Inshuraansii Barsiisota Oromiyaa

Inshuraansii Barsiisota Oromiyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Inshuraansii Barsiisota Oromiyaa, Jimma.

Permanently closed.

Nu hordofaa 👇
∆https://www.facebook.com/Inshuraansii.Barsiisota.Oromiyaa
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
https://t.me/AI_Tech_2030
•••••••••••••••••••••••••
∆https://www.facebook.com/profile.php?id=100078509707203
•••••••••••••••••••

“Odeeffannoon waa’ee   aanga’oonni Ijipti tamsaasan haqa haaluudha” ~~~~~~~~~~~~~~~~~~  Pilaas| Yaadni Ministirri Dhimma...
23/07/2026

“Odeeffannoon waa’ee aanga’oonni Ijipti tamsaasan haqa haaluudha”

~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Pilaas| Yaadni Ministirri Dhimma Alaa Ijipti “Lagni Abbayyaa kan Itoophiyaa miti’’ jechuun kennan aanga’ootaafi namoota siyaasaa Ijiptiif haqa lafarra jiru haaluufi dhugaa jiruu wajjin kan walhinqabanne ta’uu Hundeessaan Miidiyaa Kiingi of Abbaay Ustaaz Jamaal Bashiir ibsan.

Ustaaz Jamaal Bashiir Gaazexaa Pilaasiif akka ibsanitti, aanga’oonnifi namoonni siyaasaa Ijipti daa’imummaa hanga awwaalchaatti xinsammuu seeneffama dogoggoraarratti ijaarame qabatanii imalu.

Itoophiyaan olka’iinsa qabeenya uumamaan qabduun lagni biyyoota biraarraa garasheettin yaa’u jiraachuu baatus, madda bishaanii bishaan Abbayyaa %85 ol ta’u Sudaaniifi Ijiptiif kennitudha.

Ijipti haqa garaaagarummaa Abbayya Gurraachaafi Adii dimimmiseessuun haqa jijjiiruuf yaaltus, lagichi gaarreen Itoophiyaafi Hara Xaanaarraa ka’uun laggeen Gabbaarii yaa’anirraa kan uumamu waan ta’eef “Kan Itoophiyaa miti” jedhanii dubbachuu sirrii akka hintaane hubachiisaniiru.

Ijipti waa’ee Hidha Abbayyaarratti injifatamuu dippiloomaasii waltajjiiwwan idiladdunyaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin ishee mudate bakka buusuuf ammas odeeffannoowwan dogoggoraa akka ajandaatti fayyadamaa jirti jedhaniiru.

Ijipti Itoophiyaan qabeenya bishaaniishee akka hinfayyadamneefi misoomsineef dhaabbileen faayinaansii idiladdunyaa gargaarsa akka hinkennineef hammattoo seeraa kaasaa dhaabbilee idiladdunyaa tuttuqaa turte. Yaadni bu’uura hinqabne kunis agarsiistuu rakkoo kanaa ta’uu hubachuun nidanda’ama.

Ejjennoon Itoophiyaan bishaan Abbayyaarratti qabdu yeroo kamirrayyuu caalaa qulqulluu, seerota bishaanii idiladdunyaa kan kabajeefi fayyadamummaa waliiniirratti kan bu’uureffamedha. Kanaafis agarsiistuun yeroo hidhichi jalqabamurraa kaasee biyyoota yaa’a gadii waliin marii walittifufaa taasisteefi iftoominasheen agarsiistedha.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
https://t.me/Inshuraansii_2063

23/07/2026

Pirezidaantiin Dhibbeentaa 60 Gadii Yoo Argate Aangoorraa Kaafama.

Ministeerri Barnootaa mootummaa yunivarsiitoota mootummaa keessatti jijjiirama guddaa fiduu danda’u qajeelfama haaraa ifoomseera.

Qabxiileen ijoo qajeelfama mootummaa dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa haaraa (Lak. 1146/2018) keessaa gabaabinaan akka armaan gadiitti ibsaman:
1. Adeemsa Qacarrii fi Qoodinsa Qabxii (30/30/40)
Filannoon kaadhimamtootaa koreewwan walaba lamaatiin kan geggeeffamu yoo ta’u, qabxiin isaanii akka armaan gadiitti qoodama:
30% – Sadarkaa barnootaa fi mootummaa akaadaamii (sadarkaan ol’aanaan qabxii dabalataa argata).
30% – Muuxannoo hojii dhaabbata ijaaruu fi hogganuu keessatti argame.
40% – Karoora tarsiimoo (strategic plan) fi dhiyeessa isaa.

