Baruu fi Barsiisuu".

Baruu fi Barsiisuu". Ani mucaa waaqayyooti

06/08/2024


DHAGAA MATAA GOLEE QAJEELCHU, ISA FO'AMAA, GATI-QABEESSA
Caaffata qulqullaa'aa keessa, “Kunoo, dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa, isa gati-qabeessas Xiyoon keessa nan kaa'a; inni isatti amanatu immoo hin yeella'u” kan jedhu jira*. Isin warra itti amantaniif dhagaan kun gatii guddaa qaba; warra itti hin amanneef garuu, caaffanni qulqullaa'aan akkuma jedhutti, “Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e”*. Akkasuma immoo, “Inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisus ta'e” in jedha; isaan sababii dubbichaaf abboomamuu didaniif in gufatu, kunis isaan irratti yaadamee ture*... 1Phex 2:6-8

Waaqayyo dhagaa barbaachisaa gosa armaan olii kana gaara xiyoon irra kaa'ee akka jiru dhugaa baha. Dhagichii isa mataa golee qajeelchu isa fo'amaa fi gati qabeessadha. Dhagaan gati qabeessi kun dhagaa jireenyaa fi isa dhaqdhaqii cubbuu keessaa qabatanii ka'anidha. Garuu hedduun dhagicha irra tarkaanfachuuf utuu yaaluu itti rukutamee gufate. Hedduun dhagichaan gufatee, kaan immoo gufatee dhagicha qabatee oole. Dhagichi durumaan xiyoon keessa ture............. ..namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama dhiphinnii fi muddamni itti baay'ate ture; inni akka nama tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta'e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.. Isay 53:3...

Ergaan kun waayee dhagicha isa namoonni tuffatanii bakka bu'a. Dhagichi ilma Waaqayyo yesusiin bakka buufama. Dhagaa mataa golee qajeelchu, isa fo'amaa fi gati qabeessa ture, garuu hedduun isaan gufatanii badani. Sababii gufannaa kan ta'e isa tuffachuu saba warra inni barbaacha isaan gidduutti foon uffatee dhalateeti. Ormootatu dhaqee dhagichaan lafaa ka'e, warri guutummaan sagalee raajii waayee isaa dhaga'anii fi hojii isaa isa dinqisiisaa argaa guddatan garuu isaaf kabaja malu hin laanne. Har'ayyuu ulfinni Waaqayyoof malu warra dhugicha beekan harkatti bade. Dhagichi isa utuu harki namaa itti hin bu'iin isa biyya lafaa keessatti Waaqa biraan of ga'e mootummaa bineensichaa caccabsuuf Waaqa irraa fottoqee dhufedha.
Utuma ati ilaaltuu, dhagaan utuu harki namaa itti hin bu'in fottoqee dhufee, jilba fakkeenyichaa gad isa sibiilaa fi suphee sana rukute caccabse. Achumaan sibiilichi, suphichi, sibiilichi diimtichi, meetichi, warqichis caccabee hurraa'ee, akka habaqii bonaa isa lafa oobdii midhaanii ta'e; hurraan isaa tokko illee akka hin hafnettis qilleensi isa fudhatee sokke; dhagichi inni fakkeenyicha rukute garuu tulluu guddaa ta'ee biyya lafaa guute...Dan 2:34-35

Egaa dhagichi inni gati qabeessi isa utuu namni itti hin bu'iin Waaqa irraa fottoqee dhufe, Waaqa Waaqa irraa adda utuu hin ba'iin Waaqummaa isaan foon uffatee ilmaan namootaa gidduu jiraate hedduuf sababii lafaa ka'uu hedduuf immoo har'ayyuu sababii gufannaa ta'ee ilma Waaqayyo yesus kristoos mataa isaati. Inno akkuma phexiroos caafe isa fo'amaa fi isa gati qabeessa jireenyaaf ooludha. Isa malee wanti fo'amaa (brand) fi gati qabeessi Waaqa irras lafa irras hin jiru. Guyyaa dhumaatti xiyoon ishee lafa irraa keessatti Waggaa kuma tokkoof kan mo'u har'as immoo teessoo Waaqayyo irra taa'ee mo'aa kan jiru isa fo'amaa sanadha. Jireenyi keenya kan inni hiika godhatu mootummaa isa fo'amaa fi gati qabessa sanatti yoo harka keenya laadhanne qofaadha. Yesus yoo itti rukutaman dhagaa gufatanii badani, yoo itti hirkatan hirkoo ittiin jireenya du'a garasii argatanidha. Inni isa waaqa irraa gadi bu'ee utuu qeesaarii roomaa caccabsa jedhanii eeganii mootummaa seexanaa isa waraanni mootummoota gamtoomanii hin dandeenye sana hurreessee aangoorraa molqee boojuu booji'ame guuree waldaa isaa keessatti kuusee ol bahedha. Qabeenya isaaf immoo deebi'ee dhufa, dhagichi Waaqa irrattis lafa irrattis baruma baraan mo'aadha.Ameen!
Korsa Adugna

NAGAAAddunyaa kanarraa namni kamuu nagaa argatee jiraachuu Barbaada. ➡️ maalif yoo jennee namni nagaa qabuu bakka yaade ...
27/10/2020

NAGAA

Addunyaa kanarraa namni kamuu nagaa argatee jiraachuu Barbaada. ➡️ maalif yoo jennee namni nagaa qabuu bakka yaade hundumaa ga'uu danda'aa. waan ta'eef. ➡️ akka yaada isaattis jiraachuu danda'a➡️ nagaan jireenya namaa keessatti bu'uuraa Dhala namaatii.➡️kanaaf warri nagaa qabdan waaqayyoo isa nagaa guutu isiniif kenne kana galatoomi jedhaanii comentiif like share godhaa

27/10/2020

Address

Nekemte

Telephone

+251961305850

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baruu fi Barsiisuu". posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Baruu fi Barsiisuu".:

Shortcuts

Share