Dream to Success by Ashebir Debele

Dream to Success by Ashebir Debele Dream to success

National Master Trainer,Facilitator,Personal Dev't Trainer. National Master Trainer,Facilitator,Personal Dev't Trainer.

I work With International and Local NGOs and Gov't Organizations
You can to contact me on Social Media Address I want to build the Business with you!!!
+251921125868 I work With International and Local NGOs and Gov't Organizations

Jireenya keenya keessatti yeroo hunda gammachuun qofti hin argamu. Yeroo tokko tokko gaddi, dhiphinni, yaaddoon yookaan ...
07/01/2026

Jireenya keenya keessatti yeroo hunda gammachuun qofti hin argamu. Yeroo tokko tokko gaddi, dhiphinni, yaaddoon yookaan abdii kutannaan gara jireenya keenya dhufuu danda’a. Kun garuu waan addatti nu qunnamee qofaa miti; qaama jireenya ilma namaa keessa isa tokkoodha. Akkuma bariin fi halkan wal jijjiiran, gammachuunis gaddaan wal jijjiira. Gaddi yeroo muraasaaf gara laphee keenyaatti seenuun isaa jiraachuun akka dhaabatu hin agarsiisu; inni nutti himu tokko jira hanga ammaatti ammas jiraachaa jirra, akkasumas ce’uu dandeenya.
Kanaaf, kana beektee yeroo hunda jiraachuu qabda. Yeroo gaddi sitti dhaga’amu abdii hin kutatin; inni sunis ni darba. Rakkinni har’aa si cabsu fakkaatus, boru si cimsuu danda’a. Boqonnaan jireenyaa tokko xumura jireenyaa miti. Ati sababaa jiraattuuf qabda; lubbuun kee gatii qaba; jiraachuun kees hiika qaba. Kanaaf haala hundaan of jajjabeessi, obsaan tarkaanfadhu, abdii qabaachun gara fuulduraatti ilaali. Jiraadhu—gammachuuf qofa osoo hin taane, gadda ce’anii ifatti ba’uufis jiraachuun dirqama keeti.

Ayyaana Gaarii siniif yaa tahu!!!

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Telegiraamii _https://t.me/asheeko68
t.me/asheko21

07/01/2026
02/01/2026

1246 Followers, 1362 Following, 2446 Likes - Watch awesome short videos created by Ashebir Debele

Baay'ee dadhabde,baay'ee fiigde  ijoolle kee guddisuuf iddoo tokkotti sassaabuf aarsa meeqa kaffalteAbbaa fi haadha kee ...
25/12/2025

Baay'ee dadhabde,baay'ee fiigde
ijoolle kee guddisuuf iddoo tokkotti sassaabuf aarsa meeqa kaffalte
Abbaa fi haadha kee boqochiisuf baayuma dhamaate
Obbola kee guddiste firaa fi ollaa kee sassaabde tokkummaa ijaaruf maalumatu sitti hafe
Kunoo hundaaf osoo hin tahin ofiikeefu funyoo ofitti marte
Dhamaati kee hunda biyyoo iti hammaarte
Kanaan booda si argaa miti nagaatti koode Koo isa gaafa ijoollumma gudina koof jette caakka meeqa qaxxaamurte diina meeqa qolattee anaaf dibaabe taate ofi keef rooban dhaanamte anaaf ifa har'a taate homaa jechuu hin danda'u lubbuun kee jannata naaf yaa dhaaltu.
Nagaatti hangafa Koo Obboleessa gaafa xiiqi

🔰 Qamaleen  tokko harka isaa keessatti firii oocholoonii heedduu qabatee karaa irratti deemaa osoo jiru Karaa irratti fi...
24/12/2025

🔰 Qamaleen tokko harka isaa keessatti firii oocholoonii heedduu qabatee karaa irratti deemaa osoo jiru Karaa irratti firii tokko harkaa isaatii buʼee ni kufa; ishee kaasuuf gad yoo jilbeeffatu, firii 20 harkaa isaatii ni miliqu. Baayʼee ni aaraa; firii 20 sana kaasuuf gad yoo jilbeeffatus, firii harkaan isaa irratti hafan hundumtuu ni bittinnaaʼu.
🔰 Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti, wantoota heedduu gatii guddaa kaffallee arganne, wantoota xiqqoo nuti dhabuu hin feene tokkoof jecha, karaa nuti toʼachuu hin dandeenyeen harkaa keenya keessaa ni miliqu.
Nuti immoo waan dhabne deebifachuuf yaada malee tattaafanna. Dhugumaan abdii dafnee kutachuun hin barbaachisu; taʼus, yeroo tokko tokko wantoota harka keenya irratti hafan kanneen gatii guddaa qaban hanga nu irraa dhabanitti itti fufuun sirrii miti gatii hin barbaachisne si baasisa.