2. Ulaagaa Bu’uuraa
Lammummaa fi Naamusa:
Kaadhimamaan lammii Itoophiyaa ykn dhalataan Itoophiyaa ta’uu qaba; umurii hojii irraa mootummaa (retirement) hin geenye ta’uu qaba; akkasumas maqaan isaa yakka malaammaltummaa, amanamummaa dhabuu ykn yakka naamusaa fi seeraa cimaa keessatti hin xuroofne ta’uu qaba.

Sadarkaa Akaadaamii:
Kaadhimamtoonni dhiiraa mootummaa pirezidaantummaa yunivarsiitii irratti dorgoman keessaa yeroo xiqqaaf mootummaa Assistant Professor ta’uu qabu.
Muuxannoo Hojii:
Yeroo xiqqaaf waggaa 2 pirezidaantii ta’uun ykn waggaa 3 itti-aanaa pirezidaantii yookaan deenii ta’uun tajaajilee ta’uu qaba.

Jajjabeessa Dubartootaa:
Yeroo kaadhimamtoonni dubartootaa gahaan hin jirretti, sadarkaa akaadaamii ol’aanaa osoo hin barbaachisin digrii lammaffaa (MA/MSc) qofaan dorgomuu ni danda’u.
3. Yeroo Tajaajilaa fi Daangaa Tajaajilaa
Yeroo Tajaajilaa:

Pirezidaantiin yeroo hojii waggaa 6 qaba.
Itti-aanaan pirezidaantii yeroo hojii waggaa 4 qaba.
Daangaa Tajaajilaa:
Namni yunivarsiitii tokko keessatti yeroo walitti aansuun al lama pirezidaantii ta’ee tajaajile mootummaa pirezidaantummaaf mootummaa yeroo sadaffaaf dorgomuu hin danda’u. Garuu itti-aanaan pirezidaantii mootummaa pirezidaantummaaf dorgomuu ni danda’a.

Marsaa Lammaffaa:
Pirezidaantiin dorgommii malee marsaa lammaffaaf itti fufu kan danda’u raawwiin dhaabbatichaa olaanaa ta’ee Ministeera Barnootaatiin yoo mirkanaa’e qofa.
4. Madaallii fi Aangoorraa Kaafamuu
Hoggansi yunivarsiitii ji’a sadi sadiin boordiidhaan madaalama.

Madaallii ji’a jaha jahaatiin walitti aansuun lama keessatti bu’aan isaa dhibbeentaa 60 gadi yoo ta’e, yookaan rakkoo fayyaa cimaa, yakka naamusaa cimaa ykn malaammaltummaatiin mootummaa yakki irratti mirkanaa’e aangoorraa ni kaafama.
5. Iyyannoo fi Komii Dhiyeeffachuu
Dorgomaan bu’aa irratti komii qabu bu’aan erga ifoomee booda guyyoota 10 keessatti boordii yunivarsiitichaatti komii dhiyeeffachuu ni danda’a. Murtii boordichaa irratti yoo walii hin galle, gara Ministeera Barnootaatti ol’iyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’a.

Ministry of Education Ethiopia

Waldaa Barsiisotaa Naannoo Oromiyaa

21/04/2026

5

Biyootni Addunyaa boba'aa qaban jaha(6).Gabaasa kana keessatti mee biyyoota kuusaa boba'aa qabaachuun isaanii mirkanaa'e...
13/04/2026

Biyootni Addunyaa boba'aa qaban jaha(6).

Gabaasa kana keessatti mee biyyoota kuusaa boba'aa qabaachuun isaanii mirkanaa'e sadarkaa 1 hanga 6 jiran haa ilaalu.

1. Veenzuweelaa — barmeela biiliyoona 303
Veenzuweelaan oomisha boba’aa addunyaa keessaa %1 gadi kan oomishtu yoo ta’u, kuufama boba’aa addunyaa mirkanaa’e keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.Madda suuraa,Reuters
Ibsa waa'ee suuraa,Veenzuweelaan oomisha boba'aa addunyaa keessaa %1 gadi kan oomishtu yoo ta'u, kuufama boba'aa addunyaa mirkanaa'e keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.
Venezuela kuufama boba'aa mirkanaa'e biyyoota addunyaa kamiyyuu caalaa guddaa ta'e qabdi. Boba'aa addunyaa keessaa gara dhibbentaa 18 qabdi.

Boba'aan kun harki caalaan isaa boba'aa ulfaataa dabalataa kan 'Orinoco Belt' jedhamu keessatti waan argamuuf akka salphatti qulqulleessuuf rakkisaa fi baasii guddaa kan gaafatudha.

