Dream to Success

Call Website Contact the school

Dream to Success Dream to success

National Master Trainer,Facilitator,Personal Dev't Trainer. National Master Trainer,Facilitator,Personal Dev't Trainer.

I work With International and Local NGOs and Gov't Organizations
You can to contact me on Social Media Address I want to build the Business with you!!!
+251921125868 I work With International and Local NGOs and Gov't Organizations

UTUU HIN NYAATAMIN MILIQI! ▬▬▬▬▬▬▬➨ Namichatu abjuu isaatin yeroo leenci isa qabachuudhaaf duukaa fiigu arga. Utumamiliq...
23/09/2026

UTUU HIN NYAATAMIN MILIQI!
▬▬▬▬▬▬▬
➨ Namichatu abjuu isaatin yeroo leenci isa qabachuudhaaf duukaa fiigu arga. Utuma
miliquuf fiiguu bargamoo tokko argatee damee isaa tokko irratti ba'ee dhaabate. Takka turee
gaafa asii gadi ilaaluu leencichi isa nyaachudhaaf dhaabbatee eeggachaa jira! Damee irra dhaabbate jala immoo bofa gurraacha afaan banee jiru arge. Ammas yoo as naanna'ee ilaalu hantuunni gurraachi
tokkoo fi adiin tokko damee inni irra jiru kana kukkutanii utuu nyaachaa jiranuu arge. Baay'ee na'e! Sababni isaas damee kana unkuteessanii
yoo kutan afaan leencaa fi afaan bofaa keessa bu'uu Isaati. Itti bitaacha'ee utuu jiruu, kana gidduutti mataa isaatii olitti gaagura kanniisaa
dammi guutee keessaa coccobu arge. Namichichi arraba isaa baasee coba tokko
argate. Dammichi baay'ee mi'aa. Ammas coba isa lammaffaa argachuuf arraba isaa gaafa baasu argachuu hin dandeenye baay'ee aaretu
damma mi'aa kana argachuuf yeroo baay'ee utuma yaalii godhuu, damee jalaa nyaatamaa jiru sana dagate. Kana gidduutti hirriiba isaa irraa dammaqee ka'e. Ganama obboroodhaanis abjuu isaa
kana hiiksifachuf jecha gara mana beekaa tokkoo dhaqe. Waan arge hundumaas itti hime. Beekaan sunis hiikaa abjuu isaa kana akka
kanatti hiikeef.

➨ Leencichi du'a. Bakka deemte hundumaa deemee si eeggata. Bofni gurraachi afaan isaa bane immoo awwaala keeti. Dameen ati irra teessee si jalaa nyaatamaa ture umurii keeti. Hantuunni inni gurraachi halkani. Hantuunni inni adiin immoo guyyaadha. Isaan kun ummurii kee nyaachaa jiru. Halkanii fi guyyaan hammuma dabalaa adeeman umuriin kee gabaabachaa, gara du'a si eegachaa jiruttii fi gara awwaala banamee si eegaa jirutti dhiyaachaa jirta.

➨ Gubbaa irraa dammi coccobee leenca si nyaachuuf jedhuu fi bofa si liqimsuuf jedhu si dagachiise sun immoo, BIYYA LAFAATI. Mi'aa isheetin si gowwoomsitee du'a hin hafnee fi qophii jireenya bara baraa si dagachiifti jedhanii ibsaniif jedhama.

Telegram :_👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Abjuun koo dhaloota qaroome Oomishuudha!!!! National Master Trainer and Facilitator Independent Business Owner I work With International and Local NGOs and Gov't Organizations t.me/asheko21 +251921125868 [email protected]

  Family
14/09/2026

Family

11/09/2026

Baga Bara Haaraa geessan! 🎉
Bara Haaraan kun gammachuu, nagaa, fayyaa, milkaa’inaa fi badhaadhina isiniif haa fidu. Waan gaarii hundaan kan guutame, bara abdii fi eebbaa isiniif haa ta’u. 🙏✨

!!!!!!!!!!!!!!!!!!FINFINNEE!!!!!!!!!!!!
08/09/2026

!!!!!!!!!!!!!!!!!!FINFINNEE!!!!!!!!!!!!

28/08/2026

Ayi Seeddoo!

Osoo Artist ykn tiktookara taate namni buuse wal baasa ani yaalchisu malee jedhe, garuu barsiisan inni ofi rakkate,beela...
09/07/2026

Osoo Artist ykn tiktookara taate namni buuse wal baasa ani yaalchisu malee jedhe, garuu barsiisan inni ofi rakkate,beelaye dhaloota barsiise addunyaaf nu mul'isee iddoo adda adda akka geenyu nu taasise akkasin dhukkubsate gargaarsa malee siree irratti hafu baay'ee nama dhukkubsa.

Waan dandeessanin deeggara barsiistu tana.

09/07/2026
Dhugaa jireenya Sadii⏳ Yeroon Kee Hin Darbine: Addunyaa kana irratti namni yeroon irraa darbe nama hafuurri isaa adda ci...
08/07/2026

Dhugaa jireenya Sadii

⏳ Yeroon Kee Hin Darbine:

Addunyaa kana irratti namni yeroon irraa darbe nama hafuurri isaa adda citee awwaalame qofa. Hamma lubbuun sitti jiruttti, hamma ijaan argitee miilaan tarkaanfattutti, carraan haaraan siif jira. Mukti gaariin inni kaleessa dhaabamuu qabu yoo hafe, yeroon gaariin itti aanu har'a dha!

💸 Qaala'iinsa Jireenyaa fi Dhiphina:

Dhugaa dha, waanti hunduu qaala'eera, jireenyi ulfaataadha. Garuu harka maratanii taa'uun, komachuu fi aaruun qaala'iinsa kana hin qabbaneessu. Jireenyi yeroo qaala'u, atis gatii kee dabali! Dhiphachuu dhiisiitii, dandeettii kee ijaari, maallaqa madaallii jireenyaa sana dandamachiisuu hojjechuuf of qopheessi.

🛑 Of Ceephessuu Dhaabi:

Kaleessi darbeera, deebistee sirreessuu hin dandeessu. Boru immoo harka kee hin jiru. Wanti ati qabdu har'a qofa. "Osoon kaleessa hojjedheera ta'ee... jechuu dhiisiitii, "Har'a daqiiqaa kana irraa eegalee maal gochuun danda'a?" jedhii of gaafadhu.

Ati bilaasha miti; ati nama yeroo xiqqoof daandiin isaa jalaa bade qofa dha. Dhiphina keessaa ba'i, waanuma xiqqoo siif danda'amtu har'a jalqabi. Tarkaanfiin tokko, dhiphina kuma tokko caala!

Telegram :_👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/asheko68

05/07/2026

Equility vs Equity

Address

Sululta
ASHEBIRDEBELEDIDA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dream to Success posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Dream to Success:

Shortcuts

Share