Oolmaa gaarii qabaadha!!

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Telegiraamii _https://t.me/asheeko68
Keessan na argachuuf t.me/asheko21

“Maaliif?” jechuun hin gungummin; “Akkamitti?” jechuun ce’i! 🚀Namoonni heedduun yeroo qormaatni nu qunname, wanti jalqab...
23/12/2025

“Maaliif?” jechuun hin gungummin; “Akkamitti?” jechuun ce’i! 🚀
Namoonni heedduun yeroo qormaatni nu qunname, wanti jalqabaa goonu gungummii (komii) dha. Garuu gungummiin ulfaatina qofa osoo hin taane, karaa furmaataa hin agarsiisu. Akkasumas humna keenya ni nyaata.
Hubadhu:
Dadhabaa miti: qormaatni kan sitti dhufeef cimina kee akka beektuu fi akka ittin darbitu si qopheessuufidha. 💪
Filannoo qabda: dukkana irratti gungummuu irra, karaa ifa tahe barbaaduu dandeessa. ✨
Kaayyo qabda: kan uumamte waan guddaa taateef malee gufuu xiqqoon akka dhaabbattuuf miti. 🦁
Kanaaf, gungummii irra galata, dadhabbii irra cimina haa filannu.
Nu kan uumamne injifachuufidha!
Guyyaa gaarii nu hundaaf! ☀️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Telegiraamii _https://t.me/asheeko68
Keessan na argachuuf t.me/asheko21

Milkaa’inaa fi Carraa!⭐️ Yeroo tokko  dureessa addunyaa keenya keessaa kan milkaa’inaan beekamu tokko sagantaa PROGRAM t...
22/12/2025

Milkaa’inaa fi Carraa!

⭐️ Yeroo tokko dureessa addunyaa keenya keessaa kan milkaa’inaan beekamu tokko sagantaa PROGRAM tokko irratti gaazexeessitu dubartii tokkoon,
“icciitiin milkaa’ina keessani maalidha?” jechuun gaafatame.
⭐️ Innis cheeki isaa kiisa keessaa baasee isheetti kenne;
“kan si gammachiisu hanga fedhe barreessiitii fudhadhu” jedheen.
⭐️ Isheenis, “Akkas jechuu koo miti” jettee;
“Bakki ati amma irra geesse kun icciitii guddaan kee maali?” jechuun deebi’uun gaafatte.
⭐️ Innis irra deebi’ee cheeka sana baasee ishee kenne;
“Hanga fedhe qarshii barreessi fudhadhu” jedheen. Isheenis deebii sirrii akka ishee kennu gaafatte.
⭐️ Innis akkana jedhee deebise;
“Icciitii guddaan ani iddoo kana ga’eef, carraan akkuma si argatte kana osoo hin balleessiin itti fayyadameeti dha.”jedheeni deebisef
⭐️ Kanaaf, carraa isin argatte kamuu hin balleessinaa.
Mataa jabinaan (of-danda’uun) fi sodaa tokko malee carra argattanitti fayyadama.

mee hammam carraa nuti boruu itti gaabbinu har’a balleessinee jirra laata?
Guyyaa gaarii isiniif hawwa 🤝🤝
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Telegiraamii _https://t.me/asheeko68
Keessan na argachuuf t.me/asheko21

Baayina rifeensa keetin osoo hiriyaa qabaatte gaafa rakkatte of bira dhabdu moluu tahuun kee sitti Mul'ata.👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇Te...
21/12/2025

Baayina rifeensa keetin osoo hiriyaa qabaatte gaafa rakkatte of bira dhabdu moluu tahuun kee sitti Mul'ata.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Telegiraamii _https://t.me/asheeko68
Keessan na argachuuf t.me/asheko21

20/12/2025

Qalbii Akka Qubeessa (pencil)
==============================
Guyyaa tokko mucaan xiqqaan wayii yemmuu akkoon(grandmother) isaa xalayaa Qubeessaadhaan barreessitu argee, "Akkoo, xalayaan barreessaa jirtu kun waa'ee keenya kan ibsuu? Waan anaafi ati raawwannedhaa?" Jedhee gaafate.

