Jaalala Qulquulluu

Jaalala Qulquulluu Daddafii

19/09/2022


Seena dhugaarrati hundaa'e
Kutaa 15ffaa
"heloo leelloo tiyya maal si goonan garaa jabaatte akkanati narra fagaatte?" Ati akkan si jaaladhu osuma beektuu bilbla cufatte akkanatti na cinqitee?" Jedhe yeroo xumuru leelloon " jaalataa bilbilli koo hammate kanaaf bade malee si cinquuf miti aniis baayyeen si yaada ture.qaaman si biraa deemuus yaadan halkaniif guyyaa si wajjiin jira". Itti dabaluun" qophiin Eebbaa hoo akkami? Jetteen jaalataan"ani huma hin qophoofne ati qofti Naaf koottu.ati Naaf dhufnaan qophii gara biraa na hin barbaachisu" jedhe osoo hin xumurin leelloon sagalee isii akka ululleetti oonnee nama seentu saniin " jaalataa maaf akkana taata Eebbi kee boru tahu ni dagattee moo beekaa natti qoosaa jirta"? Jetteen jaaltaan "Lee tiyya dhugaa kooti" jedhee osoo hin xumurin leelloon "jaalata amma Mana rifeensaa deemu qabda"! Akkasumaas akkaata uffanna kee boruu Naaf himu qabda" jatte yeroo xumurtu jaalataan " tole amma deemen rifeensa sirreefadha" jedhee osoo hin xumurin leelloon "halluu akkami yoon ufaadhee dhufe sitti tola"? Jette gaafatte. Jaalataan "leello kan sitti tole uffadhu" jedhe gabaabsuuf yeroo jedhu leelloon irra deebitee " kan kee wajjiin wal fakkatu uffachuu barbaadeeti akka Suuraan nuuf midhagduuf" Jetteen .jaalataan "tole akkas taanaan diimaa uffadhu " jedheen. Leelloon "tole amma Mana rifeensaa deemi booda onlineniin wajjiin haasoofna" jatte bilbla cufatte. Jaalataan duraan akka nama dhukubutti ciisaa ture ka'e uffannaa sirrefatee gara Mana rifeensaa qajeele.
*
Leelloon ganama bariin kaatee magalaa demuun uffata halluu jaalataan jedhe filatte har'uma hodhisifattee gara Dirre dhawaa qajelte. Eebbii jaalataa faan sa'a booda waan ta'eef maatiin jaalataa jaalataa fi hiriyoota isaatif sangantaa laaqanaa manatti qopheesanif. Jaalataan garuu leellon bira jirachu dhabuun Gammachuu Isaa hamma tokka waan jalaa hir'isteef osoo humaa hin dubbatin sagantaan qophoofte xumuramtee yeroon Eebbaaf gara mooraa deeman.ITTI FUFAA

19/09/2022

!!


'e!
.. Namoota fagoorraa wacaa dhufan gaafan argu afuurrikoo gargar cite walitti fayye. Innis deemuuf jarjaraa “dubbii kana akka natti fiddetti narraa buusi, tahuu baatu garuu rasaasa kana siifan qopheesse ”jedhee aguuggatee daandii qal'oo karaa bitaa jiruun kute. ...itti fufa....Kutaa 19ffaa...😜😜
Cabaqni Irraantuu qalbii nama hata. Reef waggaa lama geessi. Haati Simbirees wajjin culul jetti. Obseen yeroo ijoollummaa, Irraantuu keessatti mul'atti. Anis abbaa Irraantuu yoo naan jedhan gammachuunkoo daangaa darbee kolfikoo akka tulluu fagootti mul'ata.
Irraantuu...

Kanaa'ol Badhaadhaa tin
Ammaaf asumarrattin xumura. Kitaaban gaaftokko argattuu laata? Waggaa kudhan fixus dhimmasaati, nan abdadha. Yaada waliigalaa nan fedha. Galatoomaa!

