09/12/2025
Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Himatamtoota Yakkaa Gudeeddii Raawwataan irratti Hidhaa Cimaa Waggaa 11 fi (Baatii sadiin) Adabee jira.
====================
Sadaasa 30/2018
Murtii kanaaf ka`umsa kan ta`e, himannaa A/Alangaa Godina Shawaa Lixaa fi Garee qorannaa yakkaa murtee haqaa kennisiisaa Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Lixaa waliin ta`uun galmee qulqulleessee mana murtiif dhiyeesseen:.
Himatamaan 1ffaa Maammoo(Abbuu) Zannabaa Jiraataa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Ganda Biloo Meettaa kan ta'e,seera yakkaa Rippaabilika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa Bara 1996 bahe keewwata 620 (2)D bira darbuun,yakka gudeddii kan rawwaate,
Himatamaa 2ffaa Marsimo'i (Biqilaa) Fiqaaduu jiraataa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Ganda Hurruumuu Jibaat kan ta'e,seera yakkaa Rippaabilika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa Bara 1996 bahe keewwata 605 (A,B,C) bira darbuun gaafa guyyaa 27/06/2017 halkaan keessaa tilmaaman sa`ati 7:00 Godina shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Ganda Biloo Meettaa jedhamutti waliin ta'uun midhamtuu dhuunfaa Ganda Biloo mettaa maqaan ishee (AF)hojiin ishee Barsiiftuu mana barumsa Gandichaa kan taate irratti halkaan mana isheen galtu dhaqudhaan humnaan bani jedhanii dorsisuun himatamaan 1ffaa fi lammaffaa waliin ta'uun irratti wal furuun yakkaa dirqisiisanii gudeeduu raawwachuun waan argamaniif:.
Himtamtoonni kunis Mana Murtii dhiyaachuun jecha amantaa fi waakkii gaafatamaniin gocha yakkaa ittiin himatamaan kana balleessaa ta'uu isaanii amanuun, himatamttoonni keewwatuma ittiin himatamaan jallatti balleessaa ta'uun hubatamee waan argameef:.
Manni Murtii Olaanaa Godina shawaa Lixaa Dhaddacha gaafa guyyaa 30/3/2018 Ooleen himatamtoota kanaa fi fakkaattoota isaanii kan barsiisu seera yakkaa kewwaata armaan olitti ibsame Gulantaa 34ffaa jalatti Adabbii hidhaa Cimaa waggaa 11 fi (baatii sadiin)tiin Adabe jira.