Akkoon isaas deebistee, " eyyee yaa ilma koo waa'ee keen barreessaa jira. Haa ta'u malee barreefaman barreessaa jiru caalaa irsaasiin ittin barreessaa jiru tun hiikaa guddaa qabdi. Atis gaafa jabaattee nama guddaa taate akka irsaasii tanaa akka naaf taatuun barbaada" jetten mucaa ishee ija ija keessa ilaalaa.

Mucishis irsaasii akkoon isaa harkaa qabdu irra wanti haaraan akka hin jirre barus, " akkoo irsaasiin ati amma harkaa qabdu kun irsaasiin kan biraa irraa maaltu adda godha?" Jechuun gaafate.

Akkoon isaas Itti fufuu, " agartee yaa ilma koo, wanti hunduu akkataa ilaalcha keetiitin garaagarummaa qaba, Qubeessaan kun amaloota dinqisiisaa shan(5) qaba" jetten.

Tokkoffaa:
Qubeessaan kun harka malee barreessuu hin danda'u. Atis hojii ajaa'ibaafi hangam dinqisaa ta'e hojjettufi raawwattu illeen harka siif ta'u yoo hin qabaatin ati duwwaadha. Kanaaf hojiiwaan harka waaqayyoo kan ta'a hundaa kabaji".

Lammaffaa:

" akkuma argitu yemmuun barreessu irsaasichi yemmoo doome taa'een qara baasa ykn qara. Qaama isaa dhabus sirriti qara qabaata.
Namas yoo ta'e bu'aa bahii hedduun ni muudata, kukufaa ka'uun tarii dhukkubbi qabaachuu danda'a, garuu qormaanni yoo darbe ammoo akkuma irsaasii kanaa qara(sharp) ta'a"jechuudha.

:

" yaa ilma koo, Qubeessaa kanaan yemmuun yeroo kamitti iyyuu dogongoran raawwadhe laaphisiidhan akkan haquuf carraa biraa naaf kenna.

➡️Kana jechuun jireenya keenya keessatti sirreessun badi miti. Kufaatin yoo nu muudate illeen kufaatii keenya irraa barannee nama cimaa ta'uudha. Inumaayyuu, ofuma mataa keenya sirreessinee imaala jireenya dheeraa ( long life journey) akka deemnu nu gargaara".

inni ajaa'ibaa ammoo "ciminni Qubeessaa kana kan jiru qaama mukaa isaa kan alaa irra Osoo hin ta'in qaama isa qal'a keessa isaa dhokatee jiruu irraadha.
Namas yoo ta'e akkasuma, yoom iyyuu taanan waan guddaa kan raawwatu ykn hojjetu waan jiruudha.
Keessi keenya humna addaa ta'e qaba, waan dinqii garagaraa raawwachuuf dandeetti qaba.

yaa ilma koo keessa keetiif nageenya, gammachuufi xiyyeefannoo kenni. Yeroo mara miiraa moo'ichaa qabaadhu.
Keessa kee wanti gaariin yoo hin jiraanne wanta gaarii raawwachuuf danqa(gufuu) sitti ta'a".

:

"Maal seete yaa ilma koo, irsaasiin kun hanguma Ittin barreefame teessisa.
Atis akkasuma....imaala jireenyaa kee keessatti atis mallattoo( ) wayii osoo hin teessisin darbuun kee waan hin oolleef jireenya kee keessatti wanta kamiif iyyuu kenni.

(fingerprint) namaa garagara. Ashaaraan kee hoo maalidha? Wanti ati barabaraaf gummachitu maaliidha? Addunyaa kanarraa osoo hin darbin kee kan ta'e maal qabda? ...yeroo hundaa gaaffii kana deebiisi".

!!!!⤵️

Egaa akkuma armaan oliitti ibsuuf yaale, Irsaasiin kun hanguma doomu qaramaa,qaramaa...hojjan isaa gabaabachaa deema.

Kanaafuu Qubeessaa kun waan gaarii barreessee waan badaa, booda garuu dhumuu hin oolu.

Namonni akkasuma, addunyaa tana irraa darbuun keenya hin oolluutii:-
waan gaarii hojjenne
gaarii walii yaadnee Wal-Martedhan...bara jireenya keenyaatti ashaaraa keenya gaarii irratti haa biqilchinuun isiniin jedha!
Artist Habtamu Lamu

Address

Sululta
ASHEBIRDEBELEDIDA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dream to Success by Ashebir Debele posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Dream to Success by Ashebir Debele:

Shortcuts

Share