08/04/2026
Baqqalaa Garbaa barsiisaa yuunivarsiitii Finfinnee ture. Akka nama dhuunfaatti afaan qabatee maatii isaafi ijoolleesaa waliin jireenya qananii jiraachuu danda'a ture.
Garuu inni jiruu dhuunfaa dhiisee jiruu uummatasaa jiraachuu filate. Miidhaa saba isaa miidhamuu, gidiraa saba isaa gidirfamuu filate. "Maatiin kiyya maatii Oromoo kaaniirra hin caalu, lubbuun kiyyas lubbuu Oromoo kaaniirra hin caalu" jedhee qabsoo hadhaa'aa aarsaa guddaa isa kaffalsiisetti makame. Yeroo addaa addaatti hidhamee gidirfame. Jiruunsaa ni diigame. Maatiifi ijoolleensaa rakkoo guddaaf saaxilaman. Tasgabbaa'ee maatiisaa walitti qabee jiraachisuufi ijoolleesaa guddifachuu dadhabe. Kana hunda keessatti garuu gaafa tokkollee dhugaa uummatasaa dubbachuufi hojjechuurraa duubatti jedhee hin beeku.
Wayyaaneen, "Yoo balleessaa kee amantee dhiifama gaafatte hidharraa si hiikna” jennaan;
Baqqalaan akkas jedhee deebise;
“Yoo dhiifama gaafachuun barbaachise isiniin utuu hin taane, Uummata Oromoofi Waaqayyoon qofan dhiifama gaafadha.
1. Hacuucaan Oromoo irra ga'aa jiru hagam hamaa akka ta'e himuu dhiiseera yoon ta'ee fi kanas kanan godhe Oromoon saboota biroo waliin jiraachuu akka danda'uuf jedhee yoo hin taane saba Oromoo dhiifaman gaafadha.
2. Qabsoon ani mirga Oromoof jedhee godhe fedhii dhuunfaa koof yookiin beekamtii dhuunfaa akka naaf dabaluuf jedhee yoo ta'ee fi uummanni biyya kanaa hundi bilisummaa, kabajaa fi walqixxummaadhaan akka jiraataniif jedhee yoo hin taane Waaqayyoon dhiifaman gaafadha.
Mirga dimokiraasii fi mirga namoomaa uummata koo, kanin fedhii fi hawwii koon osoo hin taane fedha Waaqayyoon keessatti dhaladheef qabsoon ani karaa nagaa godhee fi aarsaan xiqqoon ani kaffale yakkatti lakkaa'amee seeraan ala himatamuun koo ittuu na boonsa" jedhe.
Baqqalaa Garbaa Oromoof aarsaa kaffale. Dhugaatti cichee waan hafeef maatii isaa rakkoo guddaaf saaxile. Akka abbaatti ijoolleesaaf jiraachuu dadhabe. Dhukkubsannaan yaalsifachuu dadhabe. Hidhaafi gidiraa meeqa booda biyyaa ba'ee jiruu biyya baqaa keessa, haala hin mijanne keessa qofaasaa mataa gadi qabatee jiraata!
Amma immoo gadda guddaatu itti dhufe. Haala boo'eellee awwaalachuu hin dandeenye keessatti dhala isaa dhabe. Dhala ofii dhabuun gadda jabaadha, boo'anii awwaallachuu dadhabuun immoo gadda gadda caaludha!
Kan dandeessan, kan itti dhiyoo jirtan hundi obbo Baqqalaa jajjabeessaa! Gadda kana keessatti bira dhaabadhaa! Jabina ta'aafii! Hunda caalaatti immoo Waaqayyoon kadhadhaafii!