26/05/2026
🌙 Guyyaa 9-ffaa Kurnan Zul-Hijjah (Guyyaa Arafaa)
Caaltuu Guyyoota Addunyaa!
Har'a ibsi guutuu Hajjii kan itti xumuramu, dirree Arafaa irratti rahmanni fi dhiifamni Rabbii samii irraa itti dhangala'udha. Carraa dachaa kanatti fayyadamnee haa milkoofnu!
📌 Dhaamsa fi Barakaa Guyyaa Arafaa.
Karaa Haqaa
25/05/2026
🌙 Guyyaa 8-ffaa Kurnan Zul-Hijjah (Guyyaa Tarwiyaah)
Imala Gara Minaa fi Qophii Onnee! Har'a Guyyaa 8-ffaadha.
Har'a hujjaajoonni hunduu bifa kanaan gara Minaatti imaluun salaata isaanii gaggabaabsaa (qasrii) raawwatu. Nutis bakka jirrutti dhihaana guyyaa Arafaa isa boruutiif qalbii keenya haa qopheessinu, carraan dhumaa kurnan kanaa daddaftee nu harka keessaa ba'aa jirti!.
Karaa Haqaa
23/05/2026
Mi'aa Galataafi Bareedina Mirkaneeffannaa.
Karaa Haqaa
23/05/2026
🌙 Guyyaa 6-ffaa Kurnan Zul-Hijjah
Walakkaan Darbeera! Har'a Guyyaa 6-ffaadha.
Guyyoonni gurguddaan dachaadhaan sawaaba itti argannu suni fiigichaan nu bira darbaa jiru. Walakkaan kurnanii nu duubatti hafeera, carraan hafe immoo baay'ee xiqqoodha. Haa dammaqnu, dadhabbiifi dhuunfaa jireenyaa ofirraa fageessinee dhihaana guyyoota Arafaa fi Eid-iif qalbii keenya haa qopheessinu!
Karaa Haqaa
22/05/2026
🌙 Guyyaa 5-ffaa Kurnan Zul-Hijjah (Jummaa Mubaraak)
Walakkaa Kurnanii fi Caaltuu Guyyootaa!
Har'a guyyaa 5-ffaadha, dabalataan guyyaa dhiifamaa fi rahmataa kan ta'e Jummaadha.
Sawaabni kurnan Zul-Hijjah keessaa fi barakaan guyyaa Jummaa walitti dacha'anii nuuf dhufanii jiru. Carraa dahabaa kanatti fayyadamnee gara dhiifama Rabbii keenyaatti haa fiignu!
Karaa Haqaa
21/05/2026
🌙 Guyyaa 4-ffaa Kurnan Zul-Hijjah
Guyyoonni Gidduu Nuu Baafamaa Jiru! Har'a Guyyaa 4-ffaadha.
Walakkaa kurnan kanaa gahuuf janna. Yeroon daddaftee darbaa jirti, dachaadhaan gurguddaan sawaabaa fi dhiifamaa harka keessa nu jiru kunis akkuma kanaan fagaachaa jira. Haa ariifannu, yeroo qabnutti fayyadamnee miila keenya gara hojii gaariitti haa siifannu!
Karaa Haqaa
20/05/2026
Arraan Zul-Hijjah 3ffaa oolle, Alhamdulillaah..
Karaa Haqaa
19/05/2026
🌙 Guyyaa 2-ffaa Kurnan Zul-Hijjah.
Har'a Guyyaa 2-ffaadha! Guyyoota dachaadhaan sawaaba itti argannu kanneen keessaa baatiin suni guyyaa tokko dabarseera. Dandeettii fi yeroo qabnutti fayyadamnee ibaadaa haa heddummessinu.
Baga Guyyoota Kurnan Zul-Hijjah Kanneen Kabajamoo fi Sawaaba Dachaadhaan Namaaf Kennaniin Isan Gahe! Guyyoota bifa addaatiin qalbii itti qulqulleeffannu kana keessatti, yaadachiisa fi jechoota hikmaa gabaaboo kanneen waliin haa hordofnu:
Karaa Haqaa
18/05/2026
فضائل عشر ذو الحجة
Caalmaya kurnan ji'a Zul-Hijjah.
Karaa Haqaa
16/05/2026
Faaydaalefi Caalmeya Toohidaa... 👇
Karaa Haqaa
12/05/2026
Bu'aalee Ziyaaraa Qabrii.
Karaa Haqaa