21/12/2021
SEENAA GOOTTCHA OROMOO JAAL Jimmaa
BEEKTUU? Nama seenaa jabaa kan makiinaa woyyaanee 7 fixe!
Gooticha ija barbadaa akka leenca daggalaa Kan Dhalate ↪️Godina Jimmaa Aanaa,Saxxammaa,Ganda Doonee jedhamutti,
Abbaa isaa ➡️Dagaa,Hasan
Haadha isaa ➡️Badiriyyaa, A/Waajii irraa Bara 1957 kan dhalateedha.
Jaal Dagaan Daai'imummaa isaa erraa eegalee nama Mul'ata qabuufi nama Jagna roorroo baachuu hin dandeenye saba isaatiifis Jaallala guddaa kan qabu ta'uu seenaan jireenya isaa ragaa baha.
Bara 1977 tti Mootummaan dargii dirqamaan gara woraanaa geesse.....
Sana booda Kaambii woraana keessatti Wontootni isaratti Raawwatame waan nama rifachisuudha
Dagaan nama Amantii ofiif Eenyummaa ofii hedduu jaallaatuudha.
Guyyaa tokko dirree leenjii woraanaa keessatti Salaanni itti geenyaan Salaatuuf woduu'a godhatee jalqabe:--
Sana booda waahillan isaa Hedduun itti hidhatan.
hogganaan woraanichaa Mataa jaraa irratti Rasaasa roobsuu jalqabe namoonni itti hidhatanii jiran hundi naasuu rasaasaatiin Salaata adda kutani Inni garuu salaata ittuma fufe
Ammas gubbaa irraan itti dhukaasanus inni Salaata adda kutuu dide kushuu'aan Saalaata isaa Salatee Xumure.
Gootummaa fii Sabboonummaan Oromoo Dhugumatti kennaa Uumamaati.haala kanaan Sababa Salaata kanaa Adabbii qullaa isaa bishaan qorraa keessa tursiisuu fii nyaata namoota hedduu itti fe'uun,daandii dheeraa deemsisuun ciinqaa turanulee Inni goonkumaa of duuba deebi'uu hin dandeenye.Yeroo Saa'aatiin isaa ga'e Saalaanni kee ga'e saalati jechuun itti himuun foggoru qobaatti bakka Salaataa godhameefii Salaata ture
Gaaf tokko Hogganaan woraana wolitti qabee Namni tokko amma booda akka hin salaanne akeekachiisa kenne
Mooraa kana keessaa Isilaamni dagaa qofa jechuun ragaa bahuun Kabajaa fii ulfina goonfachiise.
Namni dhugaaf dhaabbate Yeroodhaaf qormaanni itti baay'atus boodarra ni injifata.
Amala isaa keesssaa muraasni
Nama kabajuu
Jaallachuu
Arjummaa
Jagnummaa ykn Gootummaa qabaachuun isaa ifaadha.
Dagaan kaninni ittiin beekames leenjii alaammachuu keessatti dhukaasee hin dhabu.
Haala kanaan turtii woggoota lamaafii baatii Saddeet booda leenjii Woraanaa marsaa tokkoffaa xumuree gara iddoo dhaloota isaatti deebi'e.
Erga gara maatiisa deebi'ee boodas Bara 1980 bultii ijaarrate.
Daldalaa cimaa beekamaa
Nama qabeenya guddaa qabu ture
Ta'us hacuuccaan lammiisa Oromoo eerra jiru
Ajjeefamuun hidhamuun
Tuffatamuun
Daran dabalaa dhufe: innis ilaaluu waan dadhabeef qabsoo hidhannoo gochuuf murteeffate bara 1984 woraana ABO'tti dabalame
Miseensa ta'ee osoo hin turin ogganaa caasaa WBO Shanan Gibee kan Gaatiraa keesa sachoo'u ta'e
Bosona saxxammaa seene daandii Aggaaroof---Gaatiraa mukaaf dhagaan cufee
Addaan kutee boolla qotatee seenee sodaa tokko male Diina daguugu eegale.
Naannoo Inni itti diinaan falmaa ture Bosona galli-ga'oo yoo ta'u bakki kunis Kallattii
Iluu A/booraa,
Jimmaa,Buunnoo beddellee,Gaatiraafi,
Sigimoo kanneen wol qaxxaa muraniidha.
Wiirtuule kanneen keessa taa'ee woyyaaneen qabuuf yaalanus gootichi sokossee hin qamne kun boonbiidhaaf rasaasa fayyadamee woyyaanee makiinaa 7 fixe. bakka inni taa'ee lolu kana akka jarri hubatte innis beekkatee boonbii daandii woraanni erra dhufu hundarratti awwaalee atattamaan bakkicha gadi dhiise ba'e
cimina nama kanaa ajaa'ibsiifatee mootummaan fayyaa qabaa naafidaa jedhee woraana isaa makiinaa torba ergus
Inni bootaa jijjiirratee jira woraanni mootummaa woyyaanee bonbii sanaan bakkatti dhumate.
Haala kanaan osoo diina dura dhaabbatu
Miilli isaa rukutame erga rukutamee booda dhoksaan
Gara hospitaala Naqamtee geeffamee achitti yaalame garuu Kaayyoofi qabsoo isaa of duuba hin deebine
Turtii ji'a 6 booda bosonatti deebi'e.
Madaan isaa isumanni foolii qabuun waahillan isaa anatu bira goree ciisa jechuun wol lolu turan waan hedduu jaallatanuuf.
Osoo injifannoo gurguddaa galmeessisuu yaroo sana tekilonoojiin akka ammaa kana waan hin baballaneef karaan wol quunnamtii addaa addaa hin jiru ture
haala maatiinsa keessa jiran hubachuuf gara manaa ykn gandaa deebi'ee osoo jiruu
guyyaan dhuma isaa geesse 😭
Alkan manaama argee maatiisaatti ganama ime manaamaan diinniko na'ajjeeseera zaahiraanis waan hinoolle natti fakkaata jedhe
Kan na'ajjeese diina kooti
Kanan erratti du'es lafa kooti
Kanin du'uufis saba kooti
Isiniif haadabarsu yaa maatiiko yaa lammiiko yaa ijoolleeko jedhee dubbate.
Osoo hin turin ganama sa'atii afuritti dhukaasni eeratti baname hanga sa'atii 7:00 dhuka'e innis osoo dhukaasu osoo ajjeesu rasaasa fixate jarreen itti siquu sodaattus inni du'asa baratee salaatee quraana qara'uu eegale jareen heddumaattee marsitee qabdee san booda saatii 7:30 ajeefte
Du'aa isaa hin qabaramu jechuun ummata isa woliin wolitti dhufeenya qabu baachiftee magaalaa Gaatiraa keessa naanesite.
Alkan lamaafi guyyaa lama booda jaarsoliin biyyaa woyyaanee kadhatee qabarate.
Akkasumas obboleeyyan isaa 3 qabsoo keessatti kan qooda woliin fudhataa turan Woraana woyyaanee kanaan ajjeefamanii sadeen jaraa boolla tokkotti awwaalaman!
1 Rajab,Deenoo
2 Sulxaan,Deenoo
3 Imaam,Deenoo
✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Maarre qabsa'aan nikufa qabsoon itti fufa✍️
Jaallan keenya hin dagannu
imaanaa jaraa galmaan geenya!!
Guddaa galatoomaa
Lammiiko.