Jikitni boba'aa ulfaataa yeroo baay'ee gatii gadi aanan gurgurama. Sababiin isaas salfarii baay'ee waan of keessaa qabuu fi adeemsa walxaxaa waan barbaaduufi.

Veenzuweelaa keessatti oomishni boba'aa haalaan gadi bu'eera. Omishni gara %60 gadi bu'eera , bara 2014tti guyyaatti barmeela miiliyoona 2.5 ture bara darbe 2025 barmeela miliyoona 1 gadiitti gadi bu'eera .

Boba'aa Veenzuweelaa ergitu keessaa gara %80 liqii deebisuuf gara Chaayinaa ergama. Sababa kanaan mallaqni biyyattii hanaga kuufama boba'aa ishee agarsiisu waliin baayyee xiqqaadha.

Diinagdeen Veenzuweelaa galii boba'aa irratti baay'ee hirkata; haa ta'u malee, tasgabbii dhabuun siyaasaa, malaammaltummaan, qoqqobbii idil-addunyaa US irraa ka'e dandeettii oomishaa ishee laamshessee al-ergiin ishee daangeffameera.

Dabalataan dhiheenya kana ammoo sababa bob'aa kanaaf humnoota Ameerikaa Pirezidaantii biyyattii Niikoolaas Maaduroo qabanii hidhuun, boba'aa barmeela miliyoonaan lakkaa'amu gara Ameerikaatti dabarsuuf ta'uun gabaafamaa ture.

2. Sa'uudii Arabiyaa – Barmeela biiliyoona 267
Sa'uudii Arabiyaan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 267 qabdi. Bob'aan biyyattii harki caalaan isaa salphaa fi kan gbaa irratti barbaadamu yoo ta'u sababni isaaf calalanii qulqulleessuuf salphaa fi (kanneen biroo waliin yemmuu wal bira qabamu) baasii guddaa kan hin barbaanneedha.

Sababa kanaan biyyattiin gatii olaanaan gabaa addunyaaf boba'aa dhiyeessaa kan jirtu yoo guyyaatti barmeela miiliyoona 10.88 omishuun, sadarkaa oomishaanis Ameerikatti aantee sadarkaa 2ffarra jirti.

Kuufama boba'aa qabduunis ( Barmeela biiliyoona 267) Veenzuweelaatti aantee sadarkaa 2ffarra jirti.

Kanaanis Saa'udiin murteewwanii fi tarkaanfiiwwan Dhaabbanni Biyyoota Boba'aa Ergii (OPEC) fudhatu keessatti gumaacha olaanaa qabdi.

Yeroo dhiyeessiin addunyaa jijjiiramus gatiin akka tasgabbaa'uuf oomisha ishee sirreessaa turte.

Biyyattiin oomisha dabalataa guyyaatti barmeela miliyoona 2–3 qabachuun yeroo addunyaatti hanqinni mudatu daftee dhiyeessii dabaluu fi gabaa tasgabbeessuun gumaachiti.

Kanaaf dhiyeessiin Sa'uudii Arabiyaan boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa cimaa kan qabu yoo ta'u waraana Iraaniin wal qabatee dhaabbileen boba'aa ishee miidhamuu akka hin hafne gabaasaleen ba'aa turan.

3. Iraan — barmeela biiliyoona 209
Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .Madda suuraa,Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa,Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .
Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .

Kuufama guddaa kana qabaattus, qoqqobbii idil-addunyaa dandeettii Iraan gabaa addunyaa irratti boba'aa gurguruuf qabdu jalaa daangesseera.

Dabalataanis dinagdeen Iraan boba'aa alatti ergitu irratti kan hirkatu yoo ta'u, waldhabdeen fi waraanni baha giddu galeessaa dandeettii oomishaa fi al-ergii ishee akka malee miidhera.

Boba'aan Iraan sababa qoqqobbii cimaabiyyoota dhihaan gatii baay'ee rakasaan Chaayinatti gurgurama.

Yoo qoqqobbiin irra hin jiraanne Iraan guyyaatti gara barmeela miliyoona 4.5 ta'u oomishuun sadarkaa oomishaatin sadarkaa 6ffaa qabatti.

Haa ta'u malee Waraanaa Ameerikaa fi Israa'el ishee irratti banaaniin dhaabbileen boba'aa biyyattii akkan miidhamaniiru. Akka xinxaltootni jedhanitti yeroo itti aanutti sadarkaa dhiyeessi ishee keessa akka gadi buutu tilmaamu.

