Shashemene secondary school Mini media Club

Shashemene secondary school Mini media Club Information is the power

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Teeknooloojii Adeemsa Baruu Barsiisuu Gargaaru Hojiirra Oolchuuf Yaalii Xumuruu Beeksis...
05/06/2026

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Teeknooloojii Adeemsa Baruu Barsiisuu Gargaaru Hojiirra Oolchuuf Yaalii Xumuruu Beeksise.
--------
BBO - Caamsaa 28/2018 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Appilikeeshinii adeemsa baruu barsiisuu teeknooloojii hubannoo nam-tolcheen(Artificial Intelligence)n deeggaramu( ) jedhamu misoomsuun hojiirra oolchuuf Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa yaaliif filataman keessatti kan milkaa'e ta'uu ibsuun yeroo dhihootti Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa hunda keessatti hojiira kan oolchu ta'uu beeksiseera.

Appilikeeshiniin kunis " " kan jedhamu yoo ta'u, guutumaa guututti tajaajila interneetii kan hin barbaanne, " _Offfline"n kan hojjatu, baadiyaafi magaalatti qixa kan tajaajilu yoo ta'u,
Appilikeeshinichi irratti kan fe'amu waan ta'eef salphumatti itti fayyadamuun kan danda'amu ta'uun ibsameera.

" " Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa ( 9 -12) jiran akaakuu barnootaa hunda daataan kennameef(dataset) fudhachuufi hubannoo horachuun
(Lesson Plan) kan qopheeffatu,
baruu - barsiisuu ni qindeeffata,
assaayimeentota sadarkaa eeggataniifi qulqullina qaban ni maddisiisa
yeroo gahaa akka argatan taasisuun qophii gahaa akka argatan taasisa,
barsiisotaa gahomsun qulqullinni barnootaa akka mirkanaa'u gargaara.
ammayyeessuufi salphumatti bu'aa barbaadamu galmeessisuuf barsiisota kan gargaaru ta'uufi
barattootaa gaggeessuun gahumsi barattootaa akka fooyya'u gochuu keessatti faayidaa olaanaa qaba jedhameera.

Walumaa galatti, Appilikeeshiniin 'AI' tti fayyadamuun adeemsa baruu barsiisuu keessatti barsiisota gargaaru "Agentic Artificial Intelligence Teacher Assistant" kaayyoo barnoota dijitaalessuu mootummaan keenya qabate galmaan gahuuf hojjatamaa jiru keessa isa bu'uura yoo ta'u, Ma

04/06/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Abdurahman Meribo, Dani Midaksa, Gahaan Kiyyaa Simaa, Dawud Kalu, Motora Jijjiiramaa Shaashee, Jemal Aliyi Bichessa, Maaraa Koo, Jemal Wayu, Aman Kan Jeldo Hirpo, Bashir Enginera Badhaadhina, Meseret Negashguta, Kasim Wabe, Fudhataa Carraa, Abdisa Aliyi, Hundee Roobaa Arsee, Abdisa Bukura, Kedir Beyene, Husen Jemal Jiru, Bedane Dalacha Tago, Abdiisa Bushuraa, Hallo Wodesa, Wondo Woyeso Wonago, Wolooma Woliini Wolaboomna, Getachew Mekonnen, Dejene Gelaye, Rabbii Tokkicha, Gutamma Gosee, Abee Biree, Naaf Ija'Ati Kadiir, Sanyii Gemeda Koroso Amanuel, Desalegn Nedi Bedane, Awwal Huseen, Jamaal Curraa Turii, Dasta Haji, Tamiru Moyata, Abdurahman Sukare, Musa Churiso, Lencho Haji, Fuad Rabbira, Tamam Shuku, Aman Abile, Haji Korso Mieso, Eyasu Dabeso, Abdulatif Kedir, Didole Dulacha Dukale, Singitan Gosee Tufaa, Idris Gemeda, Gemtesa Ahmed, Makiya Husin, Abay Tesfaye

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa karaa ‘Online’n Kennamuuf Qophii Xumuruu Waajjirri Barnoota Magaalaa Shaashamannee Be...
04/06/2026

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa karaa ‘Online’n Kennamuuf Qophii Xumuruu Waajjirri Barnoota Magaalaa Shaashamannee Beeksise.
=====
Qophiin qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa karaa ‘Online’n kennamu kunis buufataalee qormaataa 11 irratti haal-dureen barbaachisu xumuramuu Waajjirichi beeksisee jira.

Barattoonni manneen barnoota magaalichaa keessa jiranis qophii isaanirraa eeggamu taasisuu himuun, qabxii gahaa fiduufis yeroo qabnutti sirnaan fayyadamnee jirra jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Muhaammad Hamdee akka jedhanitti, manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa magaalicha keessatti argamaniif buufataalee qormaataa 11 keessatti qormaanni kennamuuf Koompitaroota barbaachisan mijeessineerra jedhan.

Qormaata biyyaalessaa kanaaf barattoota idileefi dhuunfaan baratan dabalatee barattoonni kuma 4215 ulaagaa guutuun qormaataaf qophii ta'uu Obbo Muhaammad himanii jiru.

