Qe'ee Kumsaa Morodaa

Qe'ee Kumsaa Morodaa Gadaan gadaa Bilisummaati horaa Bulaa deebana

10/11/2023

Dubbii_jabduu!
1⃣ 1✔
"Dhaloota kitaaba hin dubbisne waliin jireenya uumtee jiraachuuf yaaluurra, Jarreen bosona Biraazil keessa jiraatan madaksitee wajjin jiraachuutu irra salphata!"
Ďhêêbů Đhůğåå(Bulii laoshi)
2⃣ 1✔
"Akkuma Guyyaa guyyaan bilbila keenya chaarjii guutnu, Sammuu Keenya kana dubbisuun yoo guutne dandeettiin keenyas haalan of dalagdisiisti!"
Seny Sena Seifuu
3⃣ 1✔
"Dhaloonni ammaa yoo ati nagaa gaafachuuf qubee guutteyyuu hin dubbisu;garuu dhaloonni dubbisu jiraannaan Hanga ogummaaf dandeettii isaatii namni saba isaatti dhibaa'u hin jiru.
Dheebuu Haqaa(Beeniyaam)
4⃣ 1✔
Nama utuu dubbisee beekumsa hin qabatiin, akka beekaa of godhu wajjiin haasa'uu irra qofaa kee ofitti gungumtee haasa'uun gaariidha!
Dheebuu Dhugaaa (Beeniyaam Bultii)
5⃣
Namoota kitaaba hin dubbisne wajjin jireenyan jiraadhe umurii isaa hin lakkaawadhu ani !
Abdii Waaqayyoo kenne (Samuel Asfawu)
6⃣ 1✔
"Namni utuu dubbisuu danda'u dhiisu, isa tasumaa dubbisuu hin beeknerra waan caalu hin qabu"
Eebbisaa Baayisaaa
7⃣
'Namni kitaaba dubbisu xiqqoo dubbatee guddaa amansiisa;ofittoo osoo hin taane of ta'as taha. '
Kitaaba beekumsaaf soortu kamis, akkasumas dhaamsa koo
Barattoonni qormaata biyyaaleessaa kitaaba keessan akka nama torban dhuftu qormaatatti ta'utti of onnachiisaa dubbisaa;yoo nun fayyadu jettan isin hin miidhu.!

09/11/2023

What a generation jedhe konistuun

Send a message to learn more

09/11/2023

Jireenya jijjiirama qabu kan jedhamu:

1. Ka'uumsaa fi Ga’uumsa adda baafachuu
(Set point of departure and point of destination)

✅Namni tokko utuu mana ijaaruu hin jalqabin mana ijaaruu danda'uu isaa beekuu qaba. Utuu asii hin ka'in achi (galma) gahuu nan danda'aa? Jedhee of gaafachuu qaba.

2. Wantuma yeroof qaban ol guddisuu
(Maximize Temporal Value)

✅Namoonni Daandii Milkaa'inaa irra adeeman
"Karaa koo qajeelchuuf maal fooyyessuun qaba?" jedhanii gaafachuun akkaataa hojii isaanii itti fooyyessan karaa haaraa barbaadu.

3. Wantoota ulfaatoo ta'an dursitee hojjachuuf hin yaalin!
(Don't try to do the most complex things first).

✅Wantoota jalqaba hojjatamuu qabanii fi salphaa ta'an itti yaadanii jalqabuu fi hojjachuun filatamaadha.

⚠️ Always Have a Positive Attitude To Be a Better Person And Go!

❍➤ ❝ Dubbisaa ; Dubbisuun Hanga Du'aattidha ❞

🫴Maxxansa kana yoo jaalatte godhi.
❕Gorsi itti fufa...............
🔖 Join=ADD

Galatoomaa👇
'ee kumsaa morodaa

09/11/2023

Walaloo(poem)

bara kanaaf

Fuulashee ilaallaan
Buskutii fakkaatti..
Nyaatas ofeeggannoon
Naamusaan nyaatti...
Uffata ilaallaan
Dheeraa lafa gahu..
Rifeensashees meetiriin
Safaruu hin danda'u..!

Anis 𝕛𝕒𝕒𝕝𝕝𝕒𝕕𝕙𝕖𝕖𝕥𝕒𝕟
qalbiin na rarra'e..
Safuu fi duudhaa eegee
Fuudhuufan dharra'e…
Fatherii mariisiseen
Itti erge jaarsa,
Silaas facebookiin kun
Waa'eemakoo faarsa..
Wanti na mudates
Baay'ee nama aarsa😔!!

