10/04/2024
Milkiin Imala Badhaadhinaa Gocha Qabatamaan Dhugoomaa Jira.
Pirojektiin Riqicha Rarra'aan Laga Gibee Irratti
Pirojektin Riqicha Rarra'aa (Suspension bridge OrTrial bridge) Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda Laaloo Beeyyamitti porojektiin Aanaa Oomoo Naaddaa fi Aanaa Qarsaa Walquunnamsiisu Ijaaramuu Jalqabeera.
Pirojektiin Suspension bridge Or Trial bridge (Riqicha Rarra'aa) jedhamuun beekamu kunis laga gibee gamanaan gandoole baadiyyaa sadiifi ganda magaalaa tokko itti siqeenyaan tajaajiluu akka danda'utti qoratamuun ganda laaloo beeyyam ,collee beeyyaam ,tolii beeyyam fi magaala Aallee dabalatee Aanaa Oomoo Naaddaa fi Aanaa Qarsaa wal qunnamsiisu deeggarsa dhaabbata HEALVETAS SWISS Intercooperation Ethiopiatin jedhamuun guyyaa har'aa bakka I/A Bulchaa A/O/Naaddaa Obbo Nazoo A/Maccaa argamanitti hojjetamuu jalqabeera.
Qorannoo yeroo garaagaraa gaggeeffamaa tureen Aanaan kenyaa abbaa carraa riqicha kanaa ta'ee akka jiruu fi riqichi kunis Qarshii 9,528,663.31'n hojjetamuuf Kontiraaktera caalbsaasii kana moo'ate woliin woliigalteen xumuramee guyyaa har'aa hojiin isaa jalbasiifamee akka jiru I/Gaafatamaan W/ra Daandiiwwaniif Lojistiksii Aanaa Oomoo Naaddaa Obboo Mahammadsaani Awwal ibsaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa pirooektichaa irratti Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Oomoo Naaddaa Obbo Nazoo A/Maccaa ,I/Gaafatamaa W/ra Daandiiwwaniif Lojistiksii Aanaa Oomoo Naaddaa, Obbo Mahammadsaanii Awwal,Hogganaa Daandiiwwaniif Lojistiksii Godina Jimmaa Inginer Abdulbaasix Awwal fi Gareewwan Gorsitoota Naannoo Oromiyaa irraa dhufan dabalatee Dhaabbata Healvates waliin kontiraakteratti kennamuun hojiin ijarsa isaa kan jalbaamee jiru ta'uu isaa Obbo Mahammadsaani Awwal ibsaniiru.
Rakkoo ummata naannoo kanaa furuuf jecha qooda fudhattoonni nuuf galatoomaa hooggantoonni Aanaa Oomoo Naaddaa fi qaamoleen achirratti hirmaattan hundi keessan.