19/09/2022





dhoowwin hoteela warra Atinaafittii araada jaalallee isaa Bilisee bahuuf deddeebii isaa itti fufe. Itti gaaf akka tasaa Atinaaf osoo isaan waliin jiranuu itti dhufe isa aarsudhaaf jaalala isaanii caalatti miira addaa keessa seenanii waliif ibsu. Yoo kana Atinaaf sababa dhabe malee osoo isaan lameeniyyuu osoo hudhee itti tola. Olaanaa fi Biliseen Atinaaf inaafsifna jedhan malee jaalallii onnee isaan lameenituu qotee seenee itti hammaateera, Olaanan baruumsa akkan jaalatuu fi cimina isaatin dorgomaa kan hin qabne irraanfateetinwaa'een isaa hundi Biliseedhuma ta'eera. Biliseenis hojii duraan irratti cimtuu turte amma ammoo haalan dalaguuf gargaarsa barbaaddeetti,Bilisee san fidi,kunoo achi jedhamtu malee,ofiin waan dhiyeessuu qabduu fi iddoo fuutee dhiyeessituu wallaaltee jirti.
Amajjii 9,1999 ayyaana cuuphaa sababeeffachuun gugsiin fardaa toora Olaanaa fa'atti beekamutu ture. Waggaattii altokkoo waan ta'eef hawwii guddaadhan eegama. Sirnicharratis Olaanaa fi Biliseen hawwii guddaadhan eegachaa waan turaniif gaaficha haala addaatin yeroo walhammatanii,takkaa waldhungachaa takkaa ammoo walcunqursaa cimdiwwan sirnicha hoo'isan keessa tokko ta'aniiru, utuu xiyyeefatanii isaanuma daawwatanii aktaroota laman hindootaa fafakkaatu. Sirnicha erga xumuraniin booda hoteela Biliseen keessa hojjattu,hoteelawarra Atinaafitti waarisiisuu barbadanii waarisiisanis. Akkuma olseenaniinis Olaanan biiraa Waaliyaa,Biliseen ammoo lallaafaa fudhattee. Erga baay'ee taphataniin booda hiriyaan mana baruumsaa Olaanaa itti dhufee waan baay'ee waliin taphachaa waliin waarisiisan. Hiriyaan Olaanaa Iyyoob durumayyuu dhugaatii waan fuffudhatuuf miirri addaa itti hin dhagahamne,Olaanan garuu bay'ee machaa'ee kudhan Iyyoobin dhungata. Biliseen jaalallee kootii miti haadha warraa kooti malee jedhee si'a lamaa fi sadi ol Iyyoobitti himeera. Biliseen har'a Olaanaa akka obboleessa wagga heedduu waliin jiraataniitti kunuunsaa jirti. Dhugaatiin Olaadhaaf hin taane gad deddeebisiisuu jalqabeera yeroo kana hunda garuu Biliseen akka hadhaa ta'aafii jirti. Halkan keessaa sa'aatii 6:00 ta'eera sadeen isaanii keessaa fooyyee qabdi. "Olii borii mataa si bowwaafata ka'ii gali sa'aatin deemeeraa"jetteenii ka'anii hoteelichaa bahan. Mannii Bilisees hoteelichatti dhihoo ture. "Oliikoo baay'ee dadhabdeerta har'a manuma koo yoo bultehoo"jetteen Biliseen. Olaananis quba isaa afrattii sossaasaa "lakkii abbeenkoo eessa bulte..ITTI FUFAA

 Arrabaan nadhii biifteeFakkaatta nama haqaaJaalala sobaa kuustee Xureessite nas maqaaDhugaa natti fakkaateenJaalalaan s...
15/09/2022



Arrabaan nadhii biiftee
Fakkaatta nama haqaa
Jaalala sobaa kuustee
Xureessite nas maqaa

Dhugaa natti fakkaateen
Jaalalaan si simadhee
Kuustuu jaalala sobaa
Ta'uukee yoom hubadhe

Jaalala irra keessaan
Maaf dararta onneekoo
Jaalala kaleef tiruun
Hadheessitee jiruukoo

Jibbakeen qabu takkaa
Keessikoo si jaallata
Waliin imallaaf malee
Hin laalle mirgaaf bitaa

Jaalalaan mana jaarree
Jiruu gaarii jiraannaa
Rakkina heddus tarree
Bor bakka guddaa geenya

Jedheetan yaade malee
Siif hin yaadne hammeenya
Mee maaluman balleessee
Maaf caba waadan keenya?



Abadan sii achi
Jaalallikee nan dararu
Jiraadhu namummaakeef
An sillee hin abaaru

Waadaa kalee nyaattee
Erga taatee kan ormaa
Anis carraakoon dhabu
Been si gaggeesse amma.

Eega nagaatti siin ja'ee
Aniis sii gaggeeysee
Hammeenya kee hin himu
Namaatti sii odeeysee.

Imimmaan jaalala.😢
😢💔👈

27/04/2022
08/03/2021

?😥🤔

Maalan sitti balleessee
Maaf ulaa kee cufattaa
Waan dhufee darbuuf
Maaliif natti mufattaa?
Akkan si jaallu beekta
Onnee koorraa kaasee
Rasaasa jaalala haqaa
Durseen sitti dhukaasee

Bu'aa ba'ii hedduu baanee
Sadarkaa harraa geenyee
Warra argaa keenya jibbus
Obsa qofaan dandeenyee!
Balleessaan koo maalii,
mee natti himi ifa baasii
Uggura narra keessee jirtu
Mee jaalalaaf narraa kaasii,

Balleessaan qaba taanaan
Takka fala hin taatu jibbisii
Jaalala keenya gaafa duraa
Adaraakee bakkatti deebisii,
Maalan sitti balleessee
Maalif bakka na kaastee
Adaraa maaluma qabaa
Yoo jaalalakee na obaastee

Dhiifaman si gaafadhaa
Yoo jaalala koo hubattee
Adaraa maaluma qabaa
Yoo na waliin dubbattee?
An jaalala keef jedhee
Utuun kufee siif cabuu
Baayyeen sitti gaddaa
Gaafan sibiraa waa-dhabuu!

Guyyaan harraa bor mitii,
Hunduu oolee babbadaa
Guyyaa darbuuf jettee
Onnee hin taasisin madaa!
Oduu namaa funaantee
Hin diigiin waadaa qaalii
Balleessaakoo natti himii
Balleessaan koo maalii..?

Like and follow our Page DhDheebuu

08/03/2021

# Jaalalee koo #

Jaalallee koo akkam jirta, nagaa keetii? Ani nagaa kooti jechuun na rakkisa maaliif yoo jette ergan sirraa adda ba’ee nagaa waanan hin qabneefi.

Bareddu koo, jaalala nuti waliin dabarsine keessa koo na nyaatee, akkan xalayaa kana barreessuuf na kakaase. Mar’uumman koo ni sodaata. Wanta ati, amma dhuftu natti fakkaata. Kun immoo akka tahu shakki tokko hin qabu.

Hawwiin koo inni cimaas kana akka tahuu dha. Harraf naga’a. Lafa jirtutti si ha qaqqabu. Nagaa wajjin.

Address

Shashemene

Telephone

+251961614299

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaalala Qulquulluu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Jaalala Qulquulluu:

Shortcuts

Share