12/08/2025
...!
Yoo jiraachuuf, jireenya amma wal'aansoo si qabaa jirus mohachuuf kutatteetta tahe seenaa kana dubbisi. Jireenyuma kee keessatti fuulduratti deemuu malee duubatti deebihuu ishee jedhamtu irraanfadhu! Yoo d**tes osoo fuulduratti deemtuu baddu bahi. Mootonni lama Tooftaa lolaan addunyaa keenya irratti beekamoo tahan Aleksaander guddichiifi Koortes Hermaan seera tokko loltoota isaaniif baasani.
Seerri kunis yeroo loltoonni isaanii markabaan galaanota gara garaa cehanii biyya biraa weeraranitti markaba isaanii isa ittiin cehanii biyya sana galan akka gu-ban kan abboomudha. Tooftaan lolaa kunis "b-urning the boats" jedhama. Maaliif gu-bu yoo jedhame immoo yoo markabni isaanii gubate kan ittiin duubatti deebihanii baqatan waan hin qabneef filannoon isaanii fuulduratti deemuufi lolanii mohachuu qofaa tahaa jechuudha. Aleksaander guddichi tooftaawwan l-olaa kana fakkaataniin addunyaa gar tokkoo ishee qabate. Kanaaf amma guyyaa hardhaattis mootota biyya lafaa kana irratti bulchanii darban keessatti " Isa Guddicha" jedhamee waamama.
Jireenya kee keessatti markaba gara duubaatti ittiin deebitu hin gu-bdu taanaan eessuma illee hin geessu jaalako. Fuulduratti deemuun salphaa akka afaaniin haasahan sanaa miti waan taheef, wantoota barbadeessuu qabdu hedduu si gaafata. Hiriyaa taanaan, qannoo taanaan, dhabuus taanaan, milkaahina iyyuu fakkaatee lafa gahuu qabdu irraa duubatti si deebisaa jira taanaan ariifadhuu ibidda itti qabsiisi.
Galatoomaa.