03/05/2025
Sagalee tokkoon nu gahaa ittiin jechu qabna.
"Gaafa Paatrik Lumumbaa fi Kuwaamee Nikurmaa ajjeesan nuti hin dhalanne,gaafa Toomaas Saankaaraa ajjeesan nuti ijoolleedha hin geenye,gaafa Muhammad Gaadaafii ajjeesan miseensa waraanaa waan turreef gocha sirrii nutti fakkaatee ture,hardha 2025tti garuu waa heddu beeknee jirra waan ta'eef nu goyyoomsuu hin danda'an.Baankii Addunyaa fi IMF; Awurooppaanonnis ta'e Amerikaanonni nu hin barbaachisani.Nuti Afrikaanonni liqii tokko malee waan ittiin diinagdee keenya guddifannu qabna.Maqaa liqiitiin garba faayinsii isaanii taanee itti fufuu hin qabnu.Afriikaanonni sagalee tokkoon gowwomsaan keesan nu gaha jechuunii qabna"
Traa'ooree; Pirazidaantii Burkiinaafaasoo