06/09/2025
Akkam jirtu? Nageenyi badhaadhaa?
Gareen namoomaa hojii tola ooltummaa ji'oota gannaa ittiin beekamu eegaluuf qophii irra akka jiru isin beeksisuun keenya ni yaadatama.
Haa ta'uu malee hanga ammaatti hojii eegaluu hin dandeenye. Sababni Gareen Namoomaa hojjachuu hin dandeenyeef ijoon waa'ee hayyamaati. Gareen Kun hayyama baafachuuf adeemsa irra kan turee fi qaamota barbaachisu hundas dubbisaa kan jiru yoo ta'u ammatti hojiilee tola ooltummaa Ganna kanaa hojjachuuf bu'uura qajeelfama biiroo maallaqa oromiyaa lakk 02/16/119 gaafa guyyaa 21/11/2017 barraaheen hojii kenna tajaajila(tola ooltummaa)tiif maallaqa callaa ykn akaakuunis ( in kind) Nagahee malee sassaabuun akka hin danda'amne qajeelfamni haaraan waan baheef nutis kanuma qaamota dhimmi ilaallatu wajjiin marii taasisuun ji'oota gannaa kana akka duriitti hojjachuuf ulaagaaleen barbaachisan waan hin guutaminiif yeroof Sochii beekamaa barattootaaf meeshalee barnoota dhiheessuu Gareen Kun ittiin beekamu akka dhaabsifne kabajaan isin beeksisuu barbaadna.
Garee Namoomaa/Humanity Group