti Iisaa =Yesus)
Mee wanta Phaawulos (Saa’ol) jedhe Macaafa qulqulluu gara Afaan Oroomotti hiikkame, “Hojii Ergamtootaa Boqonnaa sagal” irraa fudhannee haa ilaallu:
“¹ Saa’ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaa fi ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee, ³ Utuu adeemuus Damaasqootti dhi’aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa’e.
⁴ Lafa dha’ees sagalee, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta?” jedhuun dhaga’e.
⁵ Inni immoo, “Eenyu ati yaa gooftaa?” jedhe. Sagalichis deebisee, “Ana, Yesus, kan ati ari’attu;
⁶ garuu, ka’ii, gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta’us sitti in himama” jedheen…..
¹⁹ Nyaata nyaatees jabaate; bartoota warra Damaasqoo biras bubbule.
²⁰ Saa’ol ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, ”Yesus kun ilma Waaqayyoo ti” jedhee lallabe.
²¹ Warri isa dhaga’an hundinuu garuu dinqifatanii, “Namichi kun, isa Yerusaalemitti warra maqaa Yesus waammatan balleessuuf dhama’aa ture mitii? Addana iyyuu isaanuma hidhee luboota warra angafootatti geessuudhaaf dhufee ture mitii?” jedhanii gaafatan.”
Madda: https://zoebible.page.link/ob
Keeyyata armaan olii keessatti lakkoofsa 20 fi 21 wanta jedhe sirratti hubadhaa!
(Barreefama armaan gadi keessatti Yahuuda=Yihudii)
Ammas Hojii Ergamtootaa Boqonnaa digdami lama (22) keessatti Phaawulos (Saa’ol) akkana jechuun dubbate:
³ “Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhe, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali’el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har’aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture.
⁴ Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du’aatti nan ari’adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture.
⁵ Angafni lubootaa, yaa’iin maanguddootaas guutummaatti waa’ee kanaaf dhugaa anaaf ba ‘u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraataniitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture.
⁶ “Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi’aadhe, waareetti dingata ifni humna qabeessi naannoo kootti balaqqeessa’e.
⁷ Lafatti kufeen sagalee, ‘Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta? jedhu dhaga’e.
⁸ ‘Eenyu ati yaa gooftaa?’ jedheetan deebise; inni immoo, ‘Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari’achaa jirtu’ anaan jedhe.
⁹ Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye.
¹⁰ Ani immoo, ‘Maal godhu, gooftaa?’ jedheen gaafadhe; gooftaan immoo,’Ka’ii, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama’ anaan jedhe.
¹¹ Calaqqisa ifichaa irraa kan ka’es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan.
Madda: https://zoebible.page.link/ob
Yeroo kana irraa eegalee, Phaawulos Iisaan (Yesuus) ilma gooftaa (waaqeyyoo) akka ta’e lallabuu itti fufe. Kiristaanummaa keessatti kana barsiisuun namni jalqabaa hanga isa ta’u gahuutti dhiibbaa guddaa uume. Barnoota kana kan fudhatu gooftaa irraa akka ta’e himata. Wanta inni jedhu kanaan waa’ee isaa ilaalchise wanta namoonni beekan ni dhoksa. Barataa Yesus akka hin turree fi isaan akka wal hin qunnamne namoonni ni beeku. Garuu “Ani Gooftaa irraa barnoota argadha” jedhee waan dubbatuuf wanta namoonni irraa beekan ni haguuga. Himannaa sobaa kanaan hundee amantitti ni taphate Amalli yahuuda amanti jallisuu fi micciruudha. Kanaafu, Phaawulosis yahuuda waan tureef amanti jallisuu fi micciruu eegale. Sobaan ani Kiristaana ofiin jechuun amanti Kiristaanatti akkanatti taphate.
İisaan erga ol fuudhamee booda namtichi Yahudii kuni ergamtoota torbaatamaa hafuurri qulqulluun irratti bu’uu fi kiristaanummaan warra gammachiisaan keessaa tokko akka ta’ee Kiristaanonni ni amanu. Kiristaanonni warroota kanniin, “Ergamtoota torbaatama” jechuun moggaasu. Kana jechuun kallatti hundan ergamtoota kiristaanummaan nama gammachisaniidha.
Phaawulos hanga barsiisaa Maarqos ta’u gahuutti dhiibbaan isaa garmalee guddate. Maarqos namoota macaafa qulqulluu barreessan keessaa tokko. Maarqos garmalee Phaawulositti maxxanuun barnoota irra barate. Ammas ni jedhu, Luqaasis barataa jallatamaa Phaawulositti maxxanu ture. Luqaasi barreessa macaafa qulqulluu keessaa tokko ture.
Yaanni, “Iisaan (Yesus) ilma Gooftaati” jedhamu Phaawulos dura kan beekkamu hin turre. Garuu erga kiristaanummaa keessa sobaan seenee fi handhuura barnootaatti barsiisaa guddaa erga ta’ee booda naannoo adda addaa keessa deemun Kiristaanummaa haarawatti namoota waamu jalqabe. Ergaalee bakka adda addaatti ni erga. Ergaaleen isaa kunniin bu’uura barnoota amanti ta’an.
Tooftaa kanaan namtichi Yahuudi kuni kan isa faallessuu waan hin jirreef bu’uura amanti Kiristaanaa micciruu fi jallisuu danda’e jira. Sababni isaas, barnoota amantii kanniin Masiih Iisaa irraa argachaa jira isaaniin jedha. Isaanis kana amanuun ni fudhatan. Kiristaanummaa keessatti wanta seensisee ni seensise. Wanta micciree ni miccire[3].
Kanaafu, Iisaan (Yesus) (nageenyi isarratti haa jiraatu “Ani Gooftaadha na waaqefadhaa ykn ani ilma gooftaati” hin jenne. Garuu kan kana itti maxxanse Phaawulos. Ergasii Phaawulos irraa barattoonni isaa kan akka Marqoosi fi Luqaas macaafa keessatti barreessu jalqaban. San booda ummanni Kiristaanas wallaalummaan jara kana hordofuun jallinnaa fi dukkanatti kufan. Seenaa kana erga dubbisani booda gara ifaa fi karaa qajeelaatti akka bahan isaaniif hawwina. Karaan ifaa fi qajeelaan karaa Iisaan itti waamaa tureedha. Iisaan (Yesus) akkana jechuun ummata waamaa ture:
19:36
“Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessani. Kanaafu Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha.” Suuratu Mariyam 19:36
Kitaabban wabii
[3]Kawaashif Zuyuuf – Fuula-25-29, Abdurahmaan Habanka
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Website
Address
Nairobi
ALLAH