10/11/2025
Falmata Phaawulos
1 "Yaa obboloota nana, abboota nanas, falmata ani isin dur'atti dhi'eeffadhu kana anaaf dhaggeeffadhaa!" jedhe. 2 Afaan Yihudootaatiin isaanitti dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, caalaafti calluma jedhan. Phaawulos itti fufee,
3 "Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhe, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali'el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har'aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture. 4 Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du'aatti nan ari'adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture.
5 Angafni lubootaa, yaa'iin maanguddootaas guutummaatti waa'ee kanaaf dhugaa anaaf ba 'u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraataniitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture.
Phaawulos Akka Itti Amane Himuu Isaa
6 "Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi'aadhe, waareetti dingata ifni humna qabeessi naannoo kootti balaqqeessa'e. 7 Lafatti kufeen sagalee, 'Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta? jedhu dhaga'e.
8 'Eenyu ati yaa gooftaa?' jedheetan deebise; inni immoo, 'Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari'achaa jirtu' anaan jedhe. 9 Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye.
10 Ani immoo, 'Maal godhu, gooftaa?' jedheen gaafadhe; gooftaan immoo,'Ka'ii, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama' anaan jedhe. 11 Calaqqisa ifichaa irraa kan ka'es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan.
12 Namichi, Waaqayyoof buluu isaa seerri dhugaa ba'eef, Yihudoota Damaasqoo jiran hundumaa birattis maqaa gaarii kan qabu tokko achi ture; maqaan isaas Ananiiyaas jedhama. 13 Inni gara koo dhufee, na bukkees dhaabatee, 'Obboleessa ko Saa'ol, agartuun kee siif ha