28/05/2022
Something
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ISLAM & OROMO, Tutor/Teacher, Nairobi.
28/05/2022
Something
28/05/2022
Hello
05/02/2022
Guyyaa Aruuza ki...miti🤣
16/12/2021
Fidaka Abi wa ummi ya Rasulallah saw
Real me
29/11/2021
Waa 7 tan Nama Halaaktu
Waa 7 Halaaktuu taate irraa fagaadhaa
Gaafii Badhaasa qabdu,
Quraana keessatti nabi Muhammad SAW maqaan isaa bakka meeqatti dubbatame.
Bakka 4, sura 3:144 33:40 47:2 48:29
GaruuBadhaasni Maastikaadha.
Hancoo na badhaasanii jennaan irraa kafaladhe anis🤣😄😂😆😂
*Islaamummaa fi Kiristaanummaa*
Wal-simatu moo wal-himatu??
*Kutaa 1ffaa*
___________
✔Jalqabarratti dhugaa baruudhaaf bu'uura amantaa kana lamaanii qorachuu qabna. Itti aansinee kitaaba amantii lamaanii hubachuu qabna. Sana booda ergamtoonni ergaman hundi amantaa kamiin akka ergaman addaan ni baafanna. Xumurarratti salphamatti inni dhugaa fi dharaa ifaan ifatti adda namaaf baha. Atis akka isa hubattee hubachiiftu ta'i! Mee amma haala armaan gadii kanaan haa ilaalluu!
*Maalummaa Islaamummaa*
✔Jechi Islaama jedhu; jecha hundeen isaa "silmii fi Salaam" jedhamu irraa dhufe. Hiikni isaa nagaya jechuudha.
✔Islaama jechuun:-akka hiika afaaniitti gad-of qabuudha. Akka hiika Shari'aatti (amantaatti) ammoo: Rabbii tokkocha shariika yookaan hiriyyoota (fakkaattota) hin qabneef, bitamuu, ajajamuu, shirkii yookaan xindeessitootaa fi warroottan shirkii dalaganii dalagsiisan irraayis fagaachuu yookaan immoo irraa qulqullaa’uudha.
Rabbiin (s.w) kophaa isaa gabbarama malee; humni biroo kan isaan wajjiin gabbaramu hin jiru.
Dhimma kana ilaalchisee Qur'aanni akkana jechuudhaan dubbateera.
﴿وَإِذْ قَالَ لُقْمَٰنُ لِٱبْنِهِۦ وَهُوَ يَعِظُهُۥ يَٰبُنَىَّ لَا تُشْرِكْ بِٱللَّهِ إِنَّ ٱلشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ﴾
*{“Yeroo luqmaan ilma isaatiin odoo isa gorsuu yaa ilma kiyya! Allaahitti waa hin xindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha , jedhe (yaadadhu)”.} [Luqmaan 31:13]*
Rabbiin alatti uumamtoota biroo Rabbiin taasifatanii gabbaruun yakka cimaadhaaf nama saaxila. Dhimma kana ilaalchisuudhaan Qur'aanni kabajamaan akkana jechuudhaan dubbateera.
﴿إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَن يُشْرَكَ بِهِۦ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُ ۚ وَمَن يُشْرِكْ بِٱللَّهِ فَقَدِ ٱفْتَرَىٰٓ إِثْمًا عَظِيمًا﴾
*{Rabbiin (s.w) warroottan isaaf shariika godhaniif dhiifama hin godhu,yakka shirkii malee jiru ni araarama, sanuu nama ofii fedheef, dhugumatti namni isaaf shariika taasise yakka guddaa uumeera.} [Nisaa'a 4;48]*
✔*Islaama jechuun*: Gabbbaramaan dhugaa Allaaha tokkocha malee hin jiru jechuudhaan ragaa bahuu fi nabi Muhammad (s.a.w) ergamaa Rabbiiti jechuudhaan ragaa bahuudha. Kuni rogoota amantaan Islaamaa irratti ijaarmte keessaa isa tokko. Ergamaan Rabbii (s.a.w) Hadiisa Abdallaa ibnu umar (R.A) irraa odeeffame keessatti akkana jedhan:
*(“Islaamummaan waan shan irratti ijaaramte; shahaadateeynii ykn immoo Ragaa lameen, salaata dhaabuu, zakaa baasuu ykn kennuu, Hajjii dhaquu (sirna hajji raawwachuu), Sooma soomanuudha.”) [Hadiisa kana Bukaaritu Gabaase]*
*Islaamummaan*: karoora waliigalaa kan heeraa fi seera of keessatti hammate yoo ta'u; akka ilmaan namaa gaarii ykn sansaka miidhagaatti qajeelaniif jecha, qajeelfama Rabbiin biraa nabi Muhammaditti (s.a.w) kennameedha.
