23/01/2026
jijjiiruuf murtoo si gaafata!
➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️
kana keessatti jireenya barbaadde jiraachuuf furtuun isaa harkuma kee keessa jira. Ati erga gaafa gara dachee kanaatti dhuftee waggoota hedduu lakkoofsisuu dandeessa. Sun waan nama raaju miti. Waggoota kee akkamiin dabarsite kan jedhutu waan dursuuf. Ati jireenya baroota darbanii har'as isuma jiraachaa jirta taanaan bara jireenya keerratti waggaan dabalamuun hiika hin qabu.
ilaalchi, yaadi, mul'atni, karoorri, hojiin, walitti dhufeenyi ati namoota waliin gabdu oolee bulee jijjiiramaa hin adeemu taanaan siif jiraachuun hiika hin qabu jechuudha.
Qooda gammachuun jiraachuu qabdu of abaaraa jiraatta.
uffata,nyaata,mana,miindaa fi kkf jijjiirrachuuf carraaqxu osoo dursitee ilaalcha kee jijjiirrachuu irratti xiyyeeffatte bakka guddaa geessa.
Joobirri of hareessuun bara dheeraa jiraatu
Atis dafii of haaressi, ilaalcha moofaa of keessaa baasi.
yaadde gahuuf hawwii qofaan yeroo kee hin gubiin hamma dandeessu hojjedhu. Yeroo kee hojiidhaan malee haasaa namootaan of jalaa hin gubiin.
💯 dhaabbachaa jirtu haleelii ilaalladhu! Gatiin kee bakka ati dhaabbachaa jirtu sanaan tilmaamee akka gadi sijalaa hin buuneef. Uffannaa orjinaala tokko gatii isaaf maluun gurgurachuu yoo feete, bakka uffaannaan sun kaa'amee fayyadamtootatti dhiyaatu mijeeffachuu qabda.
Uffannaa sana fuutee daandii gubbaa afteetta taanaan gatii isaaf maluun gurgurachuu hin dandeessu. Sababni isaa bakka inni jirutu gatii sanaaf hin baramne.
Bakki ati dhaabbattee of mul'isuuf, jijjiiramuuf, guddachuuf, milkaa'uuf yaaltu murteessaadha.
kee kan murteessu si mataa keeti!
Horaa bulaa deebana! Gadaan Quufaa Gabbina!