18/01/2021
Ministeerichi imaammata haaraa iftoomse
**************
Gaazexaa Bariisaa
Ministeerri Maallaqaa imaammata haaraa sirna bulchiinsa faayinaansii mootummaa foyyeessuu danda’u haaraa iftoomsu beeksise.
Karoorri imaammata haaraa kun sirna bulchiinsa faayinaansi mootummaa foyyeessuun qaqqabiinsa bajata mootummaa, hojiilee qabiinsa faayinaansiifi herregaa gargaaruun dhaqabiinsa sagantaa sirna bulchiinsa faayinansi ragaan qindaa’e guddisuuf akka gargaaru Ministeerichii beeksisera.
Ministeera Mallaqaatti, Hojii Gaggeessaan Pirojekti Sirna Bulchiinsa Faayinansii Ragaan Qindaa’e Obbo Naggaa Mangistuu, bu’aa qabeessummaa sagantaa kanaa dabaluuf misoomaawwan bu’ura foyya’oo fayyadamaniifi hojmaata dhaabbilee cimsuun giddugala kutaalee biyyatti keessa jiran gara 760ti ol guddisuuf hojjechaa jira jedhan.
Dinagdee maayikiroo Itoophiyaa tasgabbessuf, sirna kenniinsa tajaajila uummataa foyyeessuu, sirna ramaddii bajataa, galii sassabuufi sirna qabiinsa baasii ammayyeessun sirna bulchiinsa faayinansii mootummaa itti gaafatamummaa qabu uumuuf gumaachaa olaanaa qabas jedhaniru. Ministeera Mallaqaarra odeeffanne.