Jaarsis warra intalaan
Deemanii gaafannaan..
Qe'ee warra guddaati
Maatiikoo iyyaafannaan..

Guyyaa muraasa booda
Iyyikoo dhagahamee..
Takka "kostor" jedhanii
"Haa ta'uurra" gahame!
Koreen wayiis hundaa'ee
Qabame guyyaan cidhaa..
Cidha maaliiti abbaakoo😳
Beellama mana hidha😁

Guyyaan hundumtuu darbee
Guyyaan cidhaas nuuf ga'e..
Qe'een abbaakoo ho'ee
Uummanni itti dacha'e..
Anaa fi intalarraammoo
Laaxxummaan in manca'e!

Mushurroomaa hin hafani
Eenyumayyu yoo taatee..
Bukoi faaluunsaa hin oolu
Harki warqee fakkaate..
Haati warraakoos booda
Biddeena tolchuuf kaate!

Anis akkuma xiiqii
cimseen itti fokkore
"Maaloo nyaate naaf tolchi
Harki ormaa na 'dabbare' "

Jennaan Qimamiinkoo
"Tole Abdiyee" jette..
Daftee golatti ol galtee
Uffata hojii uffate!
Dubbiinoo dura bade
uffachuun maal fayyada..
Irra keessoon madaaluun
dhiiraa baay'ee "shawwada"!

Istoovii itti qabsiiftee
Bukoos ofbira keessee..
Bilbilaanimmoo chat
Hafuura kutti teessee..!
Anis mormakoo yaaseen
Ilaale hangan danda'u..
Warri isheen janajjantu
dhibbaaf digdama ta'u!

Eeleerraa yoo buqiftu
Daqiiqaa xiqqoo booda..
Waan ajaahibaatikaa
isiniifan hima hooda...!

Chat dhaan dabaalamee
bukoon eeleerra gahe..
Biddeena osoo hin taane
GINGILCHAA ta'ee bahe!
Kaartaa Awurooppaa
Fakkeessitee keessee..
Kanumayyuu hin aartuum
Ni kofalti teessee! 🙄

Ija hin qabneen biddeenaa
Nama qaanfachiisa..
Qaawwa jireenyaa barichaa
Nama yaadachisa!

Anis homaa hin jenne
deemeen sireerre ciise..
Yaada keessan fudhadheen
Waa murteessa jedheen dhiise!

01/11/2023

🖎🎤🎤🎤🎤WAAMICHA🤗🤗🤗🤗

👉Barsiisota guutuu Oromiyaa fi Biyyattiirra jirtan maraaf. Akkasumas,hojjettoota dhimmi kun ilaallatu hundaaf.
Dhimmi isaa waa'ee sirreeffama miindaa waan haaraa dhagahuuf hunduu eegaa akka jiru beekamaadha. Sababni isaas, haalli jireenyaa fi MIINDAAN akka WAAQAA fi Lafaa walirraa fagaachaa jira. Haata'u malee, qaamni dhimmi kun isaan ilaallatu rakkoo kana osoo beekanii ofii jireenya gaarii jiraachaa waan jiraniif callisuu malee fala tokko kennuu hin dandeenye.
Dhimmi kunimmoo dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta'eera. Jireenyi kokkee namaa qabee akka hin callisne nama taasiseera. Kanaaf haala qindaa'aa ta'ee fi tokkummaa qabuun mirga ofii gaafachuun akkasumas falmachuun waan filannoo biraa hin qabnedha.

🗝DHIMMA KANA IRRATTI NAMOOTA DHIMMI KUN ILAALLATU WALIIN WAAN HAARAA QABANNEE DHUFNA.
🔑Hammasitti peejii keenya Laayyoodha Seetee? # Jedhu kana # gochuun akkasumas,Namoota dhimmi kun ilaalu hiriyyoota keessan gara kanatti affeeraa nu eegaa!!

🔏Barsiisaa fi hojjetaan humna biyya kana sochoosuu danda'udha

😭😭😭😭😭Maal godhumee😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
11/10/2023

😭😭😭😭😭Maal godhumee😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

11/05/2022

Address

Nek'Emte
Welega

Telephone

+251914641194

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qe'ee Kumsaa Morodaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Qe'ee Kumsaa Morodaa:

Shortcuts

Share

Category