Shop

Shop Siif galeeraa

12/11/2023

Barruu kana yeroon barreessu miira mufii guddaan akka ta'e naaf hubadhaa!

Haala ittiin eegalee fi haala inni amma itti jiru tokkon isiniif kaasuu barbaada. Telebirr jalqaba yeroo hojii eegalu paakeejii yoo irraa guuttattanii f airtime yoo irraa bitattan 10% waliin isiniif kenna ture. Kanarraa kan ka'e app ani yeroo hundaa itti fayyadamu ture.

Kanarra darbees dhimmoota kaffaltii garaagaraa fi account baankiiwwan garaagaraa gidduutti maallaqa daddabarsuuf Telebirr kanan fayyadamaa ture. Sababni isaayyuu homaa tokkollee hin muratu ture. Kaampaanii mootummaa erga ta'ee waan hundaa nan borca jedhee haa ta'u jedhameetu malee mirga kamiin telecom maallaqa daddabarsuu hojjeta ture?

-------------------

Inni lammaffaa dhimma ATM card CBE ti. ATM Card CBE qarshii 1000 keessatt qarshii 3.5 kuta. Kuma 10,000 gadi taanaan dirqama ATM fayyadamuu qabdu jedhamneerra. Fakkeenyaaf ani qarshii 8,000 baafachuu yoon barbaade qarshii 28 narraa kutata jechuudha. Kun qarshii guddaadha. Maamila account banatee fayyadamu irraa qarshii amma kanaa kutuun aad-malee fi saamicha guddaadha.

Karaa biraa immoo Telebirr-tti maallaqa dabarsuuf Per transaction qarshii 10 sirraa murata. Qarshii shan illee yoo dabarsite qarshii 10 murata. Dirqamaan akka Telebirr fayyadamtu erga taasifamee maalif Charge amma kana taasisan?

Dirqama ta'ee mindaan hojjettoota mootummaa baay'een karaa CBE kaffalama. Maallaqa sanammoo si'a tokkoon hin baaftu. Dirqama ATM fayyadamta. ATM irratti immoo akkaataa kanaan nyaatamta jechuudha.

Saamichi seera qabeessi akkanaa kun to'annaa dhabuu dhaabbilee deeggarsa faayinaansiitiin uummatarra gahaa jira. JKun waan baay'ee nama mufachiisudha.

Isin maal jettan?
Isinitti hin dhagahamnee?
Dhumarra hundi keessan taasisaa.

Viva: Ifargan Guddataa Itichaa

14/06/2020

WAAN XIXIQQOO TUFFADHU

Ati nama guddaadha. Addunyaan kunis waan guddaa sirraa eegaa jirti. Kanaafuu, waan xixiqqoo tuffadhuu bira darbiitii waan guddaa sirraa eegamaa jiru sana fiixaan baasi!

14/06/2020

Address

Nek'emte

Telephone

+251912200529

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shop posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Shop:

Shortcuts

Share