Callisuu Burqaa.

Website Contact the school

Callisuu Burqaa. Yoomiyyuu jireenyi kan hiika qabaatu waan dhalanneef yoo barre qofaa.

31/07/2026

Mucaa kana

31/07/2026

CRISTIANO RONALDO

Here we go🥰Its amazing👌
25/07/2026

Here we go🥰
Its amazing👌

Baga yeroo fakkeessaa kee xumurtee gara eenyummaa keetti deebite,Brother jalqaba irratti amantiin Muslimaa Alhamdulillaa...
26/06/2026

Baga yeroo fakkeessaa kee xumurtee gara eenyummaa keetti deebite,Brother jalqaba irratti amantiin Muslimaa Alhamdulillaaha rakkina amantootaa hin qabu,adunyaa orra baay'anneerra,lammaffaammoo Muslimummaan faayidaa kiisii barbaacha amanama utuu hin taane qulqullina qalbiifi karaa dhugaa barbaachaaf amanama,3ffaa Namoonni Amantii muslimaa hordofan akka salphaatti hin gowwomfamanu,yeroo tokko tokko utumati seeraan ala sobaan fayyedamaa jirtuu ha jiraatu womaa miti jedhanii beekaa callisanii si ilaalu gaafati daangaa dabarfattumoo kokkee qabanii afaanii nama baasu.Waa tokko goochuun hin danda'amu siyaasaa keetu kasaaree yoo dandeesse amma immoo achii yaali,

Bu'aalee dhiibbaa uumtonni International ta'an biyya saffisaan Guddataa jirtu Ethiopia daawwachuun qabu.👉Jalqaba irratti...
21/05/2026

Bu'aalee dhiibbaa uumtonni International ta'an biyya saffisaan Guddataa jirtu Ethiopia daawwachuun qabu.
👉Jalqaba irratti
​Dhaamsa 'Itoophiyaan Nagaa Dha' Jedhu Dabarsuu irraa eegaluun Keessummoota gara biyyaatti afeeruuf ykn amanamummaa mirkaneessuun dhimma jalqabaati Haalli nagaa fi tasgabbii biyyattii keessa jiru akka qurximmii galaana keessa jirtuu ta'uu isaa agarsiisuu qaba.
Gara bu'alee gurguddootti gaafa ceenu👇
1ffaa,Bu'aa Battalaati
​Biyyatti Addunyaatti Agarsiisuu: Viidiyoon, suuraan, fi 'story'n inni hordoftoota isaatiif qoodu, miidhagina uumaamaa, seenaa, fi aadaa Itoophiyaa Altokkotti namoota miliyoonaan lakkaa'amaniin gaha. Kun immoo namoota waa'ee Itoophiyaa hin beekne akka beekan taasisa.
👉​Iimeejii Biyyaa Fooyyessuu: Miidiyaaleen addunyaa yeroo baay'ee oduu haala biyyattii hin ibsine qofa waan gabaasaniif, namni beekamaan kun Itoophiyaan nagaa, miidhagduu, fi keessummaa simattuu akka taate agarsiisu qaba, ilaalchi dogoggoraa namoonni biyyattif qaban karaa nama kana ni jijjiirama.
👉​Diinagdee Hawaasummaaf iddoowwan inni daawwatu, hootelonni inni buluu fi meeshaalee aadaa inni bitu hundi daldala naannoo sanaa ni ho'isu.
​2.dhufaatii nama kanaatiin Wantoota Nuti isarra barbaannu,
​Seenaa Fi Aadaa Sirrii Qooduu Suuraa miidhagaa qofa osoo hin taane,qabeenyota biyyattii adunyaaf beeksisuu fknef Holqa soof umar,masaraa abbaa jifar,bineensota Oromiyaa paarkii diinshoo,paarkii baatuu bosona yaayyoo,dhagaa jogol,fi kkf hordoftoota isaatiif sirritti ibsuu qaba. Kun immoo turistoonni akka dhufan qofaa osoo hin taane, barumsaaf akka dhufan taasisa.
​Turizimii Naannoo fi Hawaasaa sirriitti beeksisuu qaba hootelota gurguddoo qofa osoo hin taane, jireenya hawaasummaa namoota nagaa, qonnaan bultootaa fi daldaltoota xinnoollee agarsiisuu qaba. Kun immoo galiin turizimii kallattiin namoota harka qalleeyyii akka qaqqabuuf bu'aa buusu mala.
Hub:Addatti immoo mucaan kun deeggaraa ta'un isaa amanammuu isaa daran jabeessa❤️🥰

 !💔Dhiiga gootummaatiin onneen kee sodaa dhowwamee,Eenyummaa Oromootiin faayamee, simamee,Garuu dhimma gootota Kaaba Lan...
20/05/2026

!💔
Dhiiga gootummaatiin onneen kee sodaa dhowwamee,
Eenyummaa Oromootiin faayamee, simamee,
Garuu dhimma gootota Kaaba Landan sanaaf,
Jaalala addaa addunyaaf adda ta'e qabdaaf.
​Eebboo jaalalaa baattee moosiste onnee keerratti,
Obsaan eeggataa turte guyyaa goonfoo isaatti,
Tapha takka hin dhiistu, halkan geessee eeggataa,
Har'as ni mo'anna jettee abdiin weeddista.
​Maddi gootummaa keetii Gadaa fi Sirna keenya,
Deeggarsi kee garuu, bohaartii onnee keenya,
Arsenaal ni kaasa jettee dubbataa turte,
Utuu waancaan sun hin mirkanaayin garuu fuggisitee nu gattee kutte
​Yaa leenca Oromoo, jaalala kanaan badhaate,
Goota utuu Arsenal hin injifatin dacheen si liqimsite,
Yommuu waancaan sun dhuftu, Emiratsitti ka'uu,
Si'iin hin irraanfannu, maqaan kee haa waamamu!
​Gaddii koo dachee kanarratti si dhabuu keenya,
Garuu abdiin kee sun jira keessa onnee keenyaa,
Bakka jirtutti ruuhiin kee haa gammaddu
Arsenaal mo'ateera ammaa dachaa boqadhu.💔💔

 Butii dhiiraaButiin Aadaa fuudhaafi Eerumaa keessaa tokko  ta'e haalli adeemsa isaa dur gurbaatu intala jaallate feedhi...
16/05/2026


Butii dhiiraa
Butiin Aadaa fuudhaafi Eerumaa keessaa tokko ta'e haalli adeemsa isaa dur gurbaatu intala jaallate feedhiifi beekumsa ishii male humnaan dirqisiisee adeemsa itti fuudhudha amma immoo gurbaatu fedhiifi yaada isaa male birrii, mana bareedaafi konkolaataa bareedaadhan gowwoomfamee fuudhamaa jira🙈.
aadaa durii keessa isa fudhatama hin qabneefi aadaa boodatti hafaadha akkasumas ilaalchaafi kabajaa dhiirummaa keenyaa kan miidhudha dabalataan immoo seera biyya keenya Ethiopia illee kan faallessudha walumaagalatti butiin yeroo amma aadaa fuudhaafi heerumaa baay'ee balaaleffatamuufi jibbamudha akkasumallee dhorkamaadha
Warri dhiiraa birrii ha qabaattu male qaala'insa jireenya amma jiru kanaa wajjin wal qabsiiftee maal jetta ati🙄
comment naa goodhi🥺

14/05/2026

arsenal

Address

Town
Jimma
JIREENYAAF

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Callisuu Burqaa. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Callisuu Burqaa.:

Shortcuts

Share