4. Kanaadaa — barmeela biiliyoona 163
Kaanaadaan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 163 qabaachuun sadarkaa 4ffaa irratti argamti.

Boba'aan biyyatti kun kan naannoo harka 97 ta'u cirracha keessatti waan argamuuf boba'aa furdaa dhimbiibifi baasuuf mala addaa fi invastimantii guddaa barbaadudha.

Kanaadaan sirna siyaasaa fi daldalaa tasgabbaa'aa fi ifa ta'an qabaachuu isheetiin akka dhiyeessituu boba'aa amanamtuu taatetti ilaalamti.

Akkasumas sarara ujummoo kallattiin warshaalee qulqulleessituu Ameerikaa waliin wal qunnamsiisu qabdi .

Guyyatti barmeela miiliyoona 5 caalu oomishuun Ameerikaa, Sa'uudii Arabiyaa fi Raashiyaatti aantee sadarkaa 4ffarratti argamti.

Garuu haalli dhiheenya kana waa'ee boba'aa Veenzuweelaa gara warshaalee qulqulleessitoota Ameerikaatti erguu deebi'ee jalqabuu akka danda'u oduun dhaga'amuu hordofee oomishtoota Kaanaadaa dorgommii cimaan mudachuu akka danda'u yaaddoo uumeera.

5. Iraaq — barmeela biiliyoona 145
Iraq guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.Madda suuraa,AP
Ibsa waa'ee suuraa,Iraq guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.
Iraaq kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 145 tti tilmamamu qabdi.

Waraanni fi qoqqobbii waggoota dheeraaf isheerra ture garuu qabeenyaa boba'aa qabdu gabaa addunyaatti dhiyeessuun dorgomtuu akka hin taane ishee miidheera.

Waldhabdeen keessoo, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi bu'uuraaleen misoomaa laafaa ta'uun dandeettii oomisha boba'aa Iraaq laaffiseera.

Ta'us al-ergiin boba'aa lafee dugdaa dinagdee biyyatti yoo ta'u galiin mootummaa harki caalaan( harki 90) gurgurtaa boba'aa kana irraa argama.

Danqaawwaan kunneen jiraatanis Iraaq gabaa boba'aa addunyaa keessatti taphattuu ijoo taatee itti fufuu dandeesserti.

Guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.

Boba'aan Iraaq alatti ergitu harki caalaan isaa gara Chaayinaa , Hindii , fi biyyoota Eeshiyaa fi Awurooppaatti ergama.

6. Yunaayitid Arab Emireets — barmeela biil.113
UAE kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 113 qabaachuun sadarkaa 6ffaa irratti kan argamtu yoo ta'u hanga oomishtee gabaaf dhiyeessituun ammoo sadarkaa 7ffaarra jirti.

Waggoota kurnan oliif Yunaayitid Arab Emireet addunyaa irratti boba'aa oomishtoota gurguddoo kurnan keessaa tokko turte. Akka maddeen tokko tokko jedhanitti miseensi OPEC kun yoo xiqqaate guyyaatti boba'aa jikita barmeela miiliyoona 4.5 ta'u oomishti.

UAE hikattummaa boba'aa ishee xiqqeessuuf dameewwaan biroo kanneen akka turizimii, teknolojii fi daldalaa irratti hojjataa jirti. Kana jechuun dinagdeen ishee biyyoota Galoo Galaanaa biroo tokko tokko caalaa boba'aa irratti hirkattummaa xiqqaa qaba jechuudha.

Bakki isheen naannoo ulaa Hormuz fi tumsi dhaabbilee boba'aa idil-addunyaa waliin qabdu boba'aa gahumsaan gabaa addunyaatti akka ergitu ishee gargaarera. Garuu haleellaan Iraan dhaabbilee annisaa ishee hedduu hubeera.

Dabalataanis, biyyootni akka Kuweet kan barmeela biiliyoona 100 qabdu, Raashiyaa kan barmeela biiliyoona 80tti tilmaamamu qabduu, Ameerikaa kan Barmeela biiliyoona 74 ta'u qabduu fi biyyi Afrikaa kuufama boba'aa gara Barmeela biiliyoona 48 qabdu Liibiyaan biyyoota addunyaarraa kuufama boba'aa guddaa qabaachuun sadarkaa jalqbarra jiran keessatti eeramu

Biyyootni kuufama boba'aa qabaachuun isaanii mirkanaa'e sadarkaa 1 hanga 6 jiran isaan kami. Dhiibbaan isaan gabaa addunyaa keessatti qaban maal fakkaata?

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Inshuraansii Barsiisota Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share