Namni qajeelfama kana fudhatee hojii gaarii hojjate, Rabbiin biratti ittiin badhaafama. Namni didee irraa gar-gale ammoo adunyaa fi aakhirattis ni hoongeffama ykn ni salphata. Qajeelfamni sunis, qajeelfamoota Islaamummaati.
Kanaafuu; qajeelfamoota faallaa amantaa Islaamaa hordofuun bu,a maleessa akka ta,e beekuun dirqama ta’a. Rabbiin (s.w) warroota Islaamummaan alatti amantaa biroo hordofan ilaalchisee akkana jechuun dubbateera.
﴿وَمَنْ يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ ﴾
*{Islaamummaan alatti nama Amantaa biroo barbaade isarraa hin qebalamu. innis, Akiratti Nama hoongaye irraayi.} [Al-Imraan 3:85]*
Kana jechuun: amantaa Islaamaatiin alatti amantaan biroo Rabbiin biratti fudhatama hin qabu jechuudha.
Amantaan Islaamaa: qajeelfamoota murtiiwwan Aqiidaa, naamusaa, gabbartii, dalagaalee adda addaa fi filannoowwan gaggaarii Qur'aanaa fi Hadiisa qulqulluu keessatti walitti qabaman ta'ee; Kan Rabbiin (s.w) nabi Muhammad (s.a.w) irratti buusee fi gara ilmaan namaatti akka isaan geessaniif jecha ajajni isaanitti kennameedha.
Dhimma kana ilaalchisee Rabbiin (s.w) akkana jedhe.
{“Yaa ergamticha! waan gooftaa kee irraa sirratti buufame dhaqqabsiisi (geessi). yoo hin dalagin, ati ergaa isaa hin geessine
(dhaqqabsiifne). Rabbiinis namoota irraa si eega. dhugumatti, Rabbiin ummata kaafiraa hin qajeelchu.” [Maa'idaa 5:67]
Wanti Rabbiin; Qur'aanaa fi hadiisa qulqulluu keessatti buuse hundi diinii (amantii) Rabbiiti.
*Umar ibnul Khaxxaab (Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu) akkana jedhan;
“Nuti ummata Rabbiin Islamummaadhaan nu jabeesse waan taanef, jabeenya kana Islaamummaan alatti kan biroo keessa hin barbaannu.”
“Adunyaa kana gubbaa qananituu (jannatatuu) jira, Namni qananii sana hin seenin jireenya bara baraa (jannata) hin seenu. Sunis, qananii islaamummaati.
(Ibnu Teeymiyyaa)
Amantiin qananii addunyaa fi Aakhiraa nama gonfachiisu Islaamummaa qofa akka ta’e, Qur’aanaa fi kitaabbilee armaan dura buufaman keessattis ragaadhan deeggaramaa ta'ee mul'ateera. Kiristaanummaa fi amantaawwan biroo kamiiyyuu amantaa milkaa'ina addunyaatii fi aakiraati jedhamee hin ibsamne. Kunis amantiiwwan kun amantaa dhugaa irraa fagaatan ta'uu mul'isa. Mee dubbii dinqisiisaa Qur'aanni dubbate kana hubadhaa!
وَقَالُوا۟ لَن يَدْخُلَ ٱلْجَنَّةَ إِلَّا مَن كَانَ هُودًا أَوْ نَصَٰرَىٰۗ تِلْكَ أَمَانِيُّهُمْۗ قُلْ هَاتُوا۟ بُرْهَٰنَكُمْ إِن كُنتُمْ صَٰدِقِينَ
*"Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhan. Kun hawwii isaaniiti“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhi.(Suuraa Baqaraa 2:111)*
*Qopheessaan Xaahir Galatoo*
Itti fufa.....