06/05/2026
Afaan Oromoo afaan hojii Gamtaa Afriikaa taasisuuf irratti hojjenna. Yaada kana jaal Dabaluu Damee Amansiisaa tu falmii dheengadda OBN dhimma afaanii fi aadaa irratti falme.
Yaadi kun akkanumaan hin kaane. Sababa:
● Afaan Oromoo Afaan Arabaa fi Afaan Hawusaatti aanee sadarkaa sadaffaarratti dubbatama. Afaan hangana bal'atu fi dubbatamu kana afaan hojii Gamtaa Afriikaa akka ta'uuf dhiibbaa gochuun dirqama dhaloota Oromoo hundaati.
● Itoophiyaan Afaan Oromoo duubatti dhiistee Afaan Amaaraa afaan hojii Gamtaa Afriikaa akka ta'uuf gaaffii ifatti dhiheessuun Oromoo aarsuu fi tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhatuuf kakaasuu qaba.
● Naannoo gaanfa Afriikaa tti afaan biyya Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudan, Jibuutii kkf bal'inaan dubbatamu Afaan Oromoo qofa.
Bu'uura kanarra dhaabbannee Afaan Oromoo afaan hojii Gamtaa Afriikaa keessaa tokko akka ta'uuf dhiibbaa uumuun barbaachisaadha. Afriikaan Afaan English fi French kanaan walitti guungumaa ooluurra Afaan Oromoo turjumaanaan illee walitti cabaquun bu ....