Itti Aanaan Ittigaafatamaa Waajjira Barnoota Magaalichaa Obboo Kabbadaa Badhaasoo gama isaaniitiin, walumaagalatti barattoonni qormaata naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaa fi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaayan 19,360 qophii xumuruu himaniiru.

Milkaa'inna kanaaf immoo qooda fudhattoonni hundi gahee isaan irraa eeggamu bahuun qormaata biyyoolessaa kennamu milkeessuu akka qaban dhaamamee jira.

Oduu Gaddaa!Barsiisaa m/b Shaashamannee Sad.2ffaa kan ta'an b/saa   du'aan addunyaa tana irraa boqatan.B/saa Nugusee Dac...
29/05/2026

Oduu Gaddaa!
Barsiisaa m/b Shaashamannee Sad.2ffaa kan ta'an b/saa du'aan addunyaa tana irraa boqatan.
B/saa Nugusee Dachaasoo barsiisaa fi gameessa, nama hunda biratti jaalala horate, barattootaa fi hiriyyoota istaafii isaatiin kan jaalatamu, hojii barsiisummaa isaa dadhabe osoo hin jenne miira addaatiin osoo barsiisuu, dhukkuba tasa isa irra buleen yaalamaa turanii guyyaa 21/09/2018tti boqataniiru.
Sirni awwaalaa guyyaa boruu Caamsaa 22/2018tti bakka firoottanii fi hiriyyoonni isaanii argamanitti mag/shaashamannee ni raawwatama.

24/04/2026
Oduu Gammachiisaa!M/B Sad.2ffaa Shaashamanneegaree kubbaa miilaa Barsiisotaatiin garee kubbaa miilaa barsiisotaa M/B M/H...
14/02/2026

Oduu Gammachiisaa!
M/B Sad.2ffaa Shaashamannee
garee kubbaa miilaa Barsiisotaatiin garee kubbaa miilaa barsiisotaa M/B M/Hayyootaa 3:0 moo'uudhaan sadarkaa magaalaatti geeba argateera.
=================================
አስደሳች ዜና
የሻሸመኔ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት በመምህራኖች እግር ኳስ የመደ ሀዮታ 2ኛ ደረጃ ት/ቤትን 3:0 በመሸነፍበከተማ ደረጃ የዋንጫ ተሸላሚ ሆኗል፡፡

IBSA GADDAA!Kanaan dura garee kubbaa miilaa magaalaa shaashamannee keessatti   eegaa kan turee fi yeroo ammaa immoo moor...
06/02/2026

IBSA GADDAA!
Kanaan dura garee kubbaa miilaa magaalaa shaashamannee keessatti eegaa kan turee fi yeroo ammaa immoo mooraa keessatti biqilootaa fi dirree kubbaa miilaa m/b kunuunsaa kan ture Obboo umrii isaanii 62tti du'aan addunyaa tana irraa boqatan.
Sirni awwaalchaa guyyaa har'aa Ammajii 29/2018tti bataskaana Uraa'eliitti ni raawwatama.
Maatii fi firoottan isaanii hundaaf jajjabina hawwaa, lubbuun isaanii nagayaan haa boqattu.

Qorumsi Walakkaa Woggaa Semisteera1ffaa Manneen Barnoota Magaalaa  Shaashamannee Keessatti Kennamaa Jira!!Ammajii 15/201...
23/01/2026

Qorumsi Walakkaa Woggaa Semisteera1ffaa Manneen Barnoota Magaalaa Shaashamannee Keessatti Kennamaa Jira!!

Ammajii 15/2018 Manneen Barnootaa Magaalaa Shaashamannee Keessatti Qormaanni Semisteera1ffaa Bara 2018 Karaa Naamusaa fi Tasgabbii Qabuun Kennmaa Jira!!

Qormaaticha Kana Qulqullinnaa fi Hordoffii Gahaa Ta'e Taasisuun Manneen Barnoota Sad:2ffaa Keessatti Qindeessaan Garee Manneen Barnoota Sad:2ffaa Obbo Jaarsoo Hinnikkaa fi Qindeessaan Garee Bulchiinsa Qormaataa fi Madaallii Obbo Nuuraddiin Kadiir Naamusa Qormaaticha Ilaaluun Hordoffii Taasisanii Jiru!!

Barattoonnis Qormaata Isaanii Miira Tasabbii Qabuun Gaafilee Isaaniif Kenname Naamusaan Hojjaacha Kan Jiranidha!!

M/b sad.2ffaa Shaashamannetti ayyaanni sabaa fi sablammoota ummatoota Itoophiyaa bifa hoo'aa ta'een kabajamee ooleera.
18/11/2025

M/b sad.2ffaa Shaashamannetti ayyaanni sabaa fi sablammoota ummatoota Itoophiyaa bifa hoo'aa ta'een kabajamee ooleera.

Address

Abosto To Kela
Shashemene
AW

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shashemene secondary school Mini media Club posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Shashemene secondary school Mini media Club:

Shortcuts

Share

Category