22/05/2024
.
“Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!”
— Rom. 5:10
Hojiin araarsuu guyyaa gaafa namni cubbuutti kufee kaasee kan namootan dhama'amaa ture dha.haa ta'u malee dandeetti mataa isaattin enyumtii iyyuu waaqayyootti araaramuu hin dandeenyes; hin danda'us.addaam sababii cubbuutti kufeef waaqayyoo hojii dhiifamuu cubbuuf ta'u hoola ykn bineensa ta'e tokko qaluun cubbuu addaam cubbuu addaam miti.bofuma kanan dhiigni Yesuus gaafa dhanagala'u akka dhiiga re'ootaaf jibootaa cubbuu keenyaaf nuuf golge miti,cubbuu keenya balleesse malee.dhiigni yesuus haguuga cubbuu miti balleessaa cubbuutti malee.kanaafuu ofii isaa dhiiga dhangalaasee waaqayyootti nu araarse.
“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.”
— Rom. 3:25
Enyuumti ofii isaa waaqayyootti araaramuu hin danda'u, hin dandeenyes.kanaafuu namni namaaf waaqayyo,namaaf nama fi uumamaaf uumama walitti araarsuu waan hin argamne waaqayyoo dirqama sagalee nama foon uffattee mul'atu ta'e. Hojii araarsuu al tokko barabaraaf akka ta’utti araarse.
Waaqayyootti akkamitti Araarmne.
1,Dhiiga ilma isaatiin/Du'a namummaa isaatiin
“"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”
— Yoh. 3:16
“Amma garuu Kristos Yesusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii turtan dhiiga Kristosiin dhi'eeffamtaniittu.”
— Efe. 2:13
“Amma garuu Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an, warra mudaa hin qabne,warra balleessaa hin qabnes gohbee, of dura isin dhaabachiiseera.”
— Qol. 1:22
✅️Dhiigni re'ootaa fi jibootaa lubbuu qaba malee jireenya hin qabu. Dhiigi Yesuus garuu lubbuu qofa qaba miti jireenyas qaba,jireenya dhas.
✅️Dhiigni Re'ootaa fi jibootaa cubbuu haguuguu danda'a malee cubbuu balleessuu hin danda'u.
Dhiigni Yesuus cubbuu nuuf haguuge miti cubbuu balleesse.
✅️Dhiigni re'ootaa fi jibootaa saba tokko Israa'elootaf dubbata,dhiigni Yesuus garuu saba hundumaa uumama hundumaaf dubbata.
✅️Dhiigni re'ootaa fi jibootaa aarii waaqayyoo qabeessu malee hin balleessan,dhiigni Yesuus aarii waaqayyoo qabanneessuu duwwaa miti dhiifa ilma isaatii waan quufef waaqayyoo aarii nurraa hin qabu.
✅️Dhiigni re'ootaa fi jibootaa halkaan tokko bulee qorra,dhiigni Yesuus garuu ammayyuu ho'aadha.
Egaa dhiigni Yesuus cubbuu hundumaattii nama qulleessa garuu cubbuu lammatti qulleefamun ni ulfaata.
A,Kunis Yesuus kiristoos amanuu dadhabuu.
Mat 12;32 hafuura qulqulluu irratti dubbachuu hafuura qulqulluutti qoosuu utuu hin taane Yesuus kiristoosin amanuu dadhabuudha.
B,Kiristoos ganuu
Ibr 6;4-5 Ga'anii garagaluu jechun cubbuutti kufuu utuu hin kiristoos amananii ka'anii deebisanii gurguruudha,deebisanii fannisuudha.
2,Araara Waaqayyoottiin dha.
“Kanaafis kun akka araara Waaqayyootti malee, akka jalaala yookiis dhama'a namaatti miti.”
— Rom. 9:16
✅️waaqayyootti enyuumtuu ofii isaa araaramuu hin danda'u, akkasumas enyumtti nama waaqayyootti araarsuu hin danda'u. Kanaafuu kadhannaa keenyaan ykn barbaachaa keenyaaf waaqayyo nutti araarame otoo hin taane,fedha isaan utuma nutti diina isaa taanee jirruu ofii isaa isa balleesse jirutti balleesaaa lakkaa'uu dhiisee balleessaa isaanimmoo ofitti fudhatee araara isaan uffitti nuun araffate.
3.Ayyaana Waaqayyootiin dha.
“Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;”
— Efe. 2:8
✅️Ayyaanni Waaqayyoo karaa amantii kan kenamu yoommuu ta'u innis kiristoos Yesuusitti amanun kan namaaf kennamu kenaa tolaatti.ayyanni tola jechun tola hin dhufne.akkasumaa tola yoo fudhanne tolan itti hin jiraannu,ittin fayyuuf ayyaanni tola nuuf kenameera itti jiraachuuf garuu gatii nu gaafata.
4.Dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin
“Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise.”
— Tit. 3:5
✅️Nuyi Waaqayyootti kan araaramne gaafa cuuphaa bishaanin cuuphamne yķn gaafa afana haaraa dubbane,ykn gaafa tajajiluu egale otoo hin taane,gaafuma jalqaba harka keenyaa ol.kaaffannee Yesuusitti amane hafuurri qulqulluun ni dhiqee ni qulleesse.
Nuyi kan qoloofne hojii fannoo irratti cinaacha Yesus keessaa yaa'e lamaniindha.cinaacha Yesus keessaa kan bahe dhiigaaf bishaaniidha.
✍️Dhiigichi cubbuutti furamuu keenyaa yommuu ibsu
✍️Bishaanitti warri furaman jireenyaaf qulleeffamu isaanii kan ibsu dha.
Kanafuu dhiigichaan qulloofneera bishaanichan immoo jireenya arganneerra.
Amen Haleeluyyaa!
👉Yesuus enyuuf enyuu araarse.?
1,Namaf waaqayyoo walitti araarse.
“Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”
— 1Yoh. 4:10
“Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!”
— Rom. 5:10
👉Waaaqaaf lafatu walitti araarame.
“Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kristos isa fannoo irratti dhangala'eenis lafa irratti, waaqa irratti nagaa buuseera.”
— Qol. 1:20
“Kunis,Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne.”
— 2Qor. 5:19
👉NAMAAF NAMA WALITTI ARAARSE.
“Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse.”
— Efe. 2:16
Kan wal lole?
👉Ergamootaa fi waaqayyoo.
👉Namaaf waaqayyoo
👉Namaf nama
👉Biyya lafaa fi waaqayyoo
Kan araarame.
✅️Namaaf waaqayyoo
✅️Namaf nama
✅️Uumamaa fi uumaa
“Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol gale; nuufis furee bara baraa argate.”
— Ibr. 9:12
.
Amen Haleeluyyaa
YESUUS NI DHUFA
Adaara kessaan hiriyyoota Kessaannif share godha barnoota itti Fufa kana na faana hordoofa
Please 🙏 invite
✍️ Sami Jesus