25/05/2026
Brand identity (Eenyummaa daldalaa) maali? 💥
***
Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan maqaa dhaabbata daldalaa (brand identity) tokko salphaatti kan beeysisuu fii dhaabbilee biroo irra kan adda godhu jechuudha. Innis walitti qabaa wantoota eenyummaa daldalaa tokko uumuu hunda isaaniis: maqaa dhaabbata, asxaa, halluu, boca qubee (font), Haqaara(packaging) fii ergaa kan dabalatu taha.
Eenyummaa daldalaa cimaa (Strong brand identity) jaaruun daldalaaf jaarraa 21ffaa yaroo gabaa daldalaa dorgommii taate keeysatti milkaahuuf akkaan mureeysadha. Daldalli gosa kamuu kamuu dorgomtoota isaa keeysa ol ke'ee mullachuuf eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan dorgomaa isaa caalee gabaa keeysatti beekamuuf isa gargaara akkasumaas maamiltoota hedduu hawwachuu fii amanamummaa jaaruufiis isa gargaara.
Eenyummaa daldalaa cimaa jaaruu addunyaarratti yaroo dheeraf dhaabbileen daldalaa, dhaabbilee mootummaa fii miti mootummaa akkasumaas dhaabbileen hawaasummaa fii amantilleen maallaqaa gurguddaa irratti dhangalaasun jaaracha turaniiti jiru. Dhaabbileen bebbeekamoon addunyaarratti ol ka'anii mullachuuf doolara miliyoonitaan dhangalaasun eenyummaa daldalaa cimaa jaarurratti wal dorgommurratti arkamu. Wanni kun yaroo biyya teenyattis ji'oota muraasa dura ijo dubbii tahuun arkameeti jirra. Akka fakkeenyatti Baankiin Abbaay (Abay Bank) qarshii biyya teenya miliyoona torba dhangalaasun eenyummaa daldalaa dhaabbata kiyya ni ibsa jattee yaaddu hojjachiisteeti jirti.
Eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa jaaruun sababoota hedduudhaaf barbaachisaa dha. Sababoota san keeysaa hangafoonni kunooti:
✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) dorgomtoota kumaatama eeysa maamiloonni salphaatti akka addaan si baafatan gargaara. Daldalaa addunyaa yaroo ammaa dorgommii guutame kana keeysatti eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa qabaachuun dorgommii tana irra aanuudhaf si gargaara. Kun immoo maamiltoota amanamoo (Loyal customer) qabaachuuf akkaan si barbaachisa. Eenyummaan daldalaa adda tahuu, yaadatamuu fii gabaa xiyyeeffannoo keetii wajjin kan walsimu tahuu qaba.
✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) amanamummaa fii maqaa gaarii (Credibilityl) jaara. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan gabaa xiyyeeffannoo (target market) kee biratti maqaa gaarii fii amanamummaa akka horattu si gargaara. Maamiltoonni kee yaroo meeyishaalee dhaadheeysa fii beeysisaa hunda keeysatti eenyummaa daldalaa walfakkaataa yaroo mara arkan, dhaabbata kee amanuu fii waan ati dhiheeysitu amanuuf hin rakkatan kun immoo maamiltoota amanamoo fii waahee oomisha keetii namootaaf himu siif uuma. Kuniis qooda gabaa (Market share) kee yaroo mara akka dabalaa deemu taasisa.
✔️ Eenyummaan daldalaa gurgurtaa ni guddisa. Eenyummaan daldalaa cimaan gurgurtaan tee akka dabaluuf si gargaara. Maamiltoonni dhaabbata kee ilaalchisee ilaalcha gaarii yaroo qabaatan oomisha ykn tajaajila kee bitachuuf carraan isaanii guddaadha.
✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) amanamummaa maamilaa ni jaara. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan amanamummaa maamilaa jaaruuf si gargaara. Maamiltoonni maqaa kee irratti muuxannoo gaarii yaroo qabaatan maamiltoota amanamoo oomisha ykn tajaajila kee bitachuu akka itti fufan taasisuuf carraa guddaadha uuma. Walumaagalatti, daldala bara dorgommii kana keeysatti dhaabbanni milkaahuu barbaaddu kamuu eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa jaaruuf horii dhangalaasun (invest) barbaachisaadha.
Eenyummaa daldalaa keetii irratti horii dhangalaasun (invast) hubannoo eenyummaa daldalaa, amantaa, amanamummaa, gurgurtaa fii amanamummaa maamilaa akkaan dabala. Akkasumaas dabalataan faayidaa hedduu argachuuf si dandeeysa.
dhaabbilee akka addunyaatti eenyummaa daldalaa cimaa qabanii kunooti:
: Apple wanni beekamuun Boca(design)bareedaa, oomishoota kalaqaan guutaman, fii tajaajila maamiltootaa gaarii taheen maamiltootaaf dhiheeysuudha. Eenyummaan daldalaa isaa meeyishaalee gabaaf dhiheeysu hunda keeysatti, akkasumaas marsariitii (website) isaa irraa kaasee hanga manneen daldalaa isaatti walfakkaataadha.
Kuni karaalee eenyummaa daldalaa cimaa itti jaaran keeysa tokko.
: Nike uffata atileetiksii fii kophee miila, akkasumas asxaa (✔️) iconic swoosh taheen beekama. Eenyummaan daldalaa isaa hunduu onnata fii onnachiisaan kan wal qabatu yoo tahu, Duula dhaadheeysa (Marketing campaigns) isaa yaroo baayyee atileetota duudhaalee kanneeniin faayamaniin kan agarsiisuu tahe jechuudha.
Koolaa: Kookaa Koolaan harncaata mi'aawaa fii nama mirqaansuun beekama. Akkasumaas asxaa diimaa fii adiidhan beekama. Eenyummaan daldalaa isaa hunduu gammachuu fii mirqaanan kan wal qabate yoo tahu, duula dhaadheeysa (Marketing campaigns) isaa yaroo baayyee namoota bakka hawaasummaatti Kookaa Koolaa dhudha'aa mirqaananii fii gammadan agarsiisa.
Akkasumaas dhaabbileen biyya teenya keeysa jiran keeysa Kanneen akka Baankii daldalaa Itoophiyaa (Commercial Bank of Ethiopia) , Baankii Awaash (Awash Bank), Baankii Hujii Gamtaa Oromiyaa (Cooperative Bank of oromia), Kophee Anbassaa, Aannan Maama (Mama Milk), fii kanneen biroo hedduudha.
Warriin olitti maqaa dhawe kun fakkeenya muraasa dhaabbilee eenyummaa daldalaa cimaa qabaniiti.
Eenyummaa daldalaa kee irratti horii dhangalaasun (invast), maqaa addaa, yaadatamuu fii gabaa xiyyeeffannoo kee wajjin walsimu ummachuu daldalaa keetiif akkan barbaachisaadh. Kunis galaana dorgommii kana keeysatti akka ol kaate mullattu si taasisa. Akkasumaas maqaa gaarii (Credibility) fii amanamummaa(trust) akka horattu, gurgurtaan kee akka dabalu, fii amanamummaa maamiltootaa akka arkattu si gargaara.
Jaarraa 21ffaa bara galaannii dorgommii dhaabbilee hedduu liqimsaa jiru kana keeysatti dhaabbileeniis tahe namoonni dhunfa galaana dorgommii kana keeysa ol bahanii mullachuuf akka tooftaa fii tarsiimoo daldalaa cimaatti eenyummaa daldalaa cimaa jaaruun dirqama taha.
Tooftaalee fii tarsiimoo eenyummaa daldalaa gaarii jaaruudhaf isin dandeeysisu kutaa biraa keeysatti kan waliif qoonnu taha. Hubannoon daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf wabii siif tahuu dandaha arkachuuf channel telegram join godhaa.
✍️🏿 Hundeysa Suleiman ~ Ogeeysa biyya kuush! ✨️💫
Haggayya, 03, 2024. Finfinnee Kuushlaand irraahi 🫰🏾
Hubannoo arkadhu, gararreetti mulladhu!✌🏾
fans