Lalisa Hirko G.

Lalisa Hirko G. Learn Today For Tomorrow success

 _____________1, → Dubbachuun dura, Yaadi!2, → Mallatteesuun dura, dubbisi!3, → Barsiisuun dura, baradhu!4, → Gorsuun du...
15/08/2023


_____________
1, → Dubbachuun dura, Yaadi!
2, → Mallatteesuun dura, dubbisi!
3, → Barsiisuun dura, baradhu!
4, → Gorsuun dura, hojiin agarsiisi!
5, → Muruun dura, safari!
6, → Ajjeesuun dura, bakka buusi!
7, → Xiinxaluun dura, hubadhu!
8, → Amanuun dura, mirkaneeffadhu!
9, → Du'uun dura, qalbii geedaradhu!
10,→Murteessuun dura, qoradhu!
11,→Hojjechuun dura, karoorsi!
12,→Dhukaasuun dura, ilaami!
13,→Deemun dura, abdii horadhu!
14,→ Qoosuun dura, adda baafadhu!
15, →Nyaachun dura, hojjedhu!
16, →Dhiibuun osoo hin taane, malaan
hojjadhu!
17, →Taa'uun dura iddoo ilaalladhu!
18, →Yeroo dubbattu, waan ijoo qofa
dhubbadhu!
19,→Yommuu aartu, dafii tasgabbaa'i!
20,→Yommuu mariyattu, hubataa ta'i!
21,→Yoroo murteessitu, gara kuteessa ta'i!
22,→Yommuu rakkattu, dafii mala dhahi!
23,→Yommuu fudhattu, lakkaa'i!
24 →Karoorsuun dura, xiinxaliitii madaali!
25,→Waada humnaa olii hin seeniin; waadaa seente hin dagatin!
_______|°°°°|________
Follow on Telegram:
https://t.me/lalisahi
Yoo ni fayyada jettan gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa!

Lalisa's channel

06/08/2023
18/07/2023

GUYYAA GUYYAAN QAAMA DHIQACHUUN (daily showering) fayidaa moo miidhaa qabaa?
****************************
Guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyaa gogaa keenyaa ni huba! Akkamitti?
1. Qaamni keenya uumamaan dibata ofirraa qabu balleessuudhaan akka gogu taasisa. Qaamni keenya yoo gogu ammoo qaawwa xixiqqoo (crack) baasuudhaan:
● Baakteeriyaan dhukkuba nama qabsiisan qaawwa sanaan seenanii akka infection uumanii fi
● Waantoonni alarjii namatti fidan/kaasan qaawwa sanaan seenanii alarjiif akka nama saaxilan taasisa.
2. Saamunaan nuti guyyaa guyyaan fayyadamnee qaama dhiqannu kan farra bakateeriyaa of keessaa qabu yoo ta'e ammoo baakteeriyoota uumamaan gogaa keenya irra jiraatan (kan ofii isaanii dhukkuba nama hin qabsiifne) dhabamsiisuun, baakteeriyoota hamoo dhukkuba nama qabsiisaniin akka bakka bu'an taasisa!
3. Qaamni keenya maadiinummaa (immunity) waantoota alagaa ta'aniif akka hin horanne taasisuu danda'a. Kunis guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun carraa qaamni keenya waantoota naannoo jiraniin wal-argee, maadinummaa haaraa waan arge kana irratti horachuu isaa waan gadi buusuuf dha.
****************************
Namoonni tokko tokko garuu guyyaa guyyaan qaama isaanii dhiqachuuf sababoota armaan gadiif barbaaduu danda'u:
1. Foolii qaamaa badaa kanneen ofirraa hambisuuf dhiqachuu barbaadan.
2. Hirriba irraa yoo dammaqan miiraa gaariin gara hojii deemuuf warreen dhiqachuu barbaadan.
****************************
Walumaa galatti, guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyummaa qaama keenyaaf gargaarsa kan hin goone; gogaa keenyaa ammoo akka hubuu danda'u beekuun barnaachisaadha.
****************************
Fayyaan Faaya!
Dr. Gurmeessaa

20/05/2023

➢GORSA ◈
◈Waa 3 To'adhu
➭1/ Arraba kee
➮2/ Amala kee
➮3/ Fedhii kee
◈Waa 3 dhiisi!
➥1/ Abdii kutachuu
➥2/ Badii hojjechuu
➥3/ Nama tuffachuu
◈Waa 3 ta'i!
➢1/ Beekaa
➢2/ Amanama
➣3/ Arjaa
◈Waa 3 jibbi
➩1/ Oftuulummaa
➩2/ Jibba
➩3/ Gara jabina

Address

Nekemte

Telephone

+251925833915

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lalisa Hirko G. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Lalisa Hirko G.:

Shortcuts

Share

Category