14/06/2022
Barreessitoonni ogbarruu Afaan Amaaraa sadarkaa amma irratti
argamuun gahan, isaan afaan isaanii afaan biraatiin hiikkatan ta'uu
hunduu irratti waliigalu.
Ba'aaluu Girmaa fi Sibihaat G/Igzaabeeriin alatti asoosama Afaan
Amaaraa yaaduun ni rakkisa. Tsaggaayee G/Madihiin (Roobaa
Qawweessaa) ammoo diraamaa fi ogwalaloodhaan kaasuu dagachuu
gonkumaa waan hindanda'amneedha.
Walaloos yoo ta'e Salamoon Dheereessaatiin alatti eenyutu dursa
eeramuu danda'a?
Hayyoonni tokko tokko ammoo hiikkaa amaariiffaa Saahilasillaasee
Birhaana Maariyaam malee yaaduun hindanda'amu jechuun, ogbarruun
afaan Amaaraa amma jiru kan hayyoota saba biraatiin sadarkaa kana
geessifame ta'uu dhugaa bahu.
Kanaafuu ogbarruun Afaan Amaaraa kan ''Itoophiyaati'' jechuun mormu.
Osoo ogbarruu afaan Amaaraa hammayyaaf sadarkaan kan bahu ta'ees
barreessitootuma gammeessoota saba biraa sanatu sadarkaa
tokkooffaa qabata ture jedhu hayyoonni.
Tsadayi Wandimu, Yunvarsitii Maqaleetti profesarri gargaartuun
afaanoota biyya alaafi asoosamaa, barreeessitoonni kunneenis osoo
afaanoota biraatiin barreessuu danda'anu Amaariffaan kan barreessaniif
danaa ogbarruu mataasaanii kan ijaarratan jechuun ibsiti.
Yeshaaw Tasammaa Kotabeerraa ammoo 'ogbarruun amaariffaa sangiin
lakkaa'a yoo jettee qullaasheetti hafti' jechuun ibsu.
Kanaafis, Ba'aaluu Girmaa, Salamoon Dheeressaa, Gabayyahu Ayyala,
Amaaraa Maammoo, Tsagaayyee G/Madihiin Qawweessaa, Mulugeetaa
Luulee, Taaboor Waamii jechuun kaasuun, ogbarruun Afaan Amaaraa
eenyuun akka barraa'ee ifatti hubachuun ni danda'ama jechuun ibsu.
Eenyu fa'atu eerama?
Barreessaa Alamaayyoo Galaagaayi Afaanichi utubaa gamaafi gamanaan
dhaabame qaba jechuun yaada Yashaawiin waliigala.
Barreessitoota Afaan Amaaraa kan jalqabaa gama ilaaluun ''dhugaadha
namoota afaansaanii Amaariffaan hiikatan ni argina,'' jechuun
Makoonninn Indaalkaachoo, Yoofitaaye Nigusee, Girmaachaw T/
Haawaariyaat fa'i kan caqasan Alamaayyoon, haata'u malee ogbarruu
Afaan Amaaraaf dhiigaafii foon itti horuun akka